Barreessaa gameessi Keeniyaa ganna 87tti boqotan Niguugii Waa Tiyoongoo eenyu?

Barreessaa gameessa Keeniyaa Niguugii Waa Tiyoongoo

Madda suuraa, Ngugi wa Thiong'o

Barreessitoota hoog-barruu ammayyaa Afrikaa keessatti qooda olaanaa gumaachan waliin maqaansaanii kan ka'u barreessaa gameessi Keeniyaa Niguugii Waa Tiyoongoo umriisaanii waggaa 87tti addunyaa kanarraa du'aan boqotaniiru.

Waggoota kurna ja'an darbaniif adeemsa Keeniyaan waanjoo kolonii Ingiliiz ofirraa fonqolchuuf keessa dabarte qaaccessanii barreessuun addunyaaf ibsaa turaniiru.

Hoog-barruu Afrikaa afaan Afrikaatiin akkaataa fedhii Afrikaatiin barreessuu keessatti warra bu'uura kaa'an keessatti maqaansaanii kan eeramu Niguugiin, yeroo hedduuf badhaasa noobeelii argatu jedhamuun eegamaa turanis garuu hin milkoofneef.

Bara 1938 osoo Keeniyaan waanjoo kolonii Ingiliiz jala jirtuu kan dhalatan barreessaa gameessi kun, magaalaa Limuuruu jedhamtu keessatti guddatan.

Maatii qonnaan bultootaa ijoollee hedduu qaban fi harka qalleeyyii keessatti guddatan.

Umriinsaanii wayita barnootaaf ga'u mana barnootaa bultii addaa warra Biriteen Alliance jedhamu seenan.

Yeroo tokko gaaffii fi deebii taasisaniin wayita mana barnootaa bultii addaarraa gara qe'eesaaniitti deebi'an ollaan keessatti dhalatan gita bittootaan mancaatee akka argan ibsan.

Bara fincila Maawu Maawu jedhamuu maatiin isaanii fi lammiileen Keeniyaa hedduun mooraa baqattootaa keessa jiraachuuf dirqamanii turan.

Fincilli Maawu maawu bara 1952 hanga 1960 ture jireenya barreessaa Niguugii sirriitti kan ibsu ture.

Obboleessi Niguugii kan Gitoosaa jedhamu ajaja loltoota Biriiteen fudhachuu dide jedhamee dugdasaarra rasaasaan ruktamee kan ajjeefame yeroo warraaqsa kanaa ture.

Gitoosaan ajaja loltoota Biriiteen kan hin fudhanneef rakkoo dhageettii waan qabuuf ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1959 yeroo fincilli uummata Keeniyaa koloneeffattoota Biriiteenitti cime ture Aab Niguugiin gara Yugaandaa imaluun Yuniversitii Makereereetti barnootasaanii kan itti fufan.

Osoo Yuniversitii Makereeree jiranii waltajjii waldaa barreessitootaa tokkorratti koppii asoosama isaanii jalqabaa barreessaa gameessa Naayijeeriyaa Chinuwaa Acheebeef qoodan.

Acheebeenis asoosama nama kanaa gara mana maxxansaa UK keessatti argamu tokkootti ergeef. Haala kanaan asoosamni beekamaan barreessaa Niguugii 'Weep Not, Child' jedhamu bara 1964 maxxanfamee ba'e.

Gaazexaan Taayimsi bara 1972 Niguugii ''barreessitoota ammayyaa Afrikaa bebbeekamoo keessaa tokko,'' jechuun maqaa barreessaa kanaa maxxanseera.

Barreessaa gameessi kun bara 1977 maqaa dhalootaa isaanii kan ture Jeemsi kan jedhu dhiisanii Niguugii Waa Tiyoongoo jedhamuun waamamuu eegalan.

Kanas kan godhaniif waanjoo kolonii jalaa walaboomuu agarsiisuuf akka ta'etu himama.

Yeroo dhumaaf asoosamni isaan afaan Ingiliiziin barreessan 'Petals of Blood' jedhama.

Kitaaba kana booda afaan dhalootaa isaanii- Kikkuyyuu, qofaan barreessuu itti fufan.

Lammiileen Keeniyaa fincila Maawu maawu keessatti hirmaattan jedhamuun dararamaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi kolonii mormuun kan beekaman barreessaan kun, bulchiinsa Joomoo Keeniyaataa waan qeeqaniif waggaa tokkoof mana murtiitti osoo hin dhihaatin hidhamaniiru.

Wayita mana hidhaa turanitti kitaabi isaan afaan Kikkuyyuun barreessan afaan Ingiiziitti yoo hiikamu 'Devil on the Cross' kan jedhu ture.

Ji'oota 12 wayita mana hidhaatti dabarsan waraqaa ciccitaa mana fincaanii keessaa walitti qabuun kitaaba kana irratti barreessaa turan.

Mana hidhaatii erga gadhiifamanii waggaa afur booda namoonni ajjeesuuf isaan adamsan jiraachuu himachuun sodaa qabanirraa kan ka'e gara UK fi US baqatanii jiraataa turan.

Jiruu baqaa waggaa 22 booda gara Keeniyaatti deebi'an.

Wayitasaan gara biyyasaaniitti deebi'an lammiileen Keeniyaa kumaatamaan lakkaa'aman adda babayiitti ba'uun simataniiru.

Haata'u malee gidduuma kanaan gareewwan wal ijaaran mana Niguugii cabsanii seenuun barreessicha reebanii, haadha warraasaanii gudeedanii ba'an.

Haadha manaa lammaffaa Niguugiii kan Yuniversitii Kaalifoorniyaatti waliin hojjetaa turte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haadha manaa lammaffaa Niguugiii kan Yuniversitii Kaalifoorniyaatti waliin hojjetaa turte

Niguugiin gara Ameerikaatti deebi'uun yuniversitiiwwan Yeel, Niwu Yoork fi Kaalifoorniyaa irraa gulantaa pirofeesarummaa argataniiru.

Barreessaan kun yeroo lama gaa'ila godhatanii hiikaniiru. Niguugiin abbaa ijoollee sagaliiti, kitaabota afur maxxansaniiru.

Bara 1995 kaansarii qaama hormaataan qabamuun, ji'a sadi qofa lubbuun jiraachuu akka danda'an ogeeyyiin fayyaa itti himanii turan.

Haata'u malee osoo hin du'in yoona ga'aniiru. Bara 2019 ammoo dhibee onneen qabamuun wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefii ture.

Ergasii dhibee kaleetiin qabamuun hanga lubbuun darbanitti dhukkubsataa turan