Ho'i aduu 'sammuu waraanu, dafqa namatti naqu' Awuroppaafi US'tti yaaddoo uume

Bakkeewwan Ameerikaa muraasaafi kibbi Awuroppaa aduu akkaan jabaa ta’eefi nama jeequn yaaddoo seenaniiru.

Xaaliyaan, Ispeen fi Giriikiitti guyyoota muraasa darbaniif tempireecharri olaanaa galmaa’eera.

Ummata US keessaa miiliyoona 113 kan ta’an yeroo ammaa ergaan akeekkachiisa darbeeraaf.

Ministeerri Fayyaa Xaaliyaanii, Room dabalatee lammiilee magaalota 16 keessa jiraataniif akeekkachiisa kennaniiru.

Aduun 40C akka ho’itu ibsame kuni torban dhufus akka itti fufu ibsameera.

Jiraattonni magaalota Xaaliyaanii kuni ganama sa’aatii shanii hanga sa’aatii 12:00’tti aduutti akka hin baane akeekkachifaman.

"Duruu Room keessa aduun ni ho’iti. Inni kuni garuu ni dheerate,’’ jechuun ibsu jiraattuun magaalaa Room BBC’tti yoo dubbatan.

Dubartiin kuni nama daawwachisuun jiraatu.

"Hiriyyoonni koo nama daawwachiisaniifi ani dhiphanneerra. Namoonni daawwannaaf dhufan gaggabaa jiru, ambulaansiin bakka hunda jirti.’’

Giriikitti immoo hammi ho’aa erga 40C gahee bubbuleera.

Sababa kanaan bakki hawwata turistii magaalattii keessa argamu, Akiroppolis jedhamu, yeroo aduun ho’etti gaafa Jimaataafi Sambataa cufameera.

Kunis daawwattootaaf eegumsa gochuuf yaadameeti.

Odolawwan Kaanaarii Ispeen argamutti immoo ibiddi gaafa Sambataa ka’e ummata 4,000 qe’eerraa buqqiseera. Bosonni hektara 4,500 ta’us manca’uutu ibsame.

Bulchaan naannoo Odola Kaanaarii Fernaandoo Kilaavijoo sababa ibiddi saafaa kuni ka’ef keessaa tokko aduu ho’aa bakkeewwan garagaraa waliin gahe ta’u ibsan.

Hammi ho’a aduu dabaluu kuni addunyaarratti irra-deddebbiin mudataa jira. Sababi ho’a addunyaan kan duriirraa yeroo dheeraaf turaa jira.

Dhaabbanni Haala Qilleensaa Ameerikaa ifa aduu kana hawaasi akka salphaatti akka hin ilaalle gorseera.

Kilinikoonni bakkaa bakkatti sosso’an namoota aduun isaan miite wal’aanuu ibsaniiru.

Gaafa Sambataa Arizoonaa, Fiiniksitti 48C galmaa’eera. Kuni yeroo kamuu caalaa isa olaanaadha.

Bakkee ho’aa addunyaa keessaa tokko kan ta’e Deez Vaali jedhamuufi Kaaliforniyaa argamutti immoo ho’i aduu 54C jedhame tilmaamameera.

Wagga waggaan sababa aduun walqabateen namoonni 700 ta’an Ameerikaa keessatti lubbuu akka dhaban Giddugalli To’annoo Dhukkuba US (CDC) ni ibsa.

Jalqaba baatii Adoolessaatti sadarkaa addunyaatti giddugaleessaan tempireecharri 17.23C akka galmaa’e UN beeksiseera.

Kunimmoo kan hanga ammaa galmaa’erraa isa guddaadha.

Saayintistoonni akka ibsanitti tempireecharri ol ka’uun kuni jijjiirama qilleensaan walqabata.

Haalli qilleensaa El Ninoo jedhamuufi waggoota sadii – torbaa mudatus kanaaf gumaacheera.

Eega barri indastirii eegaleeti addunyaan 1.1C ho’iteetti.

Hanga mootummoonni addunyaa faalama qilleensaa xiqqeessuuf tarkaanfii hin fudhannetti ho’i kuni dabalaatuma deema.