Injifannoo Gudaaf booda Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa 3ffaan xumurte

Itoophiyaan Shaampiyoonaan Atileetiksii Mana Keessaa Addunyaa 20ffaa Naanjing, Chaayinaatti qophaa'e medaaliyaa shan mo'achuun xumurte.

Kanaanis, biyyoota dorgommii guyyaa Jimaataa hanga Dilbataa taasifameerratti hirmaatan keessaa US fi Noorweeyitti aanuun sadarkaa sadaffaan xumurte.

Dorgommii guyyaa sadaffaatti fiigicha fageenya 1,500m Atileet Gudaaf Tsaggaay 3:54:86'n xumuruun Riikardii Shaampiyoonaa cabsuun injifatte.

Atileetiin Itoophiyaa biroo Dirribee Waltajjii lammaffaa baateetti.

Olompikii Paaris irratti fageenya sadiin dorgomtee medaaliyaa kan dhabde Atileet Gudaaf , Shaampiyoonaa Mana Keessaarratti mo'attee, biyyas kiisteetti.

Gudaaf shaampiyoonaa waggaa darbe Gilaasgoo dorgomameerratti 3,000m'n lammaffaan xumurtee turte.

Shaampiyoonaa bara 2022 Beelgireed qophaa'errattimmoo 1,500m'n riikardii shaampiyoonaa injifachuun warqii injifattee turte.

Eegasii eegalee fageenya 1,500m dubartootaan atileetonni Itoophiyaa walitti aansuun yeroo afuriif injifachuu danda'aniiru.

Dorgommii biraa 800m dubartootaan shaampiyoonaan waggaa darbe Tsiggee Dhugumaa osoo eegamtuu Atileet Nigist Getaachoo lammaffaan xumurte.

Tsiggeen dorgommicha sadarkaa jahaffaan xumurte.

Dorgommiiwwan kuni fageenyawwan atileetonni Itoophiyaa itti milkaa'uu danda'u jedhamee eegamaa turedha.

Fageenya 3000m'n warqii

Itoophiyaan fageenya 3,000m fi 1,500m dubartootaani warqii kan argatte.

Itoophiyaan warqii jalqabaa guyyaa Sambataa Atileet Firewaynii Hayiluudhaan fageenya 3,000m gonfatte.

Atileetiin Olompikii Paaris irratti dorgomuu dhabde kuni fageenyicha 8:37:21'n xumurte.

Atileetiin Itoophiyaa biroo Birqee Hayyaloom 5ffaa baate.

Atileet Firewayniin waggaa darbe Shaampiyoonaa Gilaasgootti 1,500m'n shaampiyoonaa turte.

Barana garuu 3,000m'n dorgomtee injifatte.

Gama kaaniin, Atileet Barrihuu Aragaawwii 3,000m'n 2ffaa bahuun meetii biyyaaf gonfate.

Dorgommii kana atileetiin cimaa Noorweey Jaakob Ingibiristanitu mo'ate.

Barrihuun atileetii dhiiraa tokkicha medaaliyaa biyyaaf galmeessedha. Kanaan ala atileetonni afran hafan dubartootadha.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Chaayinaa Naanjiing kanaan warqii lamaafi meetii sadiin xumurte.

Biyyoonni Afrikaa biroo sadarkaa keessa seenan lama qofa; Afrikaan Kibbaa medaaliyaa lamaan 11ffaa, Burkinafaasoon immoo medaaliyaa tokkoon 27ffaa.

Itoophiyaan shaampiyoonaa waggaa darbe Gilaasgootti dorgomameerratti medaaliyaa afur argachuun biyyoota addunyaa keessaa sadarkaa shanaffaan xumurtee turte.

Shaampiyoonaa Beelgireed bara 2022 Olompikii Tookiyoo booda dorgomamemmoo medaaliyaa 9 mo'achuun mataa biyyoota addunyaa ta'un xumuruun ni yaadatama.