'Daqiiqaa 40f du'ee waa'ee jireenyaa kanan baradhe kunoo'

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Du'uun namaaf jireenya haaraa hin kennuufi- Paatriik Chaarnlii waan keessa darbes kanaan adda miti.

Abukaatoo daldalaa milkaa'aa hojii malee yeroo dabarsuu akka yeroo jireenyaa isaa qisaasuutti nama ilaaluufi milkaa'ina caaluuf nama of dhiibu dha.

Bara 2021 yeroo weerara Kooviid namni gahumsa qaamaa gaarii qabu kun ganna 39tti dhukkuba onneen qabame, onneensaa hojii dhaabde.

Guyyaa nagumaan soofaarra taa'ee chiipsiifi foon waaddii nyaachaa turee, halkan gaggabee hospitaala gale.

Dhukkuba sanyiin itti darbeen onneensaa hojjechuu dhaabde. Paatriik akka ogummaan fayyaa jedhutti daqiiqaa 40f du'ee ture.

Haati warraasaa CPR ykn deeggarsa fayyaa jalqabaa yeroo onneen dhikkifachuu dhaabu ykn namni hafuura baafachuu dhaabu kennuun gargaaraa turte. Intalaafi ilmisaa ammoo gargaarsa gaafachuu deeman.

Gargaartonni wal'aansa jalqabaa yaaliin isa gargaaruuf taasisan hin milkoofne.

Namni kuni harka isaanii irratti yoo dadhabuuf jedhu adreenaaliinii isa waraanuun lubbusaa oolchuuf yaalan.

''Onnee koo dammaqsuuF elektirikii irra deddeebiin itti ergaa turan,'' haati warraasaa na harkaa bahe jechuun akkaan yaadoftee ture.

Akkuma waan raajii wayii tokkootti onneensaa irra deebiin rukutuu jalqabe.

Paatriik gaggabaafi of wallaaluu torbee tokkoo booda dammaqe, yeroo of baru garuu sammuu keessatti madaa godhachuun qaroonsaa, dandeettii waa yaadachuufi aannisaa waa dalaguuf qabu dhabe.

Akka duriisaatti jiraachuufi hojjechuu dadhabe. Jireenya of harkaa qabuufi firaafi hiryyoota waliin tahuuf ofiif eeyyame.

Akkatti jireenya ilaalu akka geeddarme poodkaastii Ready to Talk jedhamu irratti dubbateera.

Jireenya duriitti deebi'i otoo naan jedhaniiyyuu ''jijjiiramuu hin danda'u'' jedhe.

'Qaroo koo dhabeen dammaqe'

Waan tahe amanuun ammallee waan eela qalbii keessa na galchu dha jedha.

''Yeroon dammaqu iji koo argaa hin turre,'' jechuun waan jalqaba tahe yaadata.

''Wayii argaan ture garuu maal akka ture naa galaa hin turre,'' jedha.

Argaasaa dhabuun waan abjuun dhugaa fakkaatu itti mul'ata(hallucinations). Kunis Charles Bonnet Syndrome jedhamuun beekama.

Sammuun yeroo akka tasaa odeeffannoo fakkiin mul'atu sammuu keessaa hanqatu isa guutuudhaaf waan abjuu fakkaatu kana uuma.

Waan akka abjuu argaa ture kuni gariin ''kan nama sodaachidu,'' yoo tahu waan ''namatti toluufi waan bareedaas argaa ture,'' jedhe.

Gaafa tokko yeroo wal'aansi baqaqsanii hodhuu taasifamuufi narsiin Ameerikaa tokko isa ajjeesuuf akka yaalaa ture amanee ture.

Yeroo kaan ammoo abjuun kuni gara hoospitaala tulluu cabbiin uffifametti isa dhaqata. Achitti narsooti yeroo haasa'an inni ammoo karaa foddaa tulluu cabbiin uffifame ilaala.

Muuxannoon kuni miira gammachuufi nagaa akka kenneef dubbata.

Yeroo argaansaa deebi'uu jalqabu rakkoon kuni miidhama wajjin hidhata akka qabu hubatan. Qaroonsaa ammallee hamma tahe miidhameeti jira.

Qormaati dandeettii sammuu yeroo kennamuuf waa yaadachuufi saffisaan xiinxaluudhaan qabxiin argate %2 gadi ture. Boodarra garuu fooyya'aa dhufe. Ammallee odeeffannoo yeroo dhihoo yaadachuu rakkata.

Dhiibbaan miidhamasaa garuu kan sirriitti mul'achuu jalqabe erga mana galeeti.

'Jireenya badhaadhinaan jiraachaa jira'

Yoo hirribaa ka'u dadhabee, butute ka'a akka duriisaa humnaan ka'ee hojiitti hin bobba'u. Kunimmoo guyyaadhaa gara guyyaatti hammaataa adeeme.

Kana malees akka inni itti yaadu geeddarame. Jalqaba erga bayyanateen booda Paatriik ''dhimma tokkofiyyuu nahuu dhiise,''

Kuni mukaa'uu ykn dippireshinii osoo haala namoonni akka wayiif miira dhaban godhu dha. ''Akkasumaan laftI barii'eE, dhiha.''

YaalIIN qalbii kaka'umsi isaa akka deebi'u isa garagaare, ogeeyyiin xiinsammuu akka inni jireenyasaa darbee gaddee ijibbaatee ofirraa baaftu isa gargaaran.

Paatriik ammallee jireenya gaaf itti ka'e waan barbaade gochuu danda'u sana yaada.

Namoota umriin isa gitan waliin dabarsuu, ijoolleesaa waliin gammachuun taphachuufaa yaada.

Gama biraan ammoo haadha warraasaa akka waa yaadatu isa gargaartu rakkisuusaaf gaabba.

''Isheetu na baatee jira, akka nama dulloomaa tokkottin jiraachaa jira,'' jechuun amana.

Jireenyisaa guutummaatti hamma jedhamuu danda'uun geeddaramus Paatriik ammallee jireenya isa duriitti deebi'uu hin fedhu.

Hojii geeddaree barreessaa tahuurratti xiyyeefachuun amma jireenya muuxataa akka jiraatu dubbata.

''Amma jireenya suutuman jiraadha, filadhee otoo hin taane, gochuu waanin qabuufi.

Garuu jireeny kanaaf nama galata qabu dha. Miidhagni jireenyaa kulul jedhee natti mul'ata. Suuta jechuun jireenya badhaadhinaan jiraachaa jira,'' jedha.

''Ilaalchi koo bu'uurumaa geeddarameera. Amma lubbuun jiraachuu koofiyyuu nama galata qabu dha,'' jedhe

Hariiroon maatiisaa waliin qabus waan gaariitti geeddarameera.

Amala erga dhukkubsatee booda agarsiiseen isaan waliin kolfa. ''Isa durii caalaa jabaanneerra...waan narratti tahe akka walitti dhiyaannu nu godheera,'' jedha.

''Kanaan duras maatiin koo anaaf iddoo guddaa qabu garuu ammoo akkan isaanif of kennu na godheera.,'' jechuun ibsa.

Haallisaa jireenya guyyuun qabamuurraa akka bilisa bahu isa gargaareera.

''Namoonni baayyee jireenyuma jiraachuufiyyuu yeroo akkaan ani hin qabnetti ilaalu. Garuu waan narrtti tahe geeddaruu hin danda'u.

''Danqaa qabaatullee jiraanya koo ammaan jaaladha. Ijoollee hojiidhaa mana gaafa dhufan isaan arguun natti tola. Waan tokkorraa gara biraatti utaaluu dhiiseera.''