Itoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf humna akkamii qabdi?

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed Itoophiyaan bara 2029tti Waancaa Afrikaa keessummeesuuf qophii tahuu himan.

Ifattis Itoophiyaan wixinee ishee CAFtti ni dhiyeessiti jedhamee egama.

Bara 2024 Waancaa Afrikaa qopheessuun kan ofumaan injifatte Ayivoorii Kosti waraana walii waliinii keessaa kan baatee fi kan walitti araaramte kubba miilaan ture.

Tarii Itoophiyaaf furmaata akkasii fidaa laata?

MM Abiy Ahimed hoggantoota CAF waliin tahuun istaadiyeemii Adey Abebaa magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jirus daawwataniiru.

Dabalataan Pirezidaantiin FIFA, Jiyaanii Infaantiinoo Finfinneetti MM Dr Abiy Ahimed waliinis mari'ataniiru.

Infaantiinoon wal gahii Konfedereshinii Kubba Miilaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinnee deeman.

Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf qophii fi fedhii akka qabdu kan agarsiifte ji'oota muraasa dura ture.

Waancaa Afrikaa bara 2025 qopheessuuf Morookoon fudhatteetti. Waggaa lamaan isaatti ammoo bara 2027 biyyoonni Baha Afrikaa Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaan waliin tahuun qopheessuuf fudhataniiru.

Itoophiyaan istaadiyeemota sadarkaa idil-adunyaa madaalan waan hin qabneef gareen biyyaalessaa taphoota deeggartoota isaa fuulduratti taphachuu male biyyoota Afrikaa kaan keessatti deemee taphachuuf erga dirqmee bubbuleera.

Kun qabxii argataa jiru irratti dhiibbaa kan godhe yoo tahu, qabxiin dhiyeenya galmeessisaa jiran ammoo kanaaf agarsiiftuu tokkodha.

Itoophiyaan hundeeffama dorgommii Waancaa Afrikaa keessatti adda duree taatee yeroo sadii kan qopheessite yoo ta'u, erga bara 1976 garuu qopheessite hin beektu.

Ministirri duraanii Ispoortiifi Aadaa, Obbo Qajeelaa Mardaasaa karoorri kun wayita qabamu hojiileen hojjetamuu qaban hedduu ta'uu hubachuun akka ta'e dubbatan.

Dorgommii kanaaf istaadiyoomiiwwan shan kan ijaarsi isaanii amma dura eegalamee jiru sadarkaasaa haala eeggateen xumuruuf hojiin hojjetamuu akka eegale dubbatan.

''Istaadiyoomiiwwan sadarkaa isa xiqqaa CAF kaahe guutan afuriifi shan barbaachisa, kunimmoo hojiinsaa eegaleera. Istaadiyoomiin biyyaalessaa Adey Ababaa ijaarsisaa sababa sharafa alaatiin adda citee ture maallaqni argameefi sadarkaa CAFtti xumuruuf sochiin itti fufeera,'' jedhan.

Itoophiyaan istaadiyeemota akka Hawwaasaa, Istaadiyeemii Baahirdaar, Istaadiyeemii Maqalee, Istaadiyeemii Wallaggaa fa'aa qabaattus, sadarkaa CAF kaa'e garuu osoo hin guutiin hafaniiru.

Istaadiyeemota kanneen fooyyessuun sadarkaa isaanii kan eeggate godhanii waggoota shanan dhufan keessatti yoo kan xumuran tahe Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kana akka qopheesituuf haala mijataa uumuufii danda'a.

Ijaarsisaa amma saffisaa jiraachuu kan himamuu fi kana dura sababa hanqina sharafa alaan' harkifachaa turuu kan himamu Adey Ababaa istaadiyeemii guddaa bakka baninsi itti gaggeeffamu tahuu mala.

Kana cinatti ammoo hojiin bu'uuraalee misoomaa diriirsuu, tajaajiloota kan kennan akka hoteelotaas magaalaa Finfinnee keessatti danalaa dhufeera.

Dorgommiin kun garuu magaalaa tokkoo fi istaadiyemii tokkicha irratti kan gaggeeffamu miti.

Biyyoonni ollaa waliin tahuun Waancaa Adunyaas tahe Waancaa Afrikaa kan qopheessaniif kanumaafi.

Itoophiyaan dorgommicha qopheessuuf hangam qophiidha?

Waancaa Afrikaa bara 2023 kan bara 2024 keessa gaggeeffame kan qopheessee fi waancichas injifate Ayivoorii Kostidha.

Kaameeruun ammoo kan bara 2021 bara 2022 keessa gaggeeffame qopheesite. Waancicha ammoo Senegaaltu mo'ate.

Haa tahu malee, waancaa Afrikaa qopheessuun gama baasii isaanis tahe galii argamuu danda'uun salphaa miti.

Ayivoorii Koosti waancaa Afrikaa bara 2024 keessa gaggeeffame qopheessuuf yoo xiqqaate doolaara biliyoona tokko baasteetti. Sharafa amma jiruun gara Birrii biliyoona 115 ol baasii taasisan jechuudha.

Aayivoorii Koosti akkuma amma Itoophiyaa keessatti walitti bu'insi heddumatu waraana walii waliinii keessa turte.

Sababa waraanichaan uummanni miliyoonotaan qe'ee irraa buqqa'ee ture. Waraanni walii waliinii kun erga dhaabbatee garuu dinagdeen biyyattii saffisa guddaan guddataa ture.

Invastimantiin mootummaa haalaan dabaluu fi al ergee bunaa fi kakayoo irraa galii guddaa argachuun biyyoota Lixa Afrikaa keessaa akka dinagdeedhaan sadarkaa lammaffaarra teessuu gargaareera.

Itoophiyaanis al-ergii bunaa irraa galii rikardii tahe argataa jirti.

GDP Aayivoorii Kosti bara 2022 keessa doolaara biliyoona 70 akka tahe IMF hime.

Uummata miliyoona 120tti siqu qabaattus GDP Itoophiyaa bara 2023 keessa doolaara biliyoona 156 akka tahe IMF himeera.

Gama kanaan yoo ilaalle Itoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf humna qabaachuu malti.

Garuu walitti bu'insi biyyicha keessaa yoom xumura argata?

Dorgommiiwan magaalota naannolee akka Hawwaasaa, Baahirdaar, Maqalee fi kaan keessatti gaggeeffamuu danda'an haala akkamii keessatti gaggeeffamuu danda'u? kan jedhu deebisuun waan dursa argachuu qabudha.

Naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessa tasgabbiin hin jiru.Waancicha yeroo qopheessitu keessummoota kumatamatu gara biyyattii deema.

Nageenya isaanii mirkaneessuuf biyyattiin jalqaba gara nagaa waaraatti deebuun dirqama taha.

Haala amma jiruun yoo itti fufe garuu haalicha rakkisaa taasisa. Gama biraan istaadiyeemiin Maqalee yeroo waraanaa waan manca'eef suphaa guddaa barbaada.

Istaadiyeemii Hawwaasaa sadarkaa isaa dabaluu akkasumas istaadiyeemii Adey Ababaa hojjetamaa jiru xumuruun haal-dureewwan dorgommicha qopheessuuf barbaachisanidha. Kun hundi garuu baajata guddaa barbaada.

Bara 2025 Waancaa Afrikaa kan qopheessitu Morookoon istaadiyeemota durumaanuu jiran jaha haaromsuuf doolara biliyoona tokkotti siqu ramaduu odeeffannooleen ni eeru.

Itoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuun gama dinagdeenis gumaacha olaanaa qaba. Manneen nyaataa, hoteelotaa fi manneen daldalaa kaanis galii guddaa akka argataniif gargaara.

Dabalataan sababa dorgommii kanaan magaalonni naannolee istaadiyeemii taphichaaf mijatu qaban akka galii argatanii fi dadammaqaniif gargaara.

Ayivoorii Kosti dorgommicha keessummeessuu qofa osoo hin taane biyyoota Lixa Afrikaa istaadiyeemii sadarkaa CAF guutu hin qabneef eeyyamuun galii guddaa irraa argachuuf kaayyeffatanii hojjechaa turuus pirezidaantii biyyattii himanii ture.

Hojii misooma kolidarii magaala Finfinneetti hojjetamaa jiru akka qaama qophii kanaatti ilaalamuun gumaachuu danda'a. Garuu dorgommicha sadarkaa amma irra gaheen qopheessuun salphaa miti.

Gama biraan ammoo gahumsi gareen biyyaalessaa Itoophiyaa amma irra jiru hojii dabalataa barbaada. Biyyattii keessa akkaadamiin kubba miilaa jabaan taphattoota ol adeemoo baasu hin jiru.

Fakkeenyaaf Aayivoorii Kostii yoo fudhanne taphattoota akka Dider Diroogbaa fa'aa kanneen adunyaa irratti beekaman qabdi. Kubbi miilaa biyyattii adunyaatti beeksiseera.

Kubbi miilaa biyya waraana walii waliiniin diigamtee turte tokko godhee araarseera.

Kanaaf gahee Diroogbaan bahate dorgomaa hin qabu. Sadarkaan Liigii Itoophiyaa irra jirus Afrikaa keessaa jabaadha hin jedhamu. Itoophiyaan kubba miilaan Afrikaa irraa jalqaba beekamtus duubatti haftee kaan ishee bira darbaniiru.

Kana fooyyeessuuf ammoo dorgommicha qopheessuu caalaa kubba miilaa biyya keessaa jabeessuu, akkaadamii guddattootaa irratti invasti gochuun egeree kubba miilaa biyyattiif barbaachisaadha.

Morookoo biyyi bara 2025 waancaa Afrikaa qopheessitu pirojektii kubba miilaa dhiiraa fi dhalaa irratti hojjechuun yeroo gabaabaa keessatti biyyi isaanii Afrikaa irraa biyya yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaa irratti walakkaa xumuraaf geesse taate.

Dubartootaan yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaa irratti hirmaatte. Kanaaf xiyyeeffannoo mootiin biyyattii kubba miilaaf kennan guddaa tahuu himama.