Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha cheezii kan jaalatu Embuumoon maaliif Maanchister Yuunaayitid filate?
Biriyaan Embuumoon deegartoota kumaatama fuulduratti taphachuuf rakkoo homaa hin qabu. Garuu piyaanoo taphachuu hin tahiin malee. Isa akka malee sodaata.
Waan addaa fakkaata, garuu nama kofalsiisa,'' jedhe taphataaan paawondii miliyoona 65'niin Maanchister Yuunaayitid gale.
''Manatti osoon hiriyyoota muraasa fuulduratti taphadhee homaa miti. Yeroo sana qaamni koo hin hollatu, asitti garuu baay'ee sodaadha,'' jechuun muuxannoo piyaanoo taphachuu namoota fuulduratti qabu qoode.
Kun jireenya isaa kubba miilaan alaa yeroo ibsudha.
Gidduu kana gareen maan Yuunaayitid tapha michummaaf Ameerikaa Chikaagoo jira. Garee kana waliin kan jiru Embuumoon baay'ee gammadee jira. Taphataan kun amala baay'ee callisuu qaba. Baay'ee nama kabaja.
Bara darbe qofa Piriimer Liigii keessatti galchii 20 lakkoofsise. Kanatu akka taphataan kun xiyyeeffannoo Ruuben Amoorim keessa galu isa godhe.
Kileboota biroo waliinis dubbataa turre. garuu pirojektii Maanchister Yuunaayitid naaf dhiyeesse naaf taheera. Kanaafan kilebicha filadhe. Waliigaltichi xumuramuu didee lafarra harkifamus namoota dhimmakoo qabatan waanan amanuuf shakkii hin qabu ture jedhe.
Embuumoon piyaanoo taphachuu akka malee sodaatus tapha Cheezii yoo itti kaaste garuu lapheen isaa ka'ee dhaabbata.
Tapha baay'ee jaallatudha.
Yeroo boqoannaakootti callisee of bashannansiisuun barbaada. Piyaanoo taphachaa mukuu bahuuf hin yaadu. Kubba waliinis wal hin qabatu jedhe akka baay'ee sodaatu gaafa gaafatamu.
Yeroo boqoannaa isaanii hoteela keessa turan kaan piyaanoo taphatu. Garuu Jooshoyaa Zirkizee akka cheezii taphachuu jaalatu dhagaheera. Isa bira deemeen taphadha jedhe Biriyaan Embuumoon.
Ammaaf garuu cheezii taphachaa kan jiru oonlaayiniidha.
''Maqaa masoon qaba. Oonlaayinii maqaa tokko callistee filattee namuma oonlaayinii jiru tokko wlaiin taphatta,'' jedhe.
Taphataa cimaa cheeziiti of jechuu baadhus yoo haalatti ibsamu beekta tahe sadarkaankoo Cess.com irratti 800 taha jedhe.
Lafa irratti waan ariitiin yaaddee murteessuu qabdu, tapha kubba miilaatti dhiyaatu hin jiru.
Cheezii taphachuun garuu kubba miilaa waliin baay'ee akka wal fakkaatu hima. Tooftaa adda addaa fayyadamuu fi daftee yaaddee murteessuu akka qabdu kaasuun dubbate.
Taphataan Kiristaal Paalaas Eberechee Eezzee dorgommii cheezii guyyaa afurii irratti hirmaachuun paawondii 15,000 mo'ateera. Tapha kana hawwataan kan taasise morkii sammuu inni qabudha.
Malee Eembuumoo fi Eezzeen taphattoota miindaa gaarii qabanidha.
"Yeroo kubba miilaa taphattus akkasuma yaaduu qabda. Yeroo cheezii taphattu sochoo tokko tokko duraketti argita. Tapha sitiraateejii addaa barbaadu waan taheef.
''Yeroon tapha kana keessa guutummaatti galetu jira. You Tube irraa ilaaleen taphicha aappii irratti sjaakalaa ture.
Guddina sammuufis gaariidha. Dandeettii haaraas irraa baratta.
Jaalala tapha cheezii
Embuumoon kilebni isaa duraanii Bireentifoordi yeroodhaan shaakala taphattootaa waan hin jalqabneef irra caalaa yeroo isaa jiimii keessatti dabarse.
Amma gahumsa qaamaa guutuu irra waan hin geenyeef tapha michummaa irratti hiriiraa hin jiru. Yoo kana gaafatamu ammoo garee hundumaa irrayyuu gahumsa qaamaa sirrii irra gahuuf duubatti hafeera jedhe.
Amoorim ammas tapha michummaa Barnimaawuz waliin qaban irrattis akka hin taphanne Amoorim himeera.
Garuu tapha jalqabaa isaa irartti hiriiruu dhabuun baay'ee hin jeeqamne.
''Waan guddaan irratti xiyyeeffadhee jiru yeroo dorgommiin jalqabutti gahumsa qaamaa sirrii irratti argamuu irrattidha'' jedhe.
Maanchister tapha Arsenaal booda Fuulhaam wlaiin morkata.
Bara 2022 tapha jalqabaa Erik Ten Haag irratti Yuunaayitid Bireentifoordi waliin taphatanii 4-0 mo'aman.
Yeroo sana naasuudhaan Maan Yuunaayitid Kaazemiiroo, Aantoonii paawondii miliyoona 155'n mallatteessise. Taphicha irratti Eembuumoon galchii lakkoofsiseera.
Maan Yuunaayitid hirmaannaa shaampiyoonsi Liigis tahe dorgommii Awurooppaa kaan qabaachuu baatus akkuma Maatiyaas Kuunaa mul'ata kilebichi bara kana garasitti qabuun akka amansiifame hime.
Inumaayyuu Tootenhaam kan amma leenjisaa duraanii Toomaas Firaankiin leenji'uun akkasumas Niwkaastiliin gaafatameera.
''Ani nama morkii jaalatudha. Maanchister Yuunaayitid kileba guddaadha. Kun anaaf carraa guddaadha. Kanaafan filadhe'' jedhe.