Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US nu haleellaan buufataalee waraanaa ishee Baha Giddugaleessaa haleeluuf qophoofneerra- Iraan
Atakaaroon biyyoota lameenii ammas ittuma fufee jira. US fi Iraan mariidhaan dhimmasaanii furatu jedhamee osoo abdatamuu ammas walitti dhaadachuutti deebi'an.
Ministirri dhimma alaa Iraan Sambata kaleessaa (Guraandhala 6, 2026) Ameerikaan yoo Iraan haleelte Iraan ammoo buufataalee waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuuf qophiidha jedhe.
Haleellaan Iraan raawwattu kun akka waan biyyoota buufataaleen US keessa jiran irratti raawwatameetti fudhatamuu hin qabu jedhe Abbaas Araagchii.
Abbaas Araagchii erga Iraan fi US karaa bakka bu'oota isaanii marii nukilaraa gaggeessanii booda Al Jaziiraa irratti yaada kana kennan.
Mariin Jimaata Omaanitti gaggeeffame abdachiisaa ta'uu gareen lameenuu ibsanii turan.
Araagchiin mariin itti aanu guyyaa kam akka geggaaffamu hin ibsine, Pirezidantiin US Donald Tiraamp ammoo jalqaba torbee dhufuutti mariin akka itti fufu ibse.
''Nutii fi Ameerikaan mariin dhihootti akka itti fufu amanna,'' jedhe Abbaas Araagchii.
Tiraamp erga buufata waraanaa humna galaanaa gara Baha Giddugaleessaatti ergee Iraaniin tarkaanfii waraanaan doorsisuu hin dhaabne.
Qondaalli US kun Iraan akka yuraaniyemii nukilara oomishuuf gargaaru hin gabbisne barbaada.
Akkasumas Iraan akka sagantaa misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifamanii dhiistuu fi hidhattooota naannawa Baha Giddugaleessaa keessa scoho'an tumsuurraa of qusattu akeekkachiiseera.
Iraan erga nukilaara ishee meeshaalee waraanaa oomishuuf akka hin oolchine ibsuu eegaltee turteetti.
Anniisaaf qofa akka fayyadamtu himti. Warri lixaa garuu kana hin amanan.
Gareen lameenuu dhimma sagantaa nukilaraa Iraan waggootaaf biyyoota lixaa mufachiisaa ture irratti mari'atanii waliigaluuf wayita qophii ta'uusaanii agarsiisaa jiranitti, Abbaas Araagchii mata duree kanaan ala marii babal'isuu akka hin fudhanne ibseera.
''Mariin gaggeeffamu kamuu doorsisaa fi dhiibbaa kan hin makanne ta'uu qaba. Tehraan dhimma nukilaraa qofarratti mari'atti. Dhimma biraa US waliin mari'annu hin qabnu,'' jedhe.
Waxabajjii darbe wayita Israa'el fi Iraan guyyoota 12f wal haleelan US Israa'eliin tumsuun Iraan haleeluun buufataalee nukilaraa ishee barbadeessuu ibsitee turte.
Iraan erga yeroo sanaatii yuraaniyemii gabbisaa akka hin jirre ibsiti.
Yeroo sanatti Iraan buufata waraanaa US kan Qataar keessa jiru haleeluun haaloo baate.
Qataar Iraan faanas US faanas michummaa gaarii qabdi, garuu haleellaa Iraan kanaan guddoo mufachuu ibsitee turte.
Haleellaa haaraan ammas yoo humnoota Ameerikaan raawwatame tarkaanfiin fudhatamu walfakkaataa ta'a jedhe Araagchiin.
''Dachee Ameerikaa keessa seennee haleellaa raawwachuun hin danda'amu. Garuu buufata isheen naannawa kana keessaa qabdurratti xiyyeeffanna,'' jedhe.
''Biyyoota ollaa keenyaa miti kan haleellu. Garuu buufataalee waraanaa US kan biyyoota kunneen keessa buufatan irratti qiyyaafanna. Lameen gidduu garaagarummaa guddaatu jira.''