Liiverpuul gatii rikardii Biriiten tahe paawondii miliyoona 125'niin Isaak mallatteessisuuf waliigale

Liiverpuul gatii jijjiirraa taphataa rikardii Biriiten tahe paawondii miliyoona 125 baasuun Aleeksaander Isaakiin Niwkaasil irraa mallatteessisuuf waliigale.

Maddeen BBC Ispoortitti akka himanitti taphataan maatii Eertiraa irraa dhalate Isaak gara Aanfilditti imaluuf waliigaltee xumureera.

Maddeen Niwkaasil irraa tahan ammoo waliigaltichi hanga paawondii miliyoona 130 gahuu ibsan.

Isaak waliigaltee waggoota jahaa mallatteessuu isaan dura gaafa Wiixataa har'aa qorannoo medikaalaa gaggeesse.

Liverpuul jalqaba paawondii miliyoona 110 dhiyeessanii ture. Niwkaasil yeroo sana diduun amma rikardii cabsan.

Niwkaasil Isaakiin bakka buusuuf Istuutgaarti irraa Niik Wooltimeediin mallatteesiseera.

Liiverpuul baruma kana qofa Filooriyaan Wiirzii, Huugoo Ekitiikeef, Miilosh Kerkesh, Jeeroomii Firiimpoongi, Ji'orji Mamardashivilii, Armiin Peeshkii, Ji'oovaanii Lee'oniif waliigalaan gara paawondii miliyoona 416 baasuun mallatteesisan.

Ammayyuu taphataa sarara ittisaa Kiristaal Paalaas Maark Gehii barbaadu. Akkasuma ammoo Luwis Diyaaz, Daarwin Nuunez, Aleeksaander Arnoold, Yarel Kuwaanzaa, Koomhin Keheler,Teyiler Moortonii fi Ben Do'aak fa'aa ammoo kilebicha keessaa baaseera.

Niwkaasil Isaakiin bara 2022 Riyaal Sosedad irraa paawondii miliyoona 60'n mallatteesise.

Maanchister Yuunaayitid karra eegaa Aston Viilaa Emii Maartinez har'a mallattesisuuf waliin dubbataa jira.

Karra eegaa Royaal Antiwerp Seenee Lamensi waliin kan waliigalee ture Yuunaayitid yoo kan Lamensi hin milkaa'u tahe jedhee Aston Viilaa waliin dubbachaa jira.

Jeden Saanchoo waliigaltee kana keessa oolchuu malu. Kaleessa Maartinez garee taphattoota Kiristaal Paalaas morkatan keessatti hin hammatamne.

Saanchoon har'a Aston Viilaa hin galu taanaan har'aa booda kileboota Awurooppaan alaa qofa galuu danda'a.

Foddaan jijjiirraa taphattoota Awurooppaa waan cufamuuf Saanchoon carraa dhabuu danda'a.

Maartinez muuxannoo Piriimer Liigii guddaa kan qabuu fi taphataa Waancaa Addunyaa illee mo'atedha.

Laamensi ammoo Royaal Antwerp keessatti dandeettii guddaa qabaachuu agarsiiseera. Garuu muuxannoo hin qabu. Maanchister Yuunaayitid Andiree Onaanaa fi Baayindir irratti amantaa hin qabu.

Jiyaanluujii Doonaaruumaa Maanchister Siitii gale. Har'a qorannoo isaa kan xumuru Doonaaruumaan PSG waliin erga waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atee waggaa tokko osoo hin tahiin kilebicha keessaa bahuuf waliigale.

Oduu biraan Antooniin paawondii miliyoona 21'n Maan Yuunaayitid irraa Riyaal Beetis gale. Gurgurtaa fuulduraa irraa %50 Maanchister Yuunaayitid akka fudhatus waliigalameera.

Gabaa jijjiirraa taphattootaa keessatti haga ammaa rikardii qabatee kan jiru kan Neeymaar yoo tahu paawondii miliyoona 200 tahuun Baarseloonaa irraa PSG gale. Kiiliyaan Imbaappeen ammoo Monaakoo irraa paawondii miliyoona 165 tahuun PSG gale.

Liiveerpul Filiip Kootinihoo paawondii miliyona 142 tahuun Baarseloonaatti gurgure.

Rikaardii Biriiteen dhiyeenya galmaa'uun caban Eenzoo Fernaandez yeroo Benefikaa irraa paawondii miliyoona 105niin galedha.

Moosis Kayiseedoo rikardicha cabse. Paawondii miliyoona 117n Cheelsii gale.

Deklaan Raayis, Jaak Giriilish fi Filooriyaan Wiirzi paawondii miliyoona 100 oliin jijjiiramaniiru.

Bara kana jijjiirraan taphattootaa Awurooppaa rikardii haaraa galmeesseera.