Kirkira lafaa Indoneezhiyaatti mudateen hedduun du'anii, kan dhibbaan lakkaa'aman madaa'an

Madda suuraa, Reuters
Kirkira lafaa mummee odola Indoneezhiyaa Jaavaa keessatti mudateen yoo xinnaate namoonni hedduun du'anii kanneen dhibbootaan lakkaa'aman madaa'u qondaaltoonni mootummaa himan.
Kirikira lafaa maagnitiyuudii 5.6 magaalaa Lixa Jaavaa kan taatee Siyaanjur [Cianjur] keessatti garmalee miidhaa qaqabsiisu odeeffannoon qorannoo Teessuma lafaa US hime.
Namoonni hedduun gara mana yaalaatti kan geeffaman yoo ta'u, hedduunis alatti wal'aanamaa jiru.
Lubbuu baraartoonni namoonni hanga jijjiggaa gamoowwan jalatti danqame lubbuun hafan oolchuuf halkan guutuu ifaajaa turan.
Bakki battalumatti kirikira mudateen miidhamees bakka namoonni baay'een keessa jiraataniifi kan soloolaachuu lafaatiif saaxilame, akkasumas bakka manneen cimina hin qabnee ta'utu himame.
Lakkoofsi namoota du'anii hanga ammaatti ifatti adda hin baane. Garuu ammoo Ejjansiin Ittisa Balaa Biyyaaleessaa Indooneeshiyaa (BNPB) namoonni 62 du'an yoo jedhu, bulchaan naannichaa Ridwaan Kaamiil namoonni 162 du'u beeksiisee ture.
Miidiyaa biyyaa keessatti kan dubbatan Mr Kaamiil, namoonni gara 326 ta'an balaa qaqabeen miidhaaf saaxilamaniiru. Baayyeen isaanis jijjiggaan waan irratti kufeef miidhaa lafeetiif saaxilaman.''
Haata'u malee, jiraattoonni muraasni ''eddoowwan adda bahan keessatti danqamanii ta'u'' mala jechuun akeekkachisan. Itti dabalunis, ''qondaaltoonni lakkoofsi namoota du'aniifi miidhaan irra gahee wal jalaan dabaluu ni danda'a jedhanii yaadu'' jedhan.
Bulchaan Lixa Jaavaa itti dabaluun, balaa qaqabeen namoonni kuma 13 ol bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'aniiru. Akkasumas Ejensiin Ittisa Balaa Biyyaaleessaa ammoo manneen 2,200 ol balaa kanan barbadaa'aniiru jedhe.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hermaan Suhermaan, hogganaan bulchiinsa magaalaa Cianjur, namoonnii miidhaan irra qaqabee baayyeen isaanii sababii jijjiggaan gamoowwan irratti kufeen danqamuutiin caba lafeetiif saaxilamaniiru.
Har'a gara ganamaarra ''Ambulaansiiwwanis ollaawwan irraa gara hospitaalaa dhufuu itti fufaniiru'' jechuu Ejansii oduu AFPn eeramaniiru. Ammalleen maatiiwwan ganaa hin baafamiin heddutuu ollaawwan kanneen keessa jiras jedhan.
Namoonni baayyeenis hospitaalaan alatti bakka konkolaataan dhaabbatu fa'iitti wallaansaa argataa jiru, erga hospitaalli sababii kirkira lafaatiin sa'aatiiwwan hedduuf ibsaan adda citee booda, jedhan bulchaan Lixa Jaavaa.
Kirkirri kunis Magaalaa guddoo biyyattii Jaakaartaa kan fageenya km 100 irratti argamtu keessattis kan dhagahamee ture yoo ta'u, namoonni gamoowwan dheeraa keessa jiraatan akka bahan taasifameera.
Wayita kirkirri mudatettis, hojjattoonni waajjiraalee siivilii fi daldalaa gamoowwan keessaa dafanii alatti bahan. Kirkirrichi akka sa'aatii biyyattiitti Wiixata sa'aa 13:21 irratti eegaluu eejjansichi himeera.
''Wayita darbiin na jalaa kirkiruutti hojiirran ture. Kirkirrichi sirriittan dhagaha ture. Maal akka ta'e hubachuuf omaa hin raawwannee, garuu cimaa adeemuun yeroo muraasaaf ture'' jedhan abbaan seeraa Maayaaditaa Waaluyoo AFPtti akka himaniitti.
Hojjataan Ahimad Ridwaan jedhamu tokko Rooyitarsiitti akka himeetti, ''Jaakaartaa keessatti kirkirri lafaaf haaraa miti, amma garuu namoonnii baay'ee yaaddoo keessa galanii jiru. Kanaafuu hundi keenyaa raafamaa jirra,'' jedhe.
Biyyattiin seenaa kirkira lafaa sukkaneessaa fi sunaamii bara 2018 keessa lubbuu lammiilee 2,000 ol galaafate qabdi.















