Indooneziyaatti gaa’ilaan ala saal-qunnamtii raawwachuun hidhaan adabsiisuuf

Madda suuraa, HOTLI SIMANJUNTAK/EPA-EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Paarlaamaan Indooneziyaa ji’a kana keessa seera haaraa saalqunnamtii gaa’ilaan alatti raawwachuu hidhaa hanga waggaa tokkoon nama adabsiisu dabarsa jedhameetu eegama.
Qondaalli siyaasaa seera kana wixineessuu keessatti qooda qabu Bambaang Wuriyantoo, seerichi jalqaba torban dhufu keessatti ragga’uu mala jedhe.
Seerichi yoo ragga’e lammilee Indooneziyaa fi kanneen biyyoota alaarraa dhufanis ittiin adabuuf hojiirra oola.
Adabbiin sagaagaltummaa kan hojiirra oolu, yoo namootni himannaa dhimma kanaan walqabatu qondaaltota biyyattiif dhiyeessan jiraatan qofa.
Namoota gaa’ila dhaabbatan yoo ta’emmoo haadha warraa ykn abbaa warraa nama yakka kana dalageetu himannaa dhiyeeffata.
Kana malees seerichi maatiin ijoolleen isaanii gaa’ila hin dhaabbannee saalqunnamtii raawwachuu isaaniif himachuu akka danda’an eeyyama kennaaf.
Otoo wal hin fuudhiin saal-qunnamtii raawwachaa waliin jiraachuunillee akkasuma seerichaan dhorkame.
Namoonni seera biyyattii kana darban ammoo hidhaa hanga baatii ja’aan adabamu.
Gartuuwwan daldalaa seerri kun kanneen bakka bashannanaafi hojiiwwaan inveestimenti Indooneziyaarratti dhiibbaa uumuu mala jedhanii yaaddoo qaban kaasu Rooyitarsi gabaase.
Waldaan dhaabbilee Indooneeziyaatti hojjattoota qacaranii hojjachiisan (APINDO) jedhamutti ittaanaa hoggaana kan ta’an Shinta Widjaja Sukamdanii, seerri kun hojiirra ooluun "damee daldalarratti shakkii gama seeraa waan uumuuf inveestarootni biyyatti seenuu akka shakkan taasisa," jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wixineen seera saalqunnamtii gaa’ilaan alatti raawwachuu dhorkuu jalqaba bara 2019 bahee ture guutuu biyyattii keessatti mormii hordofsiisee kan ture yoo ta’u, namoota kuma kudhanitti lakkaa’amanitu irratti hirmaate.
Barattoota dabalatee namoonni hedduun daandiiwwan magaalota Indooneziyaatti bahuun mormii kan dhageessisan yoo ta’u, magaalaa guddoo biyyattii Jakaartaatti walitti bu’iinsi dhalatee ture.
Polisoonni hiriirtota dhagaa darbatanitti gaazii imimmaansitu fi bishaan itti biifan.
Biyya hawaasni Muslimaa itti heddumatan kanatti, seerri saal-qunnamtii daangeessuu fi walfakkaatoon kaan bahuun isaanii kun kan jalqabaa miti.
Bulchiinsi Indooneziyaa Aceh jedhamtuufi bakka seerri sheeriyaan hojiirra oolutti, qumaara ykn tirgaa taphachuu, alkoolii dhuguu fi kaanis daangessite.
2021 keessa ollaan dhiiroonni lama qunnamtii saalaa raawwtan jechuu gabaasan. Poolisiin lachanuu uummata fuulduratti marroo 77 garafuun adabe.
Guyyuma sana dubartii fi dhiirri tokko garmalee walitti siqxan jedhamuun adabbii uleen reebamuu 20 fudhatan. Akkasumas namoonni lama dhuganii machaa'uun 40 garafaman.












