Qondaalonni ABO hiikamuurratti eenyutu maal jedhe?

Aanga'oota ABO hidhaatii hiikaman

Madda suuraa, Lammii Gammachuu

Qondaalonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waggoota afran darban mana hidhaa turan guyyaa kaleessaa, Fulbaana 5 bara 2014 mana hidhaatii wabiidhaan gadhiifamaniiru.

Qondaalonni ABO kunneen himata garaa garaa irratti dhiyaaterraa manni murtii bilisa godhus waggoota arfan darban murtii seeraa malee mana hidhaa turuusaanii abukaatotaafi dhaaba ABO dubbisuun BBCn gabaasuun yaadatama.

Namoonni siyaasaa kunneen magaala Shaggar bakkee garaa garaatti hidhamaa kan turan yoo ta'u, guyyaa kaleessaa magaala Shaggar, Buraayyurraa gadhiifaman.

Hiikamuu qondaalotasaa ilaalchisee dhaabni ABO ibsa baasen namoonni siyaasaa kunneen bara 2020 irraa kaasee mana hidhaatti hiraarfamaa turuu eerun, hiikamuusaanitti akka gammade beeksise.

Hiikamuunsaanii "maatiisaaniif, dhaaba keenyaaf, hawaasa Oromoo biyya keessaafi ala jiruuf aara galfiidha," jedhe ABOn ibsa baasen.

Dabalataanis, qondaalonni siyaasaa kun mirga isaaniif waan falmatan qofaaf akka hidhamaniifi dararaan isaanirra gahaa ture ibsuun kanneen yeroo rakkinaatti namoota siyaasaafi dhaabicha bira dhaabachuun jajjabbeessaa turan galateeffateera.

Namoonni siyaasaa dhaaba ABO kun akka gadi dhiifamaniif Boordiin Filannoo Itoophiyaa, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa tattaaffii gochaa akka turaniifi hiikamuu qondaalota siyaasaa kanaaf akka gumaachan ibsuun miseensonniifi deeggartoonni isaa biroo manatti hafan hunda mootummaan akka gadi lakkisu ABOn gaafate.

Namoonni kun hiikamuunsaanii agarsiiftuu gaarii ta'uu kan ibs ABOn, "aangowoonni mootummaa miseensotaafi deeggartoota guutuu Oromiyaa keessatti hidhamanii jiran gadi dhiisun tarkaanfii kana caalu akka fudhatan gaafanna," jechuun biiroleen jalaa cufamanis akka banamaniif mootummaaf gaaffii dhgiyeesse.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) gamasaan hiikamuu qondaalota ABO bu'aa dhiibbaan kallattiifi al-kallattii mootummaarratti gaggeeffamee akka ta'e beeksise ibsa fuula X gubbaatti baasen.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u garuu, qondaalonni siyaasaa kun ammayyuu deebi'anii hidhamuu akka danda'aniifi nageenyasaanif wabiin akka hin jirre eera ibsi WBO kun.

"Deebi'anii hidhamuu danda'u, nageenyasaanif wabiin hin jiru," jechuun qondaalota siyaasaa Oromoo kanaan dura mana hidhaatii bahan rakkoo garaa garaa isaan mudate akka fakkeenyatti kaasuun.

Namni siyaasaa Jawaar Mohaammad qondaalonni siyaasaa ABO waggaa afuriif seeraan ala hidhamanii turan bahuusaanitti gammachuu qabu ibse.

"Qondaalonni ABO murtii seeraa malee waggaa afurii oliif mana hidhaa turan bahuu isaanii dhagahuun nama gammachiisa," jechuun mootummaan kanneen hafanis akka gadi dhiisuf waamicha godhe.

"Tarkaanfii gaarii kanarratti dabalataan mootummaan hidhamtoota siyaasaa hafan hunda gadi dhiisufi karaa nagaan lola hidhattoota waliin gaggeessu xumura itti gochuu qaba," jedhe Jawaar yaada fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreessen.

Siyaasa Itoophiyaa xinxaalun kan beekamu Iyaaspeed Tasfaayee ammoo "Batteen Urgeessaa osoo yoona mana hidhaa jiraatee carraa lubbuun jiraachuu qaba ture" jechuun barreesse.

"Battee Urgeessaa yoona osoo mana hidhaa keessa jiraatee jedheen hawwe. Sababni isaa, silaa guyyaa kana jaallansaa [warra mana hidhaatii bahan] waliin kabajuuf carraa qaba ture.

"Hundisaanii mana hidhaatii bahuusaanitti gammadeera, akkuma kanatti hafu [deebi'anii hin hidhaman] jedheen yaada," jedhe Iyaaspeed.

Qondaaltonni ABO mana hidhaatii wabiin gadi lakkifaman kunneen Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Dr Gadaa Oljirraa, Gadaa Gabbisaafi Daawwit Abdataadha.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa baatii Caamsaa keessa xalayaa Parlaamaa Itoophiyaaf barresseen komii dhaabichaaf deebiin akka kennamu gaafatee ture.

Dhaabichi xalayaa kana dura boordichaaf barreessen manni murtii qondaalota isaa hiikuus hidhaarraa akka hin gadhiifamnee fi humnoota nageenyaan haala 'seera maleessa ta’een' tursiifaman jedhe.

Dhaabbileen mirgaafi namootni siyaasaas akka hiikaman gaafachaa turuun ni yaadatama.