Hogganaan UN kabaja waggaa tokkoffaatiin dura weerara Raashiyaa balaaleeffatan

Dureen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutareez Raashiyaa Yukireen weeraruu isheetin "duudhaa addunyaan waliin qabdu sarbite" jechuun balaaleffatan.
Gutareez kana kan dubbatan kora Gamtichaa Raashiyaan daangaa ishee keessaa akka baatuuf Yukireenfi michoonni ishee akka walitti qabamu gaafatan irrattiidha.
Raashiyaan biyyoonni Lixaa ishee mo'achuu akka barbaadan kaasuun qeeqxe.
UNtti ambaasaaddara Raashiyaa kan ta'an Vasily Nebenzya, USfi michoonni ishee guutummaa addunyaa waraanatti galchuu barbaadanii turan jechuun qeeqan.
Guraandhala 24, 2022 Puutin humna waraanaa 200,000 ta'an erguun Yukireen weeraran. Waraana Addunyaa lammaffaa booda ardii Awurooppatti kuni humna guddaa bobba'eedha jedhama.
Akka tilmaama UNtti waraana kanaan hanga ammaa lammiilen nagaan 7,199 yoo du'an gama hedduu ammoo jiruu baqaaf saailaman.
Akka tilmaama humna waraana UStti ammoo gama lamaanuu lotoonni 100,000 ta'u du'aniiru.
Namoonni miliyeena 13 Yukireen keessafi Yukireenin alatti baqataniiru. Raashiyaan erga Yukireen weerartee amma waggaa tokko guutera.
Kanuma ilaalchisee dureen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaarez, "Werrarri kun duudhaa waliin qabnuuf tuffii kan agarsiisedha."
"Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi seera idila addunyaa kan sarbedha," jechuun ibsan.
Gutareez kora Gamtaa Afrikaa walii galaa kana irratti haasaa taasisaniin waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti gaggeeffamaa jiru naannicha jeequmsaa keessa kan galcheefi addunyaa tasgabbii dhorkuu dubbatan.
"Boombii nikularaa fayyadamuufis sodaachisuun tureera. Badii hin taane keessa galuu irraa of duuba deebi'uun amma," jedhan.
Callisisanii ilaalun rakkinicha hammeessa malee hin furu... Waraanni furmaata miti. Namoonni Yukireen keessa jiran gidiraa hamaa keessa jiru."
"Lammiilen Yukireen, Raashiyaafi kanneen bakka biraa jiran hunda caalaa nagaa barbaady," jechuun dubbatan Gutareez.
Yaada furmaataa kora UN irratti dhiyaate kana biyyoonni 60 ta'an deeggaraniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Antooniyoo Gutareez haasaa kana kan taasisan erga pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin waggaa tokkoffaa waraana Yukireen ilaalchisee uummata biyyattiif ergaa dabarsaniin booda.
Puutin haasaa isaanii keessatti waraana Yukireen kan eegale biyyoota Lixaa akka ta'eefi biyyi isaanii waraanicha ittisuuf lolaa akka jirtu dubbatan.












