Iraan humna waraanaa biyyoota Awurooppaa "shorokeessummaan" farrajuun haaloo bahuufi

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Iraan humna waraanaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa "gareewwan shororkeessitootaa" jechuun farrajuuf akka jirtu beeksifte.

Tehraan kana kan beeksifte Gamtaa Awurooppaa humnoota Iraan, Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iran (IRGC) jedhamuun beekaman "shororkeessaa" jechuun farrajuu hordofeeti.

Biyyoota Awurrooppaa humna waraanaashee "shororkeessaa" jedhanii farrajan kana Iraan haaloo bahuu barbaaddi- humna waraanaasaanii galmee shororkeessummaa irratti galmeessun.

Dubbi himaa paarlaamaa Iraan kan ta'an Mohaammad Baqar Qalibaaf Dilbata, Amajjii 31, akka ibsanitti, Iraan humna waraanaa biyyoota Gamtaa Afrikaa "gareewwan shorokeessitootaa" jechuun farrajuuf akka jirtu ibsuu isaanii maddi oduu Rooyitars gabaase.

Mormii Iraanitti dhalatee tureen humnoonni nagaan heddu du'uu hordofee Gamtaan Awurooppaa hariiroo Iraan waliin qabu irratti jijjiirama guddaa taasise. Kunis humnoonni nageenyaa biyyattii tarkaanfii humnaa namoota hiriira nagaa bahan irratti fudhate jechuun Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamaa Iraan "shorokeessaa" jechuun farraje.

Hiriira mormii Iraanitti torbanootaaf gaggeeffameen tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhataniin namoonni nagaan kumaan lakkaa'aman du'uu mootummaan Iraaniyyuu ibseera.

Mootummaan Rippaabilika Islaamaa Iraan erga bara 1979tti warraaqsa uummataan aangoo qabateen as tarkaanfii humnaa cimaa akka alanaa hiriirtota irratti fudhatee hin beeku jedhama.

Gamtaan Awurooppaa Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa shorokeessaa jedhee farrajuunsaa isuma deebi'ee akka miidhu ibsite Iraan.

"Biyyoonni Awurooppaa Eegdota Warraaqsaa...[shorokeessaa] jechuun farrajuun isaanii ofiidhuma isaanii mogolee of jalaa rukutan, akkasumas jaamiffa ajaja Amerikaa fudhachuun faallaa fedhii uummata isaanii dhaabatan," jedhan Mohaammad Baqar.

Dabaluunis, komishiniin nageenya biyyaalessaa Iraan qondaalota waraanaa biyyoota Awurooppaa Iraan keessa jiran akka bahaniif hojiirra akka oolchu ibsan.

Warraaqsa Iraan bara 1979 booda kan hundaa'e, humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC), diingadeefi dhimmoota ijoo biyyattee to'atee jira.

Humna Waraanaa Iraan idileen alatti kan ijaarame humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa, humna waraanaa biyyattii caalaa kan hidhateefi humna cimaa qabu akka ta'etti ilaalama.