Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoonni jajjaboon shan haalli Oromiyaafi Amaaraa keessaa nu yaaddeesse jedhan
Biyyoonni jajjaboon shan; Ameerikaa, UK, Awustiraaliyaa, Jaappaan fi Niiw Zelaandi ibsa waloo baasaniin walitti bu’iinsi naannoolee Amaaraafi Oromiyaatti mudate du’a namoota nagaa fi tasgabbii dhabiinsaaf sababa ta’eera jedhan.
Walitti bu’iinsa naannoolee lamaan keessatti gaggeeffamaa deemu keessatti qaamooleen qooda fudhatan hundi namoota nagaaf of eeggannoo akka taasisan, mirga namoomaa akka kabajanii fi gargaaramummaa isaanii karaa nagaatiin akka furaniif gaafatan.
Naannoo Amaaraatti tibbana walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota faannoo jidduutti umameen namoota nagaarratti dhiibbaa qaqqabsiisuun alatti naannichatti tasgabbii dhabiinsa uumee ture.
Humnoota addaa naannoolee hidhannoo hikkachiisuun haala wal qabateen naannoo Amaaraa keessatti rakkoon nageenyaa baatiif turee torban darbe keessa gara walitti bu’insaatti ce’uun tajaajilli geejjibaa fi tajaajilli inatarneetii adda cituun himameera.
Naannichatti eddoowwan tokko tokkoo ammoo guyyaaf hidhattootaan to’atamanii turan.
Tasgabbii dhabiinsi naannoo Amaaraatti mudate kunis humna naannichaatiin ol ta’usaatti mootummaan federaalaa jidduu akka galuuf naannichaan waamichi dhiyaachuun ni yaadatama.
Mootummaan federaalaas haalicha to’achuuf labsii yeroo muddamaa labsuun izzii qajeelcha waliigalaa hundeessuun tarkaanfii seera kabachiisuutti seenuu beeksiisuun ni yaadatama. Haaluma kanaanis naannichatti nageenyi hanga tokkoo deebii’uu izzichi ibseera.
Gama biraatinis naannoo Oromiyaatti hidhattoonni Waraana Bilisumma Oromoo (WBO) kan mootummaan ''Shanee'' jedhuun wal qabatee naannichatti eddoowwan garaagaraatti erga nageenyi dhibee bubbuleera.
Keessattuu godinaalee Wallaggaa arfan, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Lixaa akkasumas godinaalee Boranaafi Gujii kanneen hidhattoonni WBO bal’inaan keessa socha’a rakkoon nageenya irra deddebiin mudataa ture.
Naannoolee kanneenittis ajjeechaan namoota nagaa fi butuu, dhabiinsa nagaa, tajaajilli geejjibaafi bilbilaa adda cituu irra deddebiin mudataa turan.
Biyyoon lixaa keessattuu walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota naannoo Amaaraatti mudatee akka isaan yaaddeessee fi hirmaattoonni walitti bu’insichaas garaagarummaa isaanii karaa nagaatiin akka furaniif gaafataa turan.
Keessattuu haalli naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru akka isaan yaaddeessee Ameerikaan karaa Ittigaafatama Waajjira Dhimma Alaa ishee Antoonii Biliinkaniin Ministira Mummeedhaaf ibsite turte.
Haalli naannoolee Amaaraa keessa jiru isaan yaaddeessuu kan ibsan Ameerikaa, Kaanaadaa, UK fi Awustiraaliyaan lammiilee isaanii gara naannichaa akka hin imalee, ykn kan achitti argaman of eeggannoo akka taasisanii fi kanneen garas imalu barbaadan ammoo gorsa akka gaafataniif gorsanii ture.
Akkasumas biyyoonni diinagdeen ciccimoo shanan, Ameerikaa, UK, Awustiraaliiyaa, Jaappaan, fi Niiw Zarlaandi ammoo ibsa waloo har’a Hagayya 11, 2023 baasaniin kaayyoo yeroo dheeraa Itoophiyaa tasgabbooftuu uumuu hawaasni idil-addunyaa deeggaru itti fufa jedhaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa naannoo Amaaraa keessaa magaalota hidhattootni Faannoo qabatanii turan jaha gadhiisisuu erga himee naannichatti tasgabbiin deebi'aa jiraachuu ibseera.