Kitaabni gazexeessaa Gariyaa Tulluu barreesse erga inni du'ee waggoota 13 booda argamee maxxanfame maal qabate?

Kitaabni kuusaa Walaloo matada duree 'IRREE' jedhuu fi gaazexeessaa Gariyaa Tulluutiin barraa'ee ture tibbana eebbifame.
Raadiyoo Itoophiyaa fi raadiyoo Oromiyaa irratti qophiilee hojjetuun dhageefattoota biratti kan beekamu gaazexeessaa Gariyaa Tulluu, Godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleetti dhalate.
Gazexeessaan kun bara 2013tti umurii dargaggummaatti balaa konkolaataatiin ture lubbuun isaa kan darbe.
Waldaan barreessitoota Oromoo Damee Kibbaa seenaa Gaazexeessaa kanaa irratti kitaaba barreessuuf yeroo ragaalee walitti qabachaa turetti kitaabni gaazexeessaan kun yeroo lubbuun jiru barreesse dokumantoota maatii harka jiran keessaa argamuu hima.
Barreessaan Boordii Waldaa Barreesitoota Oromoo, Barsiisaa Nuraddiin Ibraahim BBC'tti akka himanitti, dokumantii maatii gaazexeessaa kanaa harka jiru keessaa kitaabonni inni yeroo lubbuun ture barreesse sadi argamuu hima.
"Seenaa Gariyaa kana hojjechuun namoota birootiifis kaka'umsa ta'uu danda'a kan jedhuun seenaa isaa kana walitti qabnee barreessuuf tattaafachaa turre. Barreesitoota kaan waliin taanee ragaalee walitti qabaa turre," jechuu haala ture ibsan.
"Haati warraa gazexeessaa Gariyaa ammoo ragaalee mana jiran akka ilaallee fayyadamnu nuu heeyyamuun yeroo ragaa walitti qabnutti kitaaba inni barreesse kana 'Filashii' irraa kan argine. Kana qofa miti kitaabonni lama ammoo harkaan kan barreeffamnis jiru," jedhu.
Kitaabota gaazexeessichi barreesse keessaa kitaabni kuusaa walaloo 'Irree' jedhu kun waan hunda innumti dura kan xumuree kaa'e akka ta'ee fi isaan qabiyyee fuula kitaabichaa fi gulaallii taasisuun akka maxxanfamu gochuus hima.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kitaabni kuusaa walaloo kun erga barreessichi lubbuun darbee waggoota 13 booda kan argame waan ta'eef koree hundeessuun maxxanfamee akka eebbifamu gochuus hima.
Kitaabni Gazexeessaa Gariyaa Tulluu barreesse erga inni lubbuun darbee waggoota 13 booda argamee maxxanfame
Kitaabni kuusaa Walaloo matada duree 'IRREE' jedhuu fi Gaazexeessaa Gariyaa Tulluu barreesse tibbana eebbifame.
Raadiyoo Itoophiyaa fi Raadiyoo Oromiyaa irratti qophiilee hojjetuun dhageefattoota biratti kan beekamu Gaazexeessaa Gariyaa Tulluu, Godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleetti Dhalate.
Gazexeessaan kuni bara 2013 umrii dargaggummaatti balaa Konkolaataatiin ture lubbuun isaa kan darbe.
Waldaa Barreessitoota Oromoo Damee Kibbaa seenaa Gaazexeessaa kanaa irratti kitaaba barreessuuf yeroo ragaalee walitti qabachaa turetti kitaabni gaazexeessaan kuni yeroo lubbuun jiru barreesse dokumantoota maatii harka jiran keessaa argamuu hima.
Barreessaa Boordii waldaa Barreesitoota Oromoo, Barsiisaa Nuraddiin Ibraahim BBCtti akka himanitti, dokumantii maatii Gaazexeessaa kanaa harka jiru keessaa kitaabonni Gaazexeessichi yeroo lubbuun ture barreesse sadi argamuu hima.
"Seenaa Gariyaa kana hojjechuun namoota birootiifis kaka'umsa ta'uu danda'a kan jedhuun seenaa isaa kana walitti qabnee barreessuuf tattaafachaa turre. Barreesitoota kaan waliin taanee ragaalee walitti qabaa turre"
"Haati warraa Gazexeessaa Gariyaa ammoo ragaalee mana jiran akka ilaallee fayyadamnu nuu heeyyamuun yeroo ragaa walitti qabnutti kitaaba inni barreesse kana 'Filashii' irraa kan argine. Kana qofa miti kitaabonni lama ammoo harkaan kan barreeffamnis jiru" jedha.

Kitaabota gaazexeessichi barreesse keessaa kitaabni Kuusaa walaloo 'Irree' jedhu kuni waan hunda innumti dura kan xumuree kaa'e akka ta'ee fi isaan qabiyyee fuula kitaabichaa fi gulaallii taasisuun akka maxxanfamu gochuus hima.
Kitaabni kuusaa walaloo kuni erga Barreessichi lubbuun darbee waggoota 13 booda kan argame waan ta'eef koree hundeessuun maxxanfamee akka eebbifamu gochuus hima.
"Magaala Kofaleetti sagantaan eebbaa guddaan qophaa'ee keessummoonni hedduun bakka argamanitti kitaabni kuni Dilbata darbe kan eebbifame. Galiin gurgurtaa kitaaba kana irraa argamus maatii gaazexxeessaa kanaa tumsuuf kan ooludhas" jedha Nuraddiin.
Seenaan Gaazexeessaa buleessa kanaa dhalootatti akka darbuufis bulchiinis Magaala Kofalee fi aanaa Kofalee manneen barnootaa fi daandiin maqaa Gaazexeessaa kanaatiin akka mogga'u sagantaa eebbaa kanarratti ibsamuus hima.
Kana malees Maatii Gaazexeessaa kanaa gargaaruuf jecha Magaala Kofalee keessaa lafti mana jireenyaa maatii Gariyaatiif kennamuufis murtaa'eera.
Gaazexeessaa Gariyaa Tulluu quuqama Oromummaa nama qabuu fi keessumaa hundeeffama Raadiyoo fi Tv Oromiyaa irratti angaa'aa olaanaa biyyattii nama turan waltajjii irratti dubbii itti dubbataniin yaadatamu.
"Waltajjii guddaa ogeessonni miidiyaa irratti hirmaatan irratti yeroo sana ministeera Kominikeeshinii kan turan Obbo Barakat simoon 'Dogogorrii guddaan nuti hojjenne raadiyoo fi Tv Oromiyaa banuu keenya' yaada jedhu dubbatan"
"Gariyaan gaaf sana angaa'aa olaanaa Kanaan 'Dogoggorri guddaan sin hojjettan miidiyaa kana banuu osoo hin taane dubbii amma dubbattan kana' jechuun deebiseefii ture" jechuun ibsa Nuraddiin.
Waldaan Barreesitoota Oromoo kitaabonni Gaazexxeessichi barreessee ture lamaan hafanis xumuramanii dubbistoota bira akka gahuuf akka hojjetanis himan.
Gaazexeessaa Gariyaa Tulluu yeroo Lubbuun turetti bultii kan qabuu fi abbaa mucaa tokkoo akka tures seenaan isaa nimul'isa.












