Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan biyyoota lixaa waliin atakaaroo keessa osoo jirtuu dhimma maaltu Afrikaa ishee fide?
Ameerikaa dabalatee biyyoota lixaa waliin wal gaarreffataa kan jirtu Iraan, tibba kana michummaa barbaacha gara Afrikaatti fuula waan galagalfatte fakkaatti.
Biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa waliin dugdaafi garaa kan taate Iraan, qoqqobbii isaan irra kaa’an goophessee dinagdee ishee laaffateef michuu haraa barbaacha gara Afrikaatti galagalte.
Hariiroon Afrikaafi Iraan gidduu jiru takka jabaataa, takka ammoo laafaa sadarkaa amma irra jiru kanarra gaheera.
Hariiroon Afrikaafi Iraan gidduu jiru siyaasaa hanga amantaatti; aartiidhaa hanga dinagdeetti kan ijaarame ta’ullee, hariiroon gidduu isaanii ture garuu walxaxaadha.
Hariiroo Siyaasaa
Hariiroon siyaasaa Iraaniifi Afrikaa gidduu jiru waggoota kurnanan baayyeef ijaaramaa tureera.
Bara Waraana Ololaa Addunyaa keessa, jecuun baroota 1970oota keessa gaggeessaa Iraan kan ture Shahaan, biyyoota Afrikaa farra Komunistii ta’an waliin michummaa ummachuudhaaf fuula isaanii gara Itoophiyaafi Somaaliyaatti naanneffatee ture.
Rippablika Islaamaa Iraan hariiroo Afrikaa waliin qabdu jabeeffachuudhaaf carraaqaa turtus dippilomaasiin ishee yeroo hunda bu’a qabeessa hin turre.
Amma aangoorra kan jiru Pirezidant Ibiraahim Raahis Keeniyaa, Yugaandaafi Zimbaabuwee daawwachaa jira.
Pirezidantiin Iraan daawwannaaf gara Afrikaa yoo dhufan kun waggoota 10 booda isa jalqabaati.
Kanaan dura Iraaniin marsaa aangoo lama kan bulche Hasan Ruhaaniin bara aangoorra turetti takkaallee gara Afrikaa hin dhufne.
Yeroo dhumaatiif pirezidantiin Iraan gara Afrikaa dhufan Mahaammud Ahmedinajaad yoo ta’u, bara 2013 Beeniin, Niijer fi Gaanaa daawwatee ture.
Iraan dhimma Niwukilaraa irratti Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaa waliin waloogalteerra yeroo geessetti biyyoonni Afrikaa dhimmicharratti ejjennoo walabaa qabachuu filatanii ture.
Bara 2006 Iraan hojii Yuraaniyeemii kamiyyu gabbisuushee akka dhaabduuf murtee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabarse deeggaranii Koongoo, Gaanaafi Tanzaaniyaan sagalee kennanii ture.
Hariiroo amantaa
Dhimmi amantaa hariiroo Iraaniifi Afrikaa gidduu jiru keessatti dhiibbaa mul’atu uumeera.
Bakka argama hordoftoota Shihaa Islaam kan taate Iraan, Musliimonni Sunni ikan itti baayyatan Afrikaa waliin hariiroo qabdu jabeeffachuudhaaf carraaqxus milkaa’inni baayyeen hin galmoofne.
Kanaaf ammoo agarsiistuun sirriin Naajeeriyaadha. Bara 1990 irraa kaastee Iraan biyya lixa Afrikaa kan taate Naajeeriyaa keessatti sochii Musliimota Shihaa tumsuuf yaalii gootee ture.
Iraan garee ‘ Islamic Movement in Nigeria’ jedhu deeggaruuf yaalii taasisuushee mootummaa Naajeeriyaa kan hin gammachiifne ture. Biyyi lixa Afrikaa kun Iraan dhimma biyya keessooshee keessa seenaa jirti jechuun himatti.
Bara 2015 gara dhumaa waraanni Naajeeriyaa miseensota garee sochii kanaa 350 gadi hin taane ajjeesuun dursee garee kanaa kan ture Sheek Ibiraahim Zaakzaaliitiin to’annoo jala oolcheera.
Iraan gocha kana balaaleffattee, gaggeessaan garee kanaa hidhaatii akka hiikamuuf ifatti yeroo gaafattetti hariiroon biyyoota lamaanii caalaatti fokkise.
Hariiroo Aadaafi Aartii
Aadaa waljijjiiruun hariiroo Afrikaafi Iraan cimsuuf gahee gaarii taphateera. Fiilmiiwwan Iraan Festivaaliiwwan Fiilmii Afrikaa irratti dhiyaachaa tureera.
Festivaaliiwwan Fiilmii Idil-addunyaa Masriifi Zaanzibaar irratti fiilmiiwwan Iraan waggootaaf dhiyaachaa turaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Festivaala Fiilmii Idil-addunyaa Iraan Faajar irrattis fiilmonni Afrikaa filataman ni agarsiifamu.
Kanaan alattis biyyoota Afrikaa akka Senegaal, Yugaandaafi Keeniyaa keessatti wiirtuuwwan aadaa Iraan Afaan Faaresiifi aadaa Iraan waggoota 20 dura irraa kaasee beeksifamaa tureera.
Hariiroo Dinagdee
Iraan waggoota kurnan baayyeetiif biyyoota Afrikaa waliin daldala gaggeessaa turte. Sektaroota akka humnaa, ijaarsaafi tekinooloojiirratti ammoo Afrikaa keessatti qabeenya baasteetti.
Keessumaa baroota 1990 fi 2000 keessa Iraan boba’aa Sudaan irratti maallaqa guddaa baasuun invasti gootee turte.
Haata’u malee, qoqqobbiiwwan biyyoonni lixaa irra kaa’an hariiroon dinagdee Iraan Afrikaa waliin qabdu akka hin jabaanneef sababa ta’eera.
Daawwannaa pirezidantii duraanii Rippablika Islaamaa Iraan waggoota 11 booda Afrikaa kan jiru Ibirhaahim Rahiis, daawwannaa isaa Keeniyaatti jalqabee Zimbaabuweetti xumure kanaan hariiroo dinagdee, aadaa, amantaafi siyaasaa kanneen haaromsachuuf akka ta’e ibsameera.
Jila aanga’ootaafiministiroota gurguddoo of keessattiqabate waliin Afrikaa kan daawwatan pirezidaantiin Iraan kun, dinagdee biyya isaa qoqqobbiin hubamte dadamachiisuuf, “jalqabbii hariiroo haaraa Afrikaa waliin” jechuun dubbate.
Baroota dhiyoo as michummaa biyyoota Afrikaa kan barbaadu Iraan qofa miti. Raashiyaanis erga Yukireen wwerartee as qoqqobbii biyyoonni lixaa isheerra kaa’an hordofee michummaa barbaachaaf gara Afrikaatti qalbii galgalfatteetti.
Chaayinaafi Ameerikaanis, yeroo kamiyyu caalaa michummaa biyyoota Afrikaa waliin qaban cimsachuuf sochii yeroo haaromsan ni mul’ata.