'Ummata Iraan kana booda sodaachisnee bulchuu hin dandeenyu' jechuun qondaalonni Ayaatolaatti himan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Muddamni US fi Iraan gidduutti dhalate qondaalota Iraan biratti yaaddoo biraa uumee jira - US haleellaa Iraan irratti yoo gaggeessite mormiin cimaan dhalachuun mootummaan Ayaatolaa Kameenii kufee sirni gonfoo biyyattiitti deebi'ee ijaaramuu danda'a kan jedhu.

Qondaalonni Iraaniifi Ayaatolaa Alii Kameenii wal-gahii taa'aniin uummanni Iraan akka kana duraa mootummaa Ayaatolaa sodaachuu akka dhiiseefi ummata akka kana duraa sodaachisuun bulchuu akka hin dandeenye itti himuu isaanii Rooyitars qondaalota Iraan ammaafi duraanii jaha dubbisuun gabaasera.

Keessumaa US haleellaa Iraanirratti gaggeessiti taanan uummanni duraanuu aarii qabu abdii horachuun daanditti bahee humnoota seera kabachiisan dura dhaabachuuf qophii ta'uus qondaalonni olaanoon Iraan Ayaatolaatti himaniiru.

Kuni ammoo bulchiinsa Rippaabilika Islaamaa Iraan erga bara 1979 biyyattii bulchaa jirutti xumura gochuun sirni durii deebi'ee hundaa'uu danda'a sodaan jedhus jiraachuu Rooyitars qondaalota olaanoo Iraan dubbisuun gabaase.

Qondaalota kanneen keessaa tokko Rooyitarsitti akka himanitti, mootummaan Iraan akka kufuuf mormiin irra deebiin akka gaggeeffamu gochuuf diinonni Iraan yaalii gochaa akka jiraniifi mormiin uummataa ka'uu akka hin oolle ibse.

"Haleellaan [US gaggeessuu dandeessu] fi mormiin uummanni aariin guutamee gaggeessu mootummaa kuffisuu mala. Kuni yaaddoo qondaalonni olaanoon amma qaban yoo ta'u diinonni keenyas kana barbaadu," jechuun dubbatan.

Yaada qondaalonni Iraan gaggeessaa olaanaa kan ta'an Ayaatolaa Kameeniif dhiyeessan irratti Ayaatolaan maal akka jedhan garuu qondaalonni olaanon duraaniifi ammaa Iraan homaa jechuu akka hin barbaanne ibsa gabaasi Rooyitars kun.

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraanirratti haleellaa gaggeessuuf filannoowwan garaa garaa ilaalaa akka jirutu gabaafame: iddoowwan humnoota waraanaa Iraanifi qondaalota biyyattiirratti kan xiyyeeffateefi Iraan keessatti mormiin akka ka'u gargaaru gaggeessuu mala.

Haleellaan qilleensarraa qofti mootummaa Iraan aangorraa kaasuu akka hin dandeenye qondaalonni biyyoota Arabaafi Israa'el irratti waliigaluu. Kanaaf Iraan keessatti haleellaan gaggeeffamu kan mormii uummataa kakaasu ta'uu akka qabutu barbaadama.

Uummanni aarii cimaa qaba jedhan Ministiirri Muummee duraanii

US haleellaa yoo gaggeessite, haleellicha hordofee mormiin uummataa ni ka'a jechuun garuu waan ganna darbe mudateen wal-faalleessuu danda'a. Ji'a Waxabajjii keessa Israa'eliifi US Iraanirratti haleellaa yeroo gageessan mormiin farra mootuummaa gaggeeffame hin turre.

Haa ta'u garuu ergasii haalli baay'ee jijjiiramuufi uummanni aarii guddaa akka qabu ibsu qondaalli Iraan biyyattii keessatti jijjiiramni akka dhufu barbaadan.

"Uummanni aarii cimaa keessa galeera," jechuun haleellaan US gaggeessuu maltu uummanni onnatee akka mormii akka gaggeessu ni taasisa jechuun dubbata.

Namoonni siyaasaa heddu, kan dur mootummaa Ayaatolaa waliin hojjataa turan, uummanni Iraan sadarkaa mootummaa Ayaatolaa hin sodaanne irra akka gaheefi kufaatiin mootummaa dhiyaataa jiraachuu ibsu.

"Dhiigni uummataa mormii ji'a Amajjii keessa ka'e irratti dhangala'e jijjiiramni hanga dhufutti danfuu hin dhiisu," jechuun dubbatan Ministiirri Muummee duranii Iraan Mirhoseen Moosaavii. Qondaalli duraanii Iraan kun bara 2011 kaasee hidhaa dhaabbii keessa jira.

Mormii cimaa ji'a darbe biyyattii keessatti gaggeeffamerratti humnoonni nageenyaa humna guddaa fayyadamuun namoota kumaatamaan lakkaa'aman ajjeesanii mormichi akka dhaabatu gochuu danda'aniiru. Mormii biyyattii raaseef, mootummaan Ayaatolaa Israa'elifi US harka keessaa qabu jechuun himate.

Tiraamp yeroo mormiin Iraan keessatti gaggeeffamaa ture, namooni hiriira akka itti fufan gaafachuun deeggarsa akka godhuuf waadaa galee ture. Booda ammoo Iraan gabbisa nikularaa akka dhaabdu, hin taanan haleellaa akka gaggeesu itti dhaadate.

Tehraanifi Washingtan tarkaanfii humnaa caala dippilomaasiin rakkoo furachuuf fedhii agarsiisaniiru.

Mormiin Iraan dhaabbatee ammaaf nagaan bu'us, aariifi mufiin garaa lammiilee Iraan keessaa hin baane.

Kufaatii diinagdee, hacuuccaa siyaasaa, sarbama mirgaa, malaammaltummaa, fi kaanis lammiileen Iraan mootummaa biyyattiirratti akka ilkaan ciniinnatan isaan taasiseea.

Humnoonni alaa kanneen akka US fa'aa haleellaa gaggeessu taanan, lammiileen biyya keessaa hamilee argachuun mormii gaggeessuun umurii mootummaa Ayaatolaaf yaaddoo guddaa akka ta'an himu qondaaloni Iraan Rooyitars dubbise.