Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen haleellaa qolachuu banteen gandoota sadii Raashiyaa harkaa deeffachuu himte
Haleellaa haaraa banteen gama kibba-baha biyyattiitti gandoota sadii Raashiyaa jala turan deeffachuu Yukireen himte.
Viidiyoowwan miidiyaalee hawaasummaa gubbaa qoodaman yeroo waraanni Yukireen bakkeewwan lama naannoo Doneesk keessa gammachuu ibsan mul’isa.
Ministeerri I/Aanaa Ittisaa Yukireen akka jedhanitti bakki Makarivkaa jedhamuus waraana isaaniin to’atameera.
Pirezidantin biyyattii Volodimiir Zeleniskii gaafa Sambataa ture haleellaa waraana Raashiyaa ofirraa qolachuu eegaluu isaanii ifatti kan ibsan.
Bakkeewwan sadan to’annoo isaanii jalatti deebisuun kan dhagahamees dubbii isaanii boodadha. Raashiyaan dhimma kana irratti ammatti waan jette hin qabdu.
Erga torban darbe hidhi bishaanii haleelamee booda hidhi biraanis haleelamuu Yukireen himteetti. Isa lammataa kanaafis Raashiyaa himatte.
Akka dubbii himaan waraana Yukireen Vaaleri Shershen dubbatanitti, Raashiyaan torban darbe hidha Novodarivkaa kan dhoofteef haleellaa Yukireen danquufi.
Raashiyaan garuu hidhicha akka hin dhoofneefi Yukireen akka dhoofte himatte.
Gandooti sadan Yukireenitti deebi’un milkaa’ina ta’us, bakkeewwan kunneen garuu xiqqoodha.
Fakkeenyaaf bakki Blahodatne jedhamu waraana dura ummata 1,000 qofatu keessa jiraata.
Gandi tibba booda kana dirree waraanaa ture daandii gara Maaripul geessurratti argama.
Akka xinxaltoonni jedhanitti Yukireen baatiiwwan muraasa dhufanitti magaalaa Maaripul buufati dooni itti argamu to’achuu barbaaddi.
Xinxaltoonni kaan immoo Yukireen daandii Kirimiyaafi Doneesk walitti fidu kutuu barbaaddi jedhu kaayyoo haleellaa haaraa yoo ibsan.
Hammi haleellaa Yukireen bante ifa miti.
Akka dhaabbata buufata isaa US godhateefi dhimma waraanaa hordofu Institute for the Study of War (ISW)’tti waraanni Yukireen yoo xiqqaate gama afurin waraana baneera.
Dahoo waraanaa Raashiyaan ji’ootaaf ijaaraa baate cabsuuf yaalii Yukireen taasistuun garuu rakkoon ishee qunnamaa akka jiru xinxaltoonni himaniiru.