Huugoo Ekitikee Anfiilditti Siitii qaanessuun Liivepuuliin boonsuu danda'aa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Tapha Piriimer Liigii Ingilaand torbee 25ffaan har'a taphi akkaan eegamu kan har'a Anfiildi irratti Liiverpuul Maanchistar Siitii keessummeessudha.

Paawondii miiliyoona 79n Eyintiraakt Firaankfart irraa barana gara Liiverpuul kan seene Huugoo Ekitikee abdii kilabichaa ta'eera.

Maallaqa rikardii ta'e, paawondii miiliyoona 125n Liiverpuul kan seene Aleksaandar Isaak taa'ee warra taphatan jajjabeessuu ta'e hojiinsaa.

Taphataan Siwiidiin kun miidhamaan dirree irraa fagaatus garuu ga'umsi Ekitikee akka namuu isa dagatu taasise.

Erga Liiverpuul seenee ga'umsi isaa gadi bu'ee hin beeku. Dorgommii hundarratti goolii 15 galcheera, afur ammoo mijeessee kenneera.

Taphataan umrii waggaa 23 kun ji'a darbe dorgommii Waancaa FA irratti goolii galchuudhaan taphataa Liiverpuul bara jalqabaa dorgommiiwwan gosa adda addaa shan irratti goolii galche lammaffaa ta'eera.

Dhiheenya kana inumaa Ekitikeen taphataa Liiverpuul jaarraa 21ffaa keessa goolii galchuun sadarkaa jalqabaarra jira jedhamu Fernando Toores faana dorgomsiifamaa jira.

Taphataan kun dandeettiisaa kanaaf taphattoota gameeyyii kanneen akka Alan Shiirar fi Waayin Rooniidhaan jajameera.

Ekitikeen torbee darbe wayita Niwukasil irratti goolii lama galchu Alan Shiira goolii isaa lammataan ''goolii addunyaarratti sadarkaasaa eeggate,'' jechuun jaje.

Rooniin ammoo taphataa cimaa Piriimer Liigii jedheen.

''Taphattoota an ilaaluu jaalladhu keessaati. Taphataan kun lakkoofsa sagal miti, lakkoosa 10 miti. Bal'isee bakka qabatee kubbaa to'ata. Taphattoota erga gara taphaatti galchee booda kubbaa sana gara gooliitti geeddara. Ga'umsi isaa waan hedduudha,'' jechuun taphataa Faransaay kana jaje Rooniin.

Liiverpuul bara taphaa 2020-21 irraa eegalee jifattoota umriinsaanii waggaa 23 gadi ta'e kanneen akka Erliing Haalaand, Kiliyaan Imbaappe, Aleksaandar Isaak fi Huugoo Ekitikee irra ijasaa buufatee ture.

Dhumarratti garuu bara 2025 osoo Niwukasil waliin taphataa kanarratti morma walqabanii Ekitikee harka galfate.

Niwukasil taphataa kana mallatteessifachuuf baayyee itti dhihaatee ture, garuu qalbiin taphatichaa gara Liiverpuul ture.

Arnee Siloot taphataa kana dandeettiisaa qofa osoo hin taane haalaa fi amala isaas akka jaallate ibsa.

''Nama tattaphatuudha, gammachuu qaba. Bakka shaakalaatti miirri gaariin akka jiraatu ga'ee guddaa ba'ata. Istaadiyemii keessattis akkasuma. Deeggartoonni baayyee isa jaallatu,'' jedhe.

Siloot ga'imsa Ekitikeen dirree irratti qabu jalqabumarraa hubate.

Ammoo dandeettiin, ga'umsi, ciminni isaa kubbaan gamatti ta'uus hubate.

Jifattoonni gariin tarkaanfii mataasaanii fudhachuun yeroo garii kubbaa ittisuun hojii kiyya miti jechuun dhiisu.

Haata'u malee Ekitikeen waan hundayyuu ajaja leenjisaa isaatiin raawwata.

Duraan Mohammad Saalaa ture fuuldura irratti dhiibbaa guddaa uumuun kan taphataa ture.

Amma ga'ee kana Ekitikeen fudhateera. Siloot bara kana taphattoonni hundinuu bakkasaaniitti akka ciman seer bocatee itti adeemaa jira.

Wayita kana Ekitikeen fuuldura irratti humna guutuun dhiibbaa uumuuf carraa argata.