Qondaaltoota ABO mana hidhaatii bahan mootummaan dhiifama gaafatee beenyaa kanfaluufii qaba- HRW

Bitaarraa gara mirgatti: Daawiiti Abdataa, Miikaa'el Booran, Lammii Beenyaa, gadaa Oljiirraa (Dr), Gadaa Gabbiisaa (Dr) Kennasaa Ayaanaa fi Abdiisaa Ragaasaa.

Madda suuraa, Lemi Gemechu

Ibsa waa'ee suuraa, Bitaarraa gara mirgatti: Daawiiti Abdataa, Miikaa'el Booran, Lammii Beenyaa, gadaa Oljiirraa (Dr), Gadaa Gabbiisaa (Dr) Kennasaa Ayaanaa fi Abdiisaa Ragaasaa.

Mootummaan Itoophiyaa qondaaltota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ''karaa seeraan alaatiin'' hidhaarra turan, ''dhiifama akka gaafatuu fi beenyaa miidhaa isaan irra gahee akka kanfaluuf'' dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Wooch (HRW) gaafate.

Daareektarri Dhaabbata Humaan Raayitis Wooch damee Gaanfa Afriikaa, Laatiishiyaa Baadir toora X isaanii irratti akka barreessaniitti, mootummaan Itoophiyaa namoota siyaasaa ''karaa seeraan alaatiin'' waggoota afuriif hidhaarra tursiisee dhiifama gaafachuufi yeroo beenyaa itti kanfaluudha jedhan.

Dhaabbatichi ibsa Wiixata kaleessaa Fulbaana 9, 2024 baaseen, qondaaltoonni ABO hidhaarraa hiikamaniif ''hidhamuun hafee to'annoo jala oolfamuu hin qaban ture'' jedheera.

Qondaaltoonni ABO ajaja mana murtiifi himannaan osoo irratti hin dhiyaatiin waggaa afuriif hidhaarra turanis, Abdii Raggaasaa, Miikaa'el Booran, Keennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabbiisaa fi Daawwiiti Abdataati.

Qondaaltoonni olaanoon ABO kunneenis miseensoota poolisii ajjeessuudhaan akkasumas yeroo artiisti Hacaaluu Hundeessaa ajjeefame hookkara kakaasuu shakkamuun to'annoo jala oolfamunsaanii ni yaadatama.

Qondaaltoonni kunnneenis yakka irraa bilisa jedhamuun yeroo garaa garaatti hidhaarra akka gadi dhiifamaniif mana murtiin kan murtaa'e ta'ulleen, mana hidhaa keessa waggaa afuriiif akka turan taasifamusaanii abookaatowwaniifi paartiinsaanii ibsaa turuun ni yaadatama.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Humaan Raayitsi Wooch dabalatee kanneen mirga namoomaaf falman kaanis namoota siyaasaa hidhaarra turan kunneen akka gadi dhiifamaniif gaafataa turan.

Aanga’oonni torban kunneenis kan hidhaarraa hiikaman torban darbe guyyaa Kamiisaa Fulbaana 5, 2024 ture. Jarreen kunneenis osoo himannaan irratti hin banamiin kan hidhaarra turan buufata poolisii Buraayyuutti argamu keessa yoo ta’u, wabiidhaan gadi dhiifamusaanii dubbi himaanaa paartichaatu beeksiise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Humaan Raayitis Wooch ibsa isaatiin, “mootummaan ajaja mana murtii namoonni siyaasaa kunneen akka hidhaarraa gadii dhiisamaniif dabarse hedduu hin fudhatiin hafeera‘‘ jechuun himateera.

Dhaabbatichi qorannoo gaggeesseen mirgoonni namoota siyaasaa kanneen aanga’oota mootummaatiin ‚‚irra deddebiin sarbamu‘‘ ibseera.

Dhaabbatichi sarbamawwan mirgaa kaasee keessaa tokkoo, “abookaatoowwaniifi miseensoonni maatii bakkasaan jiran osoo hin barii dirqiidhaan dhokfamaniiru‘‘ kann jedhu ni argama.

Kana malees, aanga’oonni namoonni siyaasaa yeroodhaa gara yerootti bakka hidhaa yeroo fi ifa ta’aniitti dadabarsaa akka turan dhaabbanni mirgaaf falmu kun kaaseera.

Namoonni siyaasaa kunneenis ibsaa fi dhiyeessitii bishaanii malee kaampii leenjii poolisii fi bakkeewwan horsiisa lukkuu keessatti hidhamaa turuusaanii Kennasaa Ayyaanaa fi Gadaa Andiisaa ammoo “wayita hidhaarra turaniitti rakkoon fayyaa cimaan isaan mudatee akka ture‘‘ ibsichi kaaseera.

“ Namoonni siyaasaa kunneen gadi dhiifamusaanii maatiifi deeggartoonnisaanii gammachuun simataniiru‘‘ kann jedhe dhaabbatichi, “haata’u malee sababii hidhaa yeroo dheeraafi seeraan alaatiif saaxilamusaaniitti hanga ammaattuu namoota siyaasaa hunda hanga ammaatti balaarratti kuffiiseera‘‘ jechuun himeera.

Dhaabbatichi dabaluudhaanis, “lubbuu fi bilisummaan qamooleen sochii siyaasa nagaa irratti hirmaatanii balaadhaaf saaxilamaa ta’u akka itti dhagahamu dhimmoonni taasisan furamu qabaatu‘‘ jechuun yaadachiise.

Ameerikaa dabalatee deeggartoonni Itoophiyaa, “aanga’oonni Itoophiyaa mormiitoota himannaa malee hidhuu akka dhaabaniif dhiibbaa taasisuu qabaatu‘‘ jedheera dhaabbanni kun.