Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp dhimma marii dhukaasa dhaabuu Yukireen irratti Puutiinitti 'baayyee aaruu' himan
Doonaald Tiraamp torban hedduudhaaf Yukireen keessatti dhukaasni akka dhaabatuuf mari'achuuf yaalii taasisaniin booda, pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinitti akka ''baay'ee aaran'' dubbatan.
Gaaffii fi deebii NBC News waliin taasisaniin, Tiraamp Puutiin amanamummaa pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskii irratti duuluu isaaniitiin akka aarsan ibsuun, yoo dhukaasa dhaabuu didee ammoo biyyoota boba'aa Raashiyaa bitatan irratti gibira %50 akka kaa'an doorsisan.
"Anii fi Raashiyaan waraanaa Yukireen keessatti dhiiga dhangalaasaa jiru dhaabuu irratti waliigaltee gochuu yoo dadhabnee fi sun badii Raashiyaa akka ta'eetti yoon amane, boba'aa Raashiyaa keessaa bahu hundarratti... gibira lammaffaa kaa'uufan jira," jedhan.
Yaadonni Tiraamp kunis haasaa inni Puutiinii fi Raashiyaa irratti qabu jijjiiramuu kan agarsiiseedha.
Waayit Haawus gaaffii dhimma kanarratti yaada kennuudhaaf dhihaateef battalumatti deebii hin kennine.
Hoggantoonni Awurooppaa mariin Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuu irratti taasifamuuf itti fufee waan jiruuf, Tiraamp Puutiinitti cillaanfachuun isaanii yaaddoo keessa galanii turan.
Torban jahan darban keessa Tiraamp Waajjira Ovaal keessatti Zeleniskiin afaan jala wal bahanii kan turan yoo ta'u, pirezidantii Yukireen irraas dhiifama hedduu dhiyaateef. Faallaa kanaan Puutiin kan jajjabeessu yoo ta'u, baay'inaan gaaffii pirezidantii Raashiyaatiif harka kennateera.
Kun ammoo haala kanaan dura ture irraa kan fagaate fakkaata. Raashiyaan marii dhukaasa dhaabuu irratti harkifachuu hordofee US Raashiyaa yeroo jalqabaaf doorsifte.
Kunis dubbii gara Raashiyaatti kan gargalche fakkaata.
'NBC News' akka gabaasetti, gaaffii fi deebii bilbilaan daqiiqaa 10'f Tiraamp Putiin waliin taasisan irratti, Tiraamp yeroo Puutiin amanamummaa hoggansa Zeleniskii qeeqan baay'ee aaruu'' himan.
Pirezidantichi ofii isaanii hogganaa Yukireen abbaa irree jedhanii waamuun filannoo akka gaggeessan gaafatanii ture.
''Baay'een aare, dalaneera jechuu dandeessu, yeroo... Puutiin amanamummaa Zeleniskii keessa seenuu jalqabe, sababiin isaas sun ammoo kallattii sirrii ta'etti waan hin deemneefiidha,'' jedhan Tiraamp.
"Hoggansi haaraa jechuun ammoo yeroo dheeraaf waliigalteen hin taasifamu jechuudha," jedhan itti dabaluun.
Tiraamp waa'ee Puutiin yeroo dubbataniitti, Kiremliin aarii isaanii akka beektu kaasuudhaan, garuu hogganaa Raashiyaa waliin ''hariiroo baayyee gaarii'' akka qabaniifi ''yoo inni waan sirrii hojjete... aariin dafee akka badu'' hubachiisan.
Raashiyaan dhukaasa dhaabuun yoo hordofuu baate, sunis Tiraampitti badii Puutiin yoo itti fakkaate caalaatti dinagdee biyyattii irratti xiyyeeffachuuf doorsisan.
"Boba'aa fi oomishaalee biroo Ameerikaatti gurguraman irratti gibira %25, gibirri marsaa lammaffaa ni jiraata" kan jedhan Tiraamp, gibira Raashiyaa irratti kaa'amu waliigaltee dhukaasa dhaabuu yoo hin jiraannee ji'a tokko booda akka dhufu hubachiisan.
Gibirri marsaa lammaffaa biyyoota biraa Raashiyaa waliin daldala hojjetan irratti qoqqobbii kaa'amuudha.
Meeshaalee biyyoota ammallee Raashiyaa irraa boba'aa bitatan irraa gara US seenan irratti gibira hanga %50 ta'uu kaa'amu danda'a. Biyyoonni baayyina akkasitiin bitan gurguddoon ammoo Chaayinaa fi Hindiidha.
Zeleniskiin gaaffii fi deebii kana hordofuun miidiyaa hawaasaa irratti "Raashiyaan waraana kana baayyee harkifachiisuuf sababa barbaaduu itti fufteetti" jechuun barreesse.
"Puutiin tapha bara 2014 irraa eegalee haaluma walfakkaatuu taphachaa jira" jedheera, yeroo Raashiyaan humnaan Kiriimiyaa galaanaan marfamte of jalatti galchiteetti.
"Kun nama hundaaf balaa qaba, Ameerikaa, Awurooppaa fi michoota keenya addunyaa nagaa barbaadan hunda irraa deebii sirrii ta'e kennamuu qaba."
Tiraamp dhuma torbee kanaarratti Puutiin waliin akka dubbatan himan.
Raashiyaan biyya ollaa ishee Yukireen irratti weerara guutuu Guraandhala bara 2022 keessa eegalte. Yeroo ammaa kanattis daangaa Yukireen gara %20 ta'u to'attee jirti.
Waraana Yukireen waggaa 4ffaa keessa seenee kanaanis namoonni 100,000 ol Raashiyaatiif lolan du'uu isaanii ragaan BBC Raashiyaa, gareen miidiyaa walabaa Mediazona fi tola ooltota Giraandhala 2022 irraa eegalee du'a lakkaa'aa turan xiinxale ni mul'isa.
Yukireen yeroo dhumaaf lakkoofsa namoota miidhaman kan haaromsite Muddee bara 2024 yoo ta'u, kunis yeroo Pirezidanti Volodymiir Zeleniskiin loltootaa fi qondaaltota keessaa lammiileen Yukireen 43,000 du'uu isaanii beeksisaniidha. Xiinxaltoonni biyyoota lixaa garuu lakkoofsi kun gadi xiqqeeffameera jedhanii amanu.
Akkasumas gaaffii fi deebii Wiixata darbe NBC waliin taasisan keessatti, Tiraamp Heera mootummaa Ameerikaatiin dhorkaa ta'us, Waayit Haawus keessatti marsaa sadaffaa barbaaduun akka hin hafnedubbachuunsaanii ''qoosaa miti'' jedhan.
''Namoonni baay'een akkan kana godhu barbaadu,'' jedhan Tiraamp. "Garuu, bu'uuraan karaa dheeraa imaluu akka qabnu itti hime jechuu kooti."
Haaraa bilbilaa 'NBC' waliin taasisaniinis ammas Iraan waliigaltee niwukilaraa irratti yoo walii hin galle boombii akka darbatan doorsisan. Tiraamp jalqaba baatii kanaarratti sirnichaaf xalayaa erguun mariin akka gaggeeffamuf gaafataniiru.
''Akka kanaan dura arganii hin beekneetti boombii darbachuu ta'a,'' jechuun gibira marsaa lammaffaas akka kaa'u hubachiisan.
Dilbata darbe pirezidaantiin Iraan Maasuud Pezeshkiyaan sagantaa niwukilaraa isaanii ilaalchisee biyyattiin Waashingitan waliin kallattiidhaan mariitti hin seentu, garuu al-kallattiin mariin taasifamuu danda'a jedhan.
"Marii irraa hin fagaannu; waadaa cabsuutu hanga ammaatti rakkoo nutti uume," jedhan. "Isaanis ammantaa uumuu akka danda'an mirkaneessuu qabu."