Loltoonni ergama haaraa 1,500 ta'an gara daangaa Ameerikaa fi Meeksikootti qajeelan

Loltoota dabalataa gara daangaa Meeksikottii bobbaafaman

Madda suuraa, AP

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp godaantota gama Meeksikoon Ameerikaatti ce'an kan inni "weerara" jedhee waamu ittisuuf carraaqqii bal'aa taasifamu keessatti dhabbileen US godaantotni waraqaa eeyyamaa hin qabne "hatattamaan akka ofirraa garagalan, kan biyyaa seenan akka ari'aman ykn akka buqqa'an taasisuuf" akka qophaa'an himaniiru.

Ajajni Tiraamp kun kan kenname yeroo qondaaltonni Ameerikaa loltoota dabalataa dirqama addaa fudhatanii sochii gara daangaa taasusuuf qophii taasisuufi adeemsi godaantota kanneen biyyaa ari'uu heyyamaa aragatetti.

US akkasumas imala baqattootaa fi adeemsa immigireeshinii hunda haquuf socho'uun ishee kanneen kumaatamaan lakkaa'aman gara US dhufuuf eegaa turan danqiteerti.

Barreessituun Waayit Haawus Kaarooliin Leeviit Tiraamp gocha kanaan namoota addunyaa mara jiraniif ''ergaa baayyee cimaa ta'e dabarsaa jiru'' jedhan.

Tarkaanfiin hojii raawwachiiftuu, marsariitii Waayit Haawus irratti maxxanfame kun godaantotni waraqaa eenyummaa hin qabne akka US hin seenne ittisuuf, hawaasni Ameerikaa akka hin "weeraramne" akkasumas mootummoota naannoo irratti baasii doolaara biliyoonaan lakkaa'amu dabalataa akka hin feene ta'uu eere.

Tiraamp ajaja kana erga mallatteessanii booda gaazexeessitootaatti kan dubbatan Aadde Lehavit dhimmi daangaan kun pirezidaantichaaf ''aaantummaa olaanaa'' ta'uu dubbataniiru.

Aadde Laaviit loltoonni dabalataa 1,500 gara daangaa Ameerikaa fi Meeksikootti akka ergamanis mirkaneessaniiru.

Namoota biyyaa ari'aman daangaa Ameerikaa fi Meksikootti Amajjii 21 mul'atan

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp sirna kakuu raawwannaa irratti ajaja hojii raawwachiiftuu labsii immigireeshiniifi daangaa waliin walqabatan heddu mallatteessaniiru, kaayyoon isaas godaantotaa seeran alaa ittisuussdha jedhame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajni kunneen hiika lammummaa mirga dhalootaan argamuu jijjiiruu fi godaansi seeraan alaa daangaa irratti raawwatamu labsii hatattamaa biyyaalessaa akka ta'e kan of keessatti hammatedha.

Ibsi marsariitii galmee mootummaa Federaalaa irratti maxxanfame akka jedhutti imaammanni godaantota ari'uu kun halkan Amajjii 21 irraa eegalee hojiirra oole.

Imaammanni kun yeroo baayyee godaantota waraqaa eeyyamaa hin qabne daangaa biyyattii irraa maayilii 100 (160km) keessatti qabaman waliin kan walqabatu yoo ta'u, amma qondaaltonni Ameerikaa bakka kamittuu akka itti fayyadaman hayyama.

"Bu'aan jijjiirama kanaa nageenya biyyaalessaa fi nageenya hawaasaa guddisuu, baasii mootummaa hir'isuun, murtii immigireeshinii kakaasuuf haala mijeessuufaati," jedha ibsi kun.

Hanga ammaatti godaantotni "hayyama hin qabne" Ameerikaatti hidhaman bakka itti dhimma koolu galtummaa isaanii dhiyeeffachuu danda'an mana murtii immigireeshiniitti akka dhiyaatan ibsi kennameefii ture.

Loltoota daangaa US eegan

Madda suuraa, Reuters

Adeemsi biyyaa ari'uus akkaataa idileetti hanga mana murtiitin murtiin itti kennutti jalqabuu hin danda'u ture.

Garuu jalqaba torban kanaa Tiraamp seera immigireeshinii - 212 kan lammiilee biyya alaa US seene ittisuufi kanneen seenanillee biyyaa baasu mallatteessun haala idileen raawaatamaa ture sana kan jijjiirudha.

Ajajni addaa imala baqattootaa fi adeemsa hojii dhaabuuf kenname kun kan dhufe Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu Sagantaa Seensa Baqattootaa Ameerikaa (USRAP) akka dhaabu erga mallatteessanii guyyoota muraasa booda, ajajni addaa imala baqattootaa fi adeemsa hojii dhaabuuf kenname kun kan dhufe Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu Sagantaa Seensa Baqattootaa Ameerikaa (USRAP) akka dhaabu erga mallatteessanii guyyoota muraasa booda.

USRAP hanga "baqattootaa gara Ameerikaatti dabalataan seenuun dantaa Ameerikaa waliin walsimutti" dhaabsisa jedha ajajni kun. Murten kun lammilee hedduu gara Ameerikaa akka seenan mirkanaa'eef duubatti debiseera.

Lammiileen Afgaanistaan ​​1,600 ol ta'an kanneen duraan gara US akka seenan hayyamameef karoorri imala isaanii haqameera.