Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaa’iin gaaffilee ummata Amaaraa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira
Paartiin badhaadhinaa naannoo Amaaraa rakkoolee tibba waraana Tigraay fi waraanicha boodas naannicha keessatti mudatan hordofee, gaaffileen ummati naannichaa kaasu deebii akka argataniif xiyyeeffannaan hojjataa jiraachuu ibse.
Mormii uummataa, muddama, walitti bu’insaa fi ajjeechaa qondaala Paartii Badhaadhinaa baatiiwwan darban keessa naannichatti mudateen booda paartichi yaa’iisaa Baahir Daariitti taa'uu eegale.
Pirezidantiin naannichaa Dr Yiliqaal Kaffaala hokkorri naannichatti irra deddeebiin mudataa ture gaaga'ama uumuu kaasuun, ummanni naannichaas haalota kanneen ‘‘xiinxaluu qaba’’ jedhan.
Paartiin Badhaadhinaa naannichaa, osoo gaaffilee ummata naannoo Amaaraa deebisuuf hojjatamaa jiruu, fincilli fi hokkarri ‘‘abbummaansaan hin beekamne’’, bulchiinsichi akka gaaffilee ka’aniif galmaafi tarsimoo kaawwatee hin hojjanne gufuu ta'an jedhe.
‘‘Rakkoon nu mudate wal xaxaadha’’ kan jedhan Dr Yiliqaal, kunis ‘‘waqtii itti paartiifi mootummaan furuu barbaachisu irra geenyeerra,’’ jedhaniiru.
Dureen naannoo Amaaraa kun yaa'ii kanarratti akkas jedhan: Gaaffiin uummata Amaaraa ammallee kan deebii barbaadan hedduudha. Isaanis wayita tarreessan.
''Gaaffii eenyummaafi daangaa, gaaffii fooyya'iinsa heera mootummaa, seenaa dogoggoraan hubatame, dhalattoonni Amaaraa kutaalee biyyattii kam keessattuu mirgisaanii eegamee jiraachuu fi kaan eeran.''
Paartiinsaanii gaaffilee kunneen deebisuuf galma sirrii fi qajeeltoo ifa ta'e baafatee hojjechuu dhabuunsaa uummata mufachiiseera jedhan.
''Ammas gaaffilee kunneen sakatta'ee erga hubatee booda ejjennoo ifa ta'e qabachuuf hojii guddaatu paarticharraa eegama,'' jedhan.
Gaaffileen kun uummata naannoo Amaaraa fi hooggansa isaa qofaan kan hin deebine ta'uu, tumsa uummata Itoophiyaa hunda kan gaafatu ta'uu eeran.
Naannoon Amaaraa kallattii kaabaan naannoo Tigraay waliin daangaarratti waldhabaa kan jiran yoo ta'u, dhimmi kun ammas fala hin arganne.
Naannicha keessatti ajjeechaan aanga'oota mootummaa goolama siyaasaa akkaan hammeesseera.
Pirezidantichi yaa'ii kanarratti waa'ee ajjeechaa qondaala paartii isaaniirratti raawwatame kaasuun balaaleffataniiru.