Meesiin gara Barselonaatti deebi'aa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Yunaayitid ganna kana taphataa sarara fuulduraa Tootinaam Haarii Keen mallatteessisuu dhabuu mala jechuun sodaa kan qaban yoo ta'u, Ispeers ammoo yeroo dhiyootti kontiraata isaa irratti waggaa tokko qofa hafellee dursaa Ingilaand ganna 29 kana tursiisuuf kutatanii jiru.(Mirror)
Pireezidaantiin Laaligaa Jaaviyer Teebaas taphataa sarara gidduu Ispeen Sarjiyoo Buskeets Baarseloonaa irraa bahuun isaa kilabni Ispeen taphataa sarara fuulduraa Arjentiinaa Liyooneel Meesii, kan kontiraatni isaa Paaris Seent Jarmaniin xumuramaa jiru, irra deebi'ee mallatteessisuuf ''jalqaba imalaa'' ta'uu dubbataniiru.(Cadena COPE - in Spanish)
Taphataan sarara fuulduraa lammii Beeljiyeem Romelu Lukaakuu, ganna kana liqiidhaan Inter Miilaan irraa gara Cheelsii deebi'ee leenjisaa haaraa Biluus Mauricio Pochettino waliin mari'achuu fi akkasumas egeree isaa irratti murteen osoo hin ga'amin dura shaakala bara dorgommii duraa irratti ni hirmaata.(Mirror)

Madda suuraa, Getty Images
Pochetiinoon Cheelsiin taphataa sarara gidduu Ingilaandi Mason Mount, kan kontiraatni isaa dhuma bara dorgommii dhufuu irratti Biluus waliin xumuramu waliin akka deebi'ee marii jalqabu barbaada. (Standard)
Aston Viilaan taphataa sarara gidduu Ispoortiin Liisboon Maanu'eel Ugaartee fudhachuuf mari'achaa kan jiru yoo ta'u, taphataa lammii Uraagaay ganna 22 kun Cheelsii fi Liivarpuul waliinis maqaan isaa ka'aa jira.(Football transfers)
Bakka bu'aan Ugaartee kilaboonni hedduun taphataa kanaaf fedhii akka qaban kan himan, innis ganna kana Ispoortiin Liisboon gadhiisuuf abdii qaba.

Madda suuraa, PA Media
Maanchistar Yunaayitid goolii eegaa Evertan fi Ingilaand Joordaan Piikfoord bitachuuf qophaa'aa jira, kun ammoo yoo goolii eegaa Ispeen Deeviid Di Gea kilabicha gadhiisuuf murteesse.(Mirror)
Sadarkaan De Gea Ooldiraaford keessatti shakkii keessa erga turee booda Maanchistar Yunaayitid Anderlecht fi goolii eegaa lammii Nezerlaand Bart Verbruggen kan umriinsaa ganna 20 mallatteessisuuf fedhii guddaa qaba.(Manchester Evening News)
Goolii eegaa Arjentiinaa Emiliyanoo Maartineez ganna kana Aston Viilaa gadhiisuuf kan eegamu yoo ta'u, Cheelsiin, Maanchistar Yunaayitid fi Tootinaam taphataa ganna 30 kana argachuuf wal dorgomu.(Gaston Edul, TyC Sports)

Madda suuraa, Getty Images
Hojii gaggeessaan olaanaa Inter Miilaan Juuseepe Maarootaan leenjisaan Siimoone Inzaagiin kilabicha keessatti akka hafu itti dhagahama, itti dabaluudhaan goolii eegaa Kaameeruun Andiree Onana kan Maanchistar Yunaayitid waliin walqabatee ture, kilabii Seerii A keessa turuu akka barbaadu dubbataniiru. (La Gazzetta dello Sport - for Italian)
Aston Viilaan taphataa sarara fuulduraa Riyaal Maadriid Maarkoo Asensiyoo jijjiirraa bilisaatiin mallatteessisuu barbaada, yeroo ganna kana kontiraatni lammii Ispeen kun xumuramu.(Athletic- Registration required)
Evertan bara kana taphataa sarara ittisaa Saawuzhaampitan lammii Gaanaa Mohaammad Saalisuu fudhachuuf fedhii guddaa qaba. (Football Insider)

Madda suuraa, Getty Images
Niwukaastil Yunaayitid taphataa sarara cinaa Baayer Leverkusen Muusaa Diyaabii fudhachuuf dorgommii Paaris Seent Jarmaniin kan isaan mudatu yoo ta'u, kilabni Jarman kun yoo xiqqaate Yuuroo miiliyoona 60 taphataa lammii Faransaay kanaaf barbaada. (Sport Bild - in German) .
Baayer Muunik taphataa sarara ittisaa isaanii Joo'oo Kaanseeloo liqiidhaan Maanchistar Siitii keessa jiru tursiisuu kan barbaadu yoo ta'u, Arsenaal fi Baarseloonaas taphataa lammii Poorchugaal kana argachuuf fedhii qabu. (90 Min)
Taphataan sarara ittisaa Cheelsii Dujon Sterling, torbeewwan dhufan keessatti jijjiirraa bilisaatiin gara kilabii Iskootilaandii Reenjarsiitti ni ce'a jedhamee eegama.(Standard)
Noorwiich Siitiin taphataa sarara fuulduraa Ingilaand Ashlee Baarnes mallatteessisuuf jira, yeroo ganna kana kontiraatni taphataa kun Barnley waliin qabu xumuramu.(Football Insider)












