Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Hamaas Israa'el irratti bane qindeessuu keessaa Iraan harka qabdii?
Gareen Hamaas Gaazaa bulchu haleellaa Israa'el irratti bane qindeessuufi saganteessuu keessaa Iraan harka qabaachuu gaaffii kan kaasan danuudha.
Iraanfi Israa'el duraanuu argaa walii xireeffatu. Akka Wall Street Journal miseensota Hamaasfi Hizbollaa irraa odeeffadhe jedhee gabaasetti, Iraan torban tokko dura gareen kun Israa'el irratti haleellaa akka banu gooteetti.
Qondaalli waraanaa olaanaan US gabaasa kana booda waa'ee hirmaannaa Iraan ilaalchisee US odeeffannoo homaa akka hin qabne ibsan.
Iraan haleellaa kana dudduuba jirti taanan, waraanni amma eegale kan Israa'elifi Hamaas ta'uu bira darbee kan naannoo sanaa ta'uu mala.
Iraan haleellaa Hamaas gaggeesse kana afaanuma leellisteen ani keessaa hin qabu jettee waakkatte.
Ministarri Dhimma Alaa Iraan, "Iraan harka keessaa qabdi jedhamee himannaan dhiyaatu siyaasa kan of keessaa qabuudha" jedhe.
Dabaluunis, "Iraan murtee biyyi biraa gootu keessa hin seentu" jedhan.
Hoogganaa Iraan olaanaan Ayaatolaa Alii Hameniinis himannaa irratti dhiyaate fudhatama dhabsiisanii warra haleellicha eegale galateeffataniiru.
Rooyitars hiika ibsa Ayaatoolaa keessaa fudhatame ''bulchiinsa warra Zaayinistiirratti warra haleellaa kana karoorse harkasaanii dhunganna'' jedhu maxxanseeera.
Iraan kana jettee waakkattus hirmaannaa dhabuusheef wabii hin ta'u.
Misnitirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Iraanifi Hamaas walitti dhufeenya yeroo dheeraa akka qaban dubbatan.
Iraan baroota dheeraaf meeshaalee waraanaa kanneen akka rokkeettii dabalatee maallaqaafi bifa garaa garaan gargaarti.
Israa'eel gamasheen deeggarsa Iraan, Yamaan, Sudaan fa'aa Gaazaatti geessan danquuf yeroo dheeraf yaalii gochaa turte.
Iraanifi Israa'el diinummaa bara dheeraa waan qabaniif Iraan hidhattoota Baha Giddu Galeessaa kanneen akka Hamaasifi Hizbollaa fayyadamuun Israa'el hirriba dhorkiti.
Haa'im Toomeer qondaala olaanaa duraanii Israa'el Mossaad jedhamuu yoo ta'u, haleellaa Hamaas kanaaf Iraan deeggarsa meeshaa waraanaa akka dhiyeessite amana.
Gareen kun biyyoota akka Sooriyaafi Iraan keessattis leenjii akka fudhatu BBCtti hime.
Akka qondaalli duraanii Mosaad kun jedhutti sochii gaggeessitoonni Hamaas gochaa turan Israa'el yeroo dheeraaf hordofaa turte.
"Namoonni akka Saale al-Aruurii (gaggeessaa waraanaa Hamaas) fi gaggeessitoonni Hamaas biroo Iraanifi Liibaanositti deddeebi'uun Ayaatolaa Kahameenii wajjin dabalatee wal-gahii godhataa turan.
"Hamaas garaa garummaa Israa'el keessa ture itti dhimmee hordofaa ture," jedha.
Dabaluunis, "Iraan deeggarsa loojistikiifi meeshaalee waraanaa 75% uwwisti, garuu haleellaa kana gaggeessuf Hamaas ofiidhumasaa of-danda'ee murteesse" jedhe Haa'im Toomeer.
Raaz Ziimt Yuunivarsiitii Teelaviivitti ogeessa dhimma Iraan yoo ta'u, haleellaan Hamaas kun waanuma Filisxeemonni ofiisaanin murteessan akka ta'e amana.
Akka gabaasa Wall Street Journalitti ammoo walgahii torbee darbe gaafa Fulbaana 2, 2023 Beeruttitti godhatan irratti Hamaas haleellaa kana akka gaggeessuuf gorsaafi kallattii kenniteef.
Haleellaa gaafa Sambataa Hamaas qilleensarraan, lafoofi galaanarraan gaggeesse qindeessufi saganteessuf qondaaltonni waraana Iraan yeroo dheeraaf isaan waliin hojjataa akka turan maddeen Hamaasifi Hizbollaa gaazexaa Wall Street Journalitti himan.
Haa'im Toomeer garuu Hamaas deeggarsa lojistikii Iraan irraa haa argatu malee haleellaa Israa'el irratti gaggeesse ofiidhumasaan akka qindeesse dubbata.
Hamaas humna waraanaa leenjii gahaa qabu waggootaf ijaaraa akka tureefi sadarkaa duriirra sirriitti fooyya'ee akka jirus hima.
Israa'el amma kallattii lamaan dhifamtee jirti. Karaa Kibbaan Hamaas wajjin lolatti galaniiru. Kaaban ammoo gareen Hizbollaa Libaanos irraa rookkettiwwan dhukaasun tuttuuqqii eegaleera.