Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Boeing rakkoo isa mudateef oomisha xiyaara 737 Max akka tursiisu beeksise
Boeing yeroo omishutti rakkoo isa mudaterraa kan ka'e xiyyarota 737 Max "lakkoofsaan guddaa" jedhame maamiltoota isaatiif dhiyeessuu akka tursiisu beeksise.
Kampaaniin guddichi xiyyaara omishu kun akka jedhetti, omishni dhaabbata galtee qaama xiyyaara 737 Max'tiif barbaachisu dhiyeessu sadarkaa guutuun irra jiraatu kan hin guutnedha.
Yeroo hanqinni xiyyarota gurguddoo imaltootaa addunyaa irratti mudataa jiru kanatti, omishini Boeing kun akka turu ta'uun rakkoo biraa ta'uun isaa himameera.
Rakkoon omisha Boeing mudate omishoota sanyii 737 Max ta'an akka Max 7, Max 8, fi Max 8200, akkasumas p-8Poseyidaoon jedhaman xiyyaarota galaanarra hojii caqasuuf bobbaaafaman dhiyeessuurratti gufuu uumeera.
Boeing rakkoo isa mudate Abbaa Taayitaa Balalii Ameerikaa beeksisee filannoo biroo barbaadaa akka jiru ibsuun, maamiltoota isaas hojiin xiyaarichaa hafe xumuramee booda akka dhiyeessu ibseera.
Sababa kanaaf gabaan aksiyoonii Boeing dhibbentaa shaniin hir'ateera.
Kanaan dura ammoo omisha isaa biroo Boeing 787 Diriim-laayinar rakkoon mudachuu hordofee sirreeffama taasifameen, Abbaan Taayitaa Balalii Xiyyaaraa To'atu xiyyaarichi balali'uutti akka deebiyuuf Bitootessa keessa hayyamee ture.
Imalli sababa Covid dhorkamee ture erga ka'een booda guutummaa addunya airratti fedhiin xiyyaaraan balali'uu baayyee dabaleera.
Daandiiwwan xiyyaaraas fedhii jru guutuudhaaf xiyyaarota bitachuudhaaf wal morkachuutti jiru.
Ji'oota sadan darban keessa lakkoofsi xiyyaarota Boeing daandiiwwan qilleensaatti gurgure baayyee dabaleera.
Kanneen kampaanichi gurgure keessaa moodeloonni 737 Max gara caalan yoo ta'u, warri bitatan ammoo daandiiwwan qilleensaa Ameerikaadha.
Boeing Itoophiyaafi Indoneeshiyaatti xiyyaarota 737 Max balaan hamaan mudatee namoonni 346 erga du'anii booda xiyyaarichi tajaajila keessaa bahee ture.
Qorannoowwan bala amudatan lamaan ilalachisuun taasifameen sababa rakkoo dizaayinii sooftiwwerrii balalii xiyyaaraa to'atuun akka ta'e barameera.
Boeing warra balaa kanaan miidhamaniif beenyaa biliyoonaan lakkaa'amu kennuudhaaf waliigalus, dhimmichi ammayyu mana-murtii Ameerikaatiin iaalamuutti jhira.
Balaawwan mudatan hordofee xiyyaaronni 737 Max waggaa tokkoo oliif balali'uurraa dhorkamanii turuu isaaniitiin Boeing kasaaraan guddaan kan isa mudate yoo ta'u, kana sirreessuufi xiyaarotas gara balali'uutti deebisuudhaaf carraaqqii guddaa taasisaa tureera.