Xiyyaaronni gargaarsa fe'an Maqalee maaliif qubachuu rakkatan?

Gargaarsi namoomaa konkolaataan ala xiyyaaraaniis Naannoo Tigraay seena

Madda suuraa, Janez Lenarcic/Twitter

Xiyyaarotni deeggarsa fe’an buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee argamu akka hin qubanne humnoonni TPLF dhorkan jechuun mootummaan federaalaa Itoophiyaa himate.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa Kamisa baaseen '‘carraaqqii mootummaa hadheessuufi ololaaf jecha gargaarsa namoomaa naannicha seenan danquuf yaalameera,’’ jedhe.

Dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa deebii karaa tiwiitaraatiin himannaa kanaaf kennaniin, buufati xiyyaaraa cufaa ta’u mirkaneessan. Garuu ammoo, himannaa mootummaa Itoophiyaa hin fudhanne.

'‘Hanqina boba’aan buufati xiyyaaraa yeroof cufameera. Kun rakkoo walfakkaataa deeggarsa nyaataa ummata fedhu biraan gahuuf rakkisaa taasisedha,’’ jedhan.

Dhimma kanarratti gama dhaabbilee gargaarsa namoomaa wanti jedhame hin jiru.

Torbanuma kana Maqalee kan daawwatan qondaalli olaanaa Gamtaa Awurooppaa, tajaajilonni bu’uraalee akka gadhiifaman, akkasumas boba’aan gahaa naannicha akka seenu gaafataniiru.

Mootummaan humnoonni TPLF boba’aa seenu waraanaaf itti fayyadamu jedhee shakka. Qondaalli Gamtaa Awurooppaa yaaddoo kanaaf mootummaan ‘’tooftaa hordoffii’’ akka tolfatu ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa hanqinni boba’aa akka hin jirreefi torbanuma kanallee konkolaattonni sadii boba’aa fe’an Maqalee seenuu hime.

Erga Waxabajjii waggaa darbe humnoonni federaalaa Naannoo Tigraay keessaa bahani as tajaajiloonni baankii, telekomii dabalatee adda citaniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti ji’oota 20 dura eegale. Baatii Guraandhala keessa deeggarsa namoomaaf jecha waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga taasifame as haalichi tasgabbaa’eera.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Qaamoleen lamaan waraanicha mariin xumuruuf fedhii agarsiisaniiru. Haa ta’u malee, waliigalteen waranaana mariin xumura tolchuu hin taasifamne.

Booda kana deeggarsi nyaataafi kaan gara Naannoo Tigraay ummata lolichaan miidhameef gahu dabaleera. Mootummaan Ameerikaas kana jajjabeessaa ta’u ibse.

Mootummaan Itoophiyaa garee waggaa darbe galmee shororkeessummaa jala kaa’e kan himate eega xiyyaaronni gargaarsa fe’an Roobii eegalee Maqalee qubachuu dhabu isaanii yeroo ibsettidha.

Mootummaan danqaa garee kanaa irra darbuun deeggarsa barbaachisaa dhiyeessaa jiraachuu hawwaasni idil-adunyaa ni beeka jedhe ibsi mootummaa.

Maaltu jedhame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan yeroo ammaa qorichaafi meeshaalee fayyaa akkasumas soorati madaalawaa daa’immaniif oolu gara Tigraay ergaa ture sababa balaliin dhaabateef danqamuu hime.

‘’Gareen shororkeessaa balalii xiyyaaraa dhowwachuufi kaleessaa eegalee yeroo hin murtoofneef xiyyaaronni deeggarsaa buufata xiyyaaraa Maqalee akka hin qubanne gochuun barameera,’’ jedha ibsi bahe.

Kunis, gareen kuni ‘’ummata Tigraay meeshaa ololaaf itti fayyadamu malee kaayyoo biraa akka hin qabne irra deebiin mirkaneesa,’’ jechuun himate.

Hawaasi idil-addunyaa akka balaaleeffatuufi sababa isaas akka qoratu ‘’mootummaan waamicha isaa dabarsa’’ jechuun gaafate.

Kunis taatu tattaaffii gargaarsa ummata biraan garuu cimsee itti fufa jedhe mootummaan.

Himannaa mootummaa kan balaaleeffatan Obbo Getaachoon, dhaabbilee gargaarsaa waliin akka mari’ataa jiran himan.

‘’Balaliin dafee akka eegalu abdii qabna,’’ jedhan.

Obbo Getaachoon mootummaan ajjeechaa booda kana gama Lixa biyyattii dhaqqabeerraa xiyyeeffannoo gar biraatti dabarsuuf jedhee kana godha jechuun himataniiru.

Torban darbe haleellaawwan Gambeellaa akkasumas Gimbiitti raawwateen lammiileen hedduu lubbuu dhabaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Mootummaan gargaarsa namoomaa karaa konkolaataafi xiyyaaraan Maqalee akka seenu eeyyameera.

Qaamoleen waraana keessa jiran lamaan yeroo adda addaatti ibsa baasuun wal himataa turaniiru.

Gargaarsi kana dura konkolaataan akka Maqalee hin seenne humnoonni TPLF karaa Affaar lafa qabachuun isaanii danqaa ta’u mootummaan ibsaa ture. TPLF kana hin fudhatu.

Himannaan gama balaliitiin walqabate yoo mudatu kuni kan duraati.