Hamaas marii dhukaasa dhaabuutti osoo jiranii viidiyoo Israa'eloota butee gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Hamaas viidiyoo shamarree Israa'el umurii waggaa 19 bara darbe butee fudhate baasee maxxanse. Gareen kun kana kan godhe wayita mariin dhukaasa dhaabuufi namoonni butamanii fudhataman haala ittiin gadhiifamanirratti Qaataar keessatti taasifamuutti jiruttidha.
Viidiyoon Hamaas gadhiise kun akka agarsiisutti Lirii Albaag [shamarree butamte] mootummaan Israa'el waliigalteerra akka gah'uuf waamicha gochaa jirti.
Shamarreen kun dubartoota kanneen biroo tajaajila loltummaa dirqamaatiif naannoo buufata waraanaa Nahal Oz daangaa Gaazaarrra jirurra turan, yeroo Onkoloolessa 2023 yeroo Hamaas haleellaa Israa'el irratti gaggeesse sana.
Mariin akka haaraatti taasifamu kan beeksifame wayita Israa'el Gaazaa keessatti akka haaraatti haleellaa gaggeessa jirtuttidha.
Haleellaa haaraa Israa'el raawwachaa jirtu kanaan Dilbata har'aa sa'aatii 24 keessatti namoonni 88 Gaazaa keessatti ajjeefamuu ministirri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hooganamu himeera.
Haleellaan Israa'el gaggeessite tokko Gaazaa Siitii keessatti Sanbata mana rukkute tokko daa'imman torba dabalatee namoota 11 ajjeeseera akka ejensiin ittisa sivilii Gaazaa jedhutti.
Suuraawwan ba'an akka agarsiisanitti jiraattonni mana caccabe keessa namoota lubbuun oolan yeroo barbaadaniifi reeffa namootaa kafanan agarsiisu.
"Dhohinsa guddaa tokkoti nu dammaqse. Wanti hunduu ni raafame," jechuun AFPtti hime namni ollaa Ahmed Muusaa jedhamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Mana daa'immaniifi dubartoonni keessa jiran ture. Namni barbaadamu tokkollee hin jiru ykn namni yaaddoo uumeeru hin turre."
Waraanni Israa'el Dilbata akka jedhetti "maandhee shororkeessitootaa" 100 ol ta'an Gaazaa Istiriip keessa jiranirratti xiyyeeffachuun guyyoota lamaan darban haleellaagaggeesseen "shororkeessitoota Hamaas kudhanii ol ajjeeseera."
Viidiyoo intalasaanii agarsiifameef deebii kan kennan maatiin Liirii Albaag, baayyee kan onnee isaan cabse ta'uu himuun MM Benjaamiin Netaaniyaahuu "akka ijoolleen isaa achi jiraniitti yaaduun murtee akka taasisuuf" gaafataniiru.
Maatii butaman kan bakka bu'u, Wiirtuun Fooramii Namoota Butamaniifi Maatiiwwan Achi-buuteen Dhabamee wanta Liiriin keessa jirtu "jireeshee rakkisaafi namoota butaman deebisuuf yeroo gubuun barbaachisaa akka hin taane agarsiiftuu qabatamaadha" jedheera.
Waamicha maatiin Liiraa Albarg taasisan kanaaf deebii kan kennan Pirezidantiin Israa'el Isaak Herzoog ammoo jilli biyyisaanii hanga namoonni butamani fudhataman hunduu hanga deebiyanitti mariirraa hin ka'an jedhan.
Aanga'oonni Israa'el kanaan dura viidiyoo namoota butamanii Hamaas gadhiisu akkasii kana waraana xiinsamuuti jechaa turan.
Ji'a darbe keessa aanga'aan olaanaa Filisxeem tokko BBCtti akka himetti waliigaltee dhukaasa dhaabuufi namoota butaman gadhiisuun gara goolabamuutti dhiyaateera, garuu dhimmoonni ijoo fala argachuu barbaadan jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Dilbata har'aa humni waraanaa Israa'el misaa'elii Yaman irraa itti dhukaafame qolachuu himeera.
Huutiin ammoo "Hayippar Baalastik Misaa'el" gara buufata humnaa magaalaa Israa'el Hayifaa cinaatti argamuutti dhukaasuu ibseera.
Gareen kun dooniiwwan karaa Galaana Diimaarra darban irratti xiyyeeffachuufi Israa'elitti dhukaasu kan jalqabe tarkaanfii waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti fudhattuuf deebii kennuufidha jedhe.
Waraanni ammaa kun kan jalqabame yeroo Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'elitti haleellaa gaggeessuun namoota 1,200 ajjeesee 251 ammoo butee fudhatee deemettidha.
Duula waraana Israa'el Hamaas balleessuuf baneen ammoo namoonni 45,800 ol ajjeefamaniiru akka ministeera fayyaa Hamaas hogganuutti.












