Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Daandii balaafamaa gabbara lubbuu godaantota Itoophiyaa bare'
Mahammad Abdullaahii Mohaamud kan amma waggaa 35, yeroo bidiruudhaan Jibuutiirraa gara Yamaniitti imalee yoomu hin dagatu. Yeroo biyyaa bahu sanattis dargaggoo waggaa 20 keessaa ture.
Innis akkuma namoota baayyee kan biyyasaa Somaaliyaadhaan godaaneef jireenya fooyya'aa barbaacha ture.
Daandiin ittiin godaantoonni Afriikaa irraa gara Yamaniitti imalaniin kunis 'koridarii bahaa' ykn ''Eastern corridor'' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, innis addunyaarratti kan godaantoonni hedduun ittiin imalaniidha.
Haata'u malee daandiin kun baayyee xiyyeeffannaa addunyaa hin kennamneef.
Akkasumas daandiin kunis baayyee balaafamaa akka ta'e dubbata Mohaamud.
''Imala eegallee osoo daqiiqaa 30 hin guutuun ture kan bidiruun raafamu eegalte'' jedha.
''Namoonni Yaman karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsanis Afaan Arabaatiin haasa'uu eegalan. Isaanis waa'ee namoota bidiruu irraa darbachuuti haasa'aa turan. Isaan boodas godaantoota Itoophiyaa torba dirqiidhaan gara galaanaatti darbatan'' jechuun waan arge yaadata.
Daandiin kunis balaafamaa ta'ulleen waggaa waggaadhaan godaantoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman irra imalu.
Jidduugalli Godaantoota Miksiid (Mixed Migration Centre (CMM)), waggaadhaan godaantoonni gara 100,000 ta'anii Afriikaa irraa Yaman ni gahu jedha.
Isaan keessaayis irra caalaan kan biyya Ganfa Afriikaa Itoophiyaa irraa dhaqan ta'u hima. Kan hafan ammoo Somaaliyaa fi Jibuutii irraa kan ka'aniidha.
Bidiruu Mohaamud ittiin imale irraa lammiilee Itoophiyaa 47, kan Somaaliyaa 5 fi dadabarsitoota lammiilee Yaman lamatu ture.
''Haallisaa baayyee kan nama dhiphisuu ture'' jedha. ''Harka keenyaan bishaanicha bidiruu keessa seenaa ture. Bishaanicha baasuuf yaalaa turre. Lubbuun hafuu keenya hin beeknu turre'' jedha.
Bara 2024 irraa kaasee Yaman wal waraansa keessa waan jirtuuf godaantoonnis gara Saawud Arabiyaa bakka hojjataan humnaa hedduun barbaadamu seenuu barbaadu.
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) akka jedhuutti, godaantoonni hedduun gaaffiinsaanii diinagdee ta'ulleen, godaantoonni Itoophiyaa hedduun keessattuu naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irraa sababii walitti bu'iinsaa fi hidhaa baqachuuf godaanaa jiru.
Karaa Jibuutii ykn Somaaliyaan imaluu
Karaan balaafamaan qarqara Galoo Galaana Aden qaxxaamuruu dameewwan gurguddaa lama qaba.
Godaantonni karaa Obookii kan Jibuutii keessaa irraa ka'uun magaalaa Laahij, magaalaa kibba dhiha Yaman ga'uuf, yookaan ammooo Somaaliyaa Bossaasoo irraa ka'uun qarqara galaanaa Shaabwaah kan kibba baha Yaman ga'u.
Mohaammaddaandiiwwan lamaan irrayyuu imaleera. Jibuutii irraa gara Laahij gahuudhaaf sa'aatii afurii hanga shanii fudhate.
Bara 2014tti erga gara Somaaliyaatti deebi'een booda karaa Boosaasootiin gara Yamanitti deebi'e.
''Yeroon lamata deebii'eetti imala hin sodaanne. Jalqaba imalliin Jibuutii irraa ka'un taasisee dheeraa ture. Yaman gahuudhaaf sa'aatii 24 natti fudhate e ture'' jedha.
Akka IOM ibsutti, Jibuutiin biyya gara Yamanitti ceesituu kan jalqabaati. Bara 2023 keessa godaantonni Itoophiyaa 106,000 ta'an gara biyyattiitti qaxaamuranii turan.
Qarqara galaana Dijbuutii gahuurakkiisaadha, torban hedduus fudhachuu danda'a. Fakkeenyaaf, kanneen naannoo Amaaraa irraa ka'aniif Obook ga'uuf imala kiiloo meetira 400 ta'uu danda'a.
Gariin konkolaataa fi atobusiin yoo imalan, baayyeensaanii ammoo miilaan imalu. Kunis ho'a cimaa keessatti tibba bonaa kan gammoojjii keessa adeemsa dheeraa kan dabalatudha. Ho'i yeroo bonaa hanga sentii gireedii 50 gahuu danda'a.
Erga qarqara galaanaa gahanii booda yeroo baayyee namoota karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsaniif doolaara 300 kanfaluudhaan galoo Galaan Adan qaxaamuruu yaalu.
Hoggantuun dhaabbata 'Mixed Migration Centre' Aylaa Bonfigloo akka jedhaniitti, namoota karaa seeraan alaatiin dadabarsuu hojii daldalaa hedduun keessatti hirmaataniidha.
''Godaantoonni 100,000 doolaara 300 yoo kanfalan, damee hojii doolaarri miiliyoona 30 ittiin argamuudha jechuudha'' jedhu.
''Yaman keessaa mootummaan jiraachuu dhabuun dadabarsa akkasiitiif haala mijeessuun hidhanni namoota dadabarsuu seeraan alaa kun akka babalatu taasiseera'' jetti aangooftuun tun.
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) akka jedhuutti, waggoota 10n darban keessaa godaantoonni 1,400 galaan keessatti lubbusaanii dhabaniiru.
Bonfigloon ammoo lakkoofsi kun kana caaluu akka danda'u amanu.
"Daandiin Bahaa kun ardii Afriikaa irratti karaa balaa guddaa qabu akka ta'eetti ilaalama," jetti.
"Qaxxaamurri galaanaa hayyama hin qabne kamiyyuu, imala bidiruu nageenyummaansaa hin mirkannoofne hirmaachisuun kan raawwatamuudha," jetti.
"Lakkoofsi godaantoon haala kanaan lubbuunsaanii darbe adda baafamee sirriin hin beekamu."
Godaantonni miidhaafi sarbamaaf saaxilamoodha
Daandiin gara Yaman geessu balaafamaa kan taasisu galaana qaxaamuruu qofa miti.
Bonfigloo akka jettutti, godaantonni miidhaa fi sarbamaa kan saaxilaman yoo ta'u, kunis sarara dadabarsaa fi daldala gidduu jiru dhkseera.
"Waggaa darbe qorannoo godaantota 350 gaafachuun gaggeessineenii, hundi isaanii jechuun haala danda'amuun qaamoolee namoota dadabarsaniin akka gowwoonfaman akka itti dhaga'amu himan," jetti.
"Irra caalaan isaanii ammoo namoonni namoota dadabarsan kunneen mataansaanii miidhaa qaamaa, hannaa fi sarbama dabalatee, miidhaa hedduu raawwataniitti akka fudhatan dubbataniiru," jechuun dabalti.
Akkasumas godaantonni Afrikaas bakka dhumaa erga gahaniin boodas balaa humna saamichaatiif saaxilamu ta'u dubbatti daarektarri tun.
Kunis yeroo baay'eekan mudatu Sa'udii Arabiyaatti. Garuu ammoo dura wal waraansa Yaman cimaan raafamtu keessa darbuu qabu jetti.
''Waraanichis imalicha caalaa balaafamaa taasiseera'' jedha Mohamud.
Erga waraan ka'een booda Yaman irraa ka'ee Saawudii gahuudhaaf miilaan guyyoota 11 akka imale yaadata. Nyaataa fi bishaan gahaa malee ture kan daangaa qaxxaamure.
''Dubartin nu waliin imalaa turte tokko beelaa fi dheebuudhaan daandii irratti nu biraa duute'' jedha.
Akkasumas Saawud Arabiyaanis godaantoonni akka biyyasaanii hin galleef dhaabuuf yaaltee jirti.
Bara 2023tti dhaabbanni Humaan Raayitis Woochi (HRW), eegdonni daangaa Saawudii godaantotaa fi koolugaltoota Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman daangaa Yamanii fi Sa'udii ce'uuf yaalan ajjeesuu gabaaseera.
HRW akka tilmaamaatti, yeroo ammaa Saawud Arabiyaa keessa lammiileen Itoophiyaa gara 750,000 ta'an kan jiran yoo ta'u, hedduunsaanii hojii mana keessaa fi ijaarsa irratti kan bobba'an ta'uu ibsameera.
"Hojii godaantonni hojjatan kan mirga hin qabne fi baayyee hin eegamnedha," jetti Bonfigloon. "Yoo qabaman toatamuu fi hidhamuu danda'u."
"Saawudii Arabiyaa keessatti sadarkaasaanii sirnaan ittiin sirreessuu danda'an waan hin jirreef baay'inaan lafa jala turuu qabu."
Yeroo baayyee godaantonni aanga'oota Saawudiin qabaman gara biyya isaaniitti deebiifamu. Bara 2021 Saawudii Arabiyaa keessatti waggoota shaniif erga hojjetee booda Mahaammad mataansaa biyyaa ari'ame.
Amma biyyasaa Moqaadishootti deebi'ee, haadha warraa isaa fi ijoollee isaa shan jiraachisuuf konkolaachisaa abbaa gommaa sadii ta'ee hojjeta.
Gara Somaaliyaatti deebi'uun rakkisaa ta'us, namoonni waan inni hojjete akka raawwatanii fi godaanudhaan balaadhaaf akka saaxilaman akka hin gorsine dubbata.
"Namni hundinuu biyyasaa irratti amantaa qabaachuun akka obsaan jiraatan itti hima ture. Imala akkasii imaluun gaarii miti," jedha.