Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga duunee booda fuulli miidiyaa hawaasaa keenya akkam ta'a?
''Namootni gariin Maatiiw du'uusaa hin beekan. Fuula miidiyaa hawaasaa isaarraa guyyaa dhalootasaa waan arganiif ergaa baga dhalatte jedhu ni maxxansu. Miira gaarii hin qabu.''
Kana kan dubbattu haadhawarraa Maatiiw kan taate Haayley Ismiizi. Abbaan warraashee Maatiiw ganna 33tti dhibee kaansariin erga du'e ganni lama darbeera.
Miidiyaalee hawaasaa inni itti fayyadamaa ture maal akka gootu wallaalteetti. Fuula Feesbuukii Maatiiw gara peejii yaadannootti jijjiiruuf yaalteetti. Waraqaa ragaa du'asaa ibsu appilood gochuu waan gaafatuuf sana erga raawwattee yaaliiwwan 20 booda, ammallee akka isheen feetu hin taane.
Teknoolojiin hammuma ammayyaawaa deemu addunyaarratti namootni biiliyoonaan lakkaa'aman miidiyaalee hawaasaatti dhimma bahu. Garuu ammoo erga du'anii booda fuulli miidiyaa hawaaasaa isaanii akkam ta'a kan jedhu dubbii ijoo ta'aa dhufeera.
Hamma maatiin nama du'ee miidiyaa hawaasaa sana qunnamuun du'a nama sanaa hin ibsinetti akkawuntiin nama sanaa hojjechu ittuma fufa.
Miidiyaaleen hawaasaa gariin maatii dhiyoon nama du'ee yoo du'a nama sanaa mirkaneesseef akkaawunticha guutummaatti ni cufu. Kaan ammoo filannoo biroo dhiyeessu.
Fakkeenyaaf meta, kan feesbuukiifi Inistaagiraamii harkaa qabu, maatiin waraqaa ragaa nama du'ee yoo dhiyeesseef akkaawunticha ni haqa ykn ammoo fuula yaadaannoo nama sanaa akka ta'utti “memorialised” jechuun geeddara.
Kana jechuun akkawuntichi gara peejiitti jijjiiramee namootni suuraafii yaadannoolee isaanii akka qoodan hiree kennaaf.
Akkaawuntiin nama du'ee adeemsa kana keessa darbe, maqaa akkaawuntichaan olitti barreefama ''in memoriam'' jedhu ni agarsiisa. Peejii kana namni kamuu itti galee waa gochuu hin danda'u. Namni du'e sun garuu dursee miseensa maatii isaaf hayyama,“legacy contact” jedhamu kennuun peejicha akka to'atan ykn akka cufan mirga kennuu danda'a.
Feesbuuk gubbaatti akkaawuntiiwwan kan yaadannooti (memorialised) kan jedhutti jijjiiraman “People You May Know” jedhamuun namni kaan akka michoomfatu hin ergaman. Namoota michuu nama du'ee ta'anittis yaadachiisni guyyaa dhalootaa nama du'e sanaa hin ergamu.
Google, YouTube fi Gmail ammoo namootni yeroo murtaa'eefi hin murtoofneef akkaawuntiiwwan isaaniitti hin fayyadaman yoo ta'e, hireen akkaawuntichaa maal akka ta'u akka barbaadan ni gaafatu. Akka fedha nama saanaattis ni raawwatu.
X(duraan tiwiitar) jedhamuun kan beekamu garuu akka feesbuuk akkaawuntiiwwan namoota du'anii gara peejii yaadannootti jijjiiruuf carraa hin kennu. Filannoon tokkichi jiru akkaawuntii nama du'e ykn yeroo dheeraaf itti hin fayyadamne sanaa haquudha.
Akka gabaasaan dhimmoota teeknolojii BBC World Service Jooyi Taady jedhutti, miidiyaaleen hawaasaa haalota akkasii keessatti wanti irratti xiyyeeffatan odeeffannoon dhuunfaa namootaa akka hin baane gochuudha jedha.
Miidiyaaleen hawaasaa haaraan kan akka TikTok fi Snapchat dhimma kana irratti ammatti seera baasan hin qaban.
Nageenyi odeeffannoofi suuraalee namoota du'anii harka namoota ''hamoo'' galuun garuu balaa qabaachuu danda'a.
''Suurri, daataafi viidiyoon maqaa nama du'e sanaan akkaawuntii sobaa banuun, namoota namni du'e beekuu fi hiriyyoota du'uusaa hin beeknerraa maallaqa guuruuf ooluu danda''' jedhu ogeessi yakka Saayibarii Saasaa Zivaanoviich.
Kana bira darbees yakkootni hedduun ragaalee nama du'e kanaa fayyadamuu hojjetamuu danda'u.
Jeemsi Nooriis hundeessaa waldaa leegasii dijitaalaa UK keessa argamuuti. Namni kamuu du'uusaa dursee waayee akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa isaa yaaduufi irratti qophaa'uu qabaa jedhe.
Akka fakkeenyaatti feesbuuk fudhachuun suuraafi viidiyoo bara jireenyasaa dhoobe mara waltajjicharraa daawunlood gochuun haqee dhalasaaf dabarsuu akka danda'u, ergaawwan namaa waliin haasa'aa ture maras balleessuu akka danda'u dubbata.
Ammoo dhaabbileen miidiyaa hawaasaas akkaawuntiiwwan namoota du'anii ilaalchisee maatii firri jalaa du'eef haala si'ataa ta'een fala gochuu qabuu jedha.
Ogeettiin kan biroon Saaraah Staanleey yaadni leegasii dijitaalaa(digital legacy) jedhu miidiyaa hawaasaa qofaaf osoo hin taane damee hedduu keessa waan galuuf bal'ifamee ilaalamuu qabaa jetti.
Namni kamuu erga du'ee booda miidiyaan hawaasaa isaa maal akka ta'u qofa osoo hin ta'iin kan yaaduu qabu walumaagalatti wantoota dijitaalaan fayyadamaa tures ta'uu qabaa jetti.
''Suuraa fi viidiyoowwan dijitaalaa yaadannoo hedduu qabu'' kan jedttu Saaraah ''daldala dijitaalaa kara Baankiin gaggeessinu keessas odeeffannoon keenya hedduutu jiraa'' jetti.
''Akkaawuntii miidiyaa hawaasaa keenya namni akka fudhatu ni barbaannaa? Nami yaadannoo keenyaa akka itti fayyadamu ni barbaannaa? aalbama suuraalee dijitaalaa keenya ilmaan keenyaaf dabarsuu barbaannaa? moo pirnt goonee waan harkaan qaqqabatamu gochuu feena? leegasiin dijitaalaa kun waan irratti yaadamuufi dubbatamuu qabuudha'' jetti Saaraah.
Haayleeyfi Maatiiwiif garuu dubbiin kun salphaa hin turre.
''Waayee kanaa Maat wayita du'uuf jedhu waliin dubbachuu hin dandeenye. Sababni isaas waayee du'uu dubbachuu hin barbaadu ture'' jetti.
''Hamma danda'e jiraachuu barbaada ture, garuummoo akka malee dhukkubsate. Sadarkaa sirriitti of beekurra hin turre. Kanaaf gaaffilee koof deebii kennuu hin dandeenye.''
Maatiiw xannacha sammuu keessatti biqile waan qabuuf atattamaan waldhaansi baqaqsanii yaaluu godhameef, achiis keemooteeraappiin itti fufee fudhate akka gaarii ture. Booda garuu xannachi itti deebi'e. Hakiimotni yeoon lubbuun turuuf qabu waggaa tokko callaa akka ta'e itti himan.
Walfuudhanii kan waliin jiraatan waggaa tokkoof qofa ture.
Akka isheen jettutti, maqaan abbaa warraashee du'e kanaa bakka heddutti galmaahee jira. Iddoo kanfaltiiwwan tajaajiloota hedduu dabalatee jechuudha.
''Kana hunda jijjiiruun ulfaataa ture. Wantoota gama dijitaalaan jiran mara jijjiiruuf ji'oota 18 natti fudhateera'' jetti.
Haayileey akkaawuntiin feesbuukii Maatiiw kan yaadannoo akka ta'u gochuuf si'a 20 yaaltee dadhabdus kaampanichi adeemsa kana maatii namoota du'aniif salphaa gochuu qabaa jetti.