Yukireen haleellaa deebisanii qolachu cimaa Raashiyaarratti gaggeessaa jirti

Tarii torban kun torban itti haleellaan qolannaa Yukireen yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture itti eegaleedhaa laata?

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin duulli deebisanii qolachuu Yukireen akka eegalameetti kan yaadan fakkaatu.

‘‘Dhugaadhumaan haleellaan qolannaa Yukireen eegaleera jennee yaaduu dandeenya,’’ jedhan af-gaaffii guyyaa Jimaata kaleessaa viidiyoo Telegraamii irratti maxxanfame tokkoon.

Dhugaattis torbanoota muraasaa asi dullii deebiisanii qollachuu gaggeeffamaa ta’un dhagahameera. Sochii Yukireen jecha waraanaatiin ‘‘ opareeshinii soroorsuu’’ jetteen waraanni gaggeeffamaa jira.

Yukirenis duula kanaa meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa imalaniif miisaa’eelootaan addawwan waraanaatiin duubattis eddoowwan qiyyeeffannaa Raashiuaa haleeluun dhagahame.

Guyyaa Wiixataa ammo looltoonni Yukireen hidhachuun gara dhiheenya daangaa Raashiyaatti karaa Kibba Yukireeniin imaliin ibsameera.

Hogganaan Tikaafi Walta’insa Jidduugala fi hundeessaan waloo, Sheerhii Kuzaan BBCtti akka himaniitti, amma sadarkaa humna waraana Raashiyaa irratti kara adda waranaa hundaatiin duula itti banan irratti argamu.

Waraabbiin viidiyo muraasni akka agarsiisanii fi yaadni kennamu akka eeruutti, humna Yukireen danqaan mudachuun hin oolle.

‘‘Eddoowwan tokko tokkoo injifannoon jira. Eddoo kaaniitti ammo injifatamu muraasni hin dhabamu,’’ jechuun dubbatan Sheerhii Kuzaan.

Aab Kuzaan hundisaanii naannoo kibba Zaporizhzhia jiraachuun alatti maqaa magaaloota addatti dhahu hin barbaadne.

Torban darbe keessatti xiyyeeffannaan addunyaa hidha Nova Kakhovka laga Dinipoo irratti ijaarame haleellaa Raashiyaan raawwatteen jigfamee jedhame erga qaqabeen booda, xiyyeeffannaa caalaan namoota miidhaaf saaxilaman baraaruu irra ta’e ture.

Kanaan dura loltoonni Yukireen karaa daandii Khersoniin seenuunsaan kan ibsame yoo ta;u, Raashiyaan hidha kanarratti haleellaa kan raawwatte imala loltoota Yukireen dhaabuuf jedhameera.

Dhuma torban darbee irratti Ministirri Raayyaa Ittisa UK, ‘‘Addawwan garaagaraa irratti waraanni cimaan itti fufeera. Ka’umsa isaa kan qabate Yukireeniidha,’’ jechuun toora tiwitara isaanii irratti barreessuun ni yaadatama.

Ministirri Ittisa Biyyaa Raashiyaa Sargee Shoyiiguu, looltoonni Raashiyaa haleellaa loltoota Yukireen qolachaa jiraachu ibsan. Loltoonni 1,500 akka ta’an kaasan.

Birgeediin mekaanaayizdii Yukireen 47ffaan sarara Raashiyaa cabsee seenuuf yaalunsaa ibsameera.

Waraabbiin viidiyoo intarneetii irra naannawaa jiran waan haaraa jiraachu agarsiisu. Taankiiwwan Leopard biyyota Lixaatiin kennameef bobbaafamu eegalaniiru. Garuu ammo BBC viidiyoowwan kanneen ofiin hin mirkanneeffane.

Haata’u malee aanga’oonni Yukireen oppareeshinii amma gaggeeffamaa jirurratti odeeffannoo baayyee hin kennaa hin jiran.

Ministirri Ittaanaa Ittisa biyyaa Hanaa Maaliir, ‘‘hojii qolachuu hojjataniiru’’ jedhuun ala omaa hin jenne.

Yukireeniifi Raashiyaa jidduutti waraan yoo itti fufuutti, loltoonni Yukireen cabsanii gara raashiyaatti seenuuf akka yaalan xinxaltoonni ibsaniiru.

Gareewwan telegram Raashiyaa deeggaran akka jedhaniitti, loltoonni Yukreen bakka waraannii raashiyaa eeguu cabsanii seenuu akka qoosaatti ibsaniiru.

Yukireen cabsitee seenuudhaaf loltoota hedduu akka dhabduufi loltoonni qabdu gahaa haa ta’u haa dhiisuu kan gaafatan jiru.

Eddoowwan kibba Baakimuutiii kan birootti Yukreen haleellaa deebiifte qolachuu gaggeessaa akka jirtu himamaa ture.

Barreessaan Mana Maree Ittisaafi Tika Biyyaaleessaa biyyattii Olkiisii Daaniiloov garuu kun dhugaa akka hin taane ibsan.

‘‘Yeroo duula deebiisanii qolachu gaggeessinutti hundi keessanu ni bartu. Ni agartus,’’ jedhan.

Yukireen hirina jeettii waraanaa loltoota lafootiif deeggarsa kennanii waan qabduuf akka danqaa tokkootti fudhatama.

Dhimmi danqaan biraa ammo murtaa’ina yerooti. Opareeshiniichi baatii shanii ol kan fudhatu yoo ta’u, amma gara waqxii roobaatti seenaa ta’unshee ammo meeshaalee sochoosuuf rakkiisaa taasisa.

Yukireen gara raashiyaatti cabstee seenuu yoo dandeesse fi riqicha Kirimiyaa fi Raashiyaa walitti fidu Kerchii cabsuu yoo dandeesse injifannoo olaanaa akka ta’u, garuu kun mataansaa yoo ta’e baatiiwwan booda akka ta’u akka eegamu himama.