Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa misaa'elaa Israa'el irratti raawwatameen booda miira Iraan keessa jiru
Kibxata galgala yeroo samiin Iraan misaa'eloota gara Israa'elitti dhukaafameen ifetti, lammileen Iraan battalumatti miira wal makaa akka sabboonummaa, sodaafi waan ta'uuf jiru wallaaluu keessa galan.
Daqiiqaawwan keessatti, meediyaaleen hawaasaa guutummaa biyyattii keessa jiran viidiyoowwan caaccuu rokkettii samiirra marsaniin guutaman.
Haleellaan kun muddama biyyattii kan duraaniyyu rakkoo dinagdee hamaan raafamaa jirtuufi tasgabbii dhabuu siyaasaa, akkasumas wal qoqqooduun rakkachaa jirtu daran hammeesse.
TV'n Iraan garee namootaa daandiiwwan irratti yeroo gammachuu isaanii ibsatan, alaabaa mirmirsaniifi "Duuti Israa'eliif haa ta'u!" jechaa dhaadachaa yoo jiran agarsiise.
Haata'u malee, miidiyaa hawaasaarratti, miirri ture kan biraadha - haleellaa Israa'el irratti raawwtame nama hunda miti kan deeggare.
Namoonni hangi tokko bakkeewwan muddamni hammate fi halellan raawwatamaa jiru kanatti waraana guddaatti seenamuu danda'aa yaaddo jedhurratti mormii isaanii qoodaa turan.
Lammileen Iraan tokko tokko akkas jedhan: "Amma waanti namatti dhaga'amu addadha." Halkan qoqqoodama lammilee Iraan keessa ture ifatti kan mul'isedha.
Tarkaanfii dippilomaasiif Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan guyyoota lamaaf kamisa Kuwaataar dhaqaniiru.
Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, ergaan isaanii US'f karaa Kuwaataar dabarsan yoo tarkaanfiin haaloo bahuu cimaan kan jiraatu ta'e Iraan Israa'eliin jabeessitee rukkutti akeekkachiisa jedhudha.
Pirezidantiin Iraan kun ministira dhimma alaa Sa'ud Rabiyaa dabalatee aanga'oota qarqara galaana Galfii garagaraa waliinis wal arguuf jiru.
Gammachuufi sodaa
Deeggartoota mootummaa baayyeef, haleellaan ture yeroo itti boonaniifi gootummaa biyya isaanii leellisaniidha. Wayita dubartiin tokko "Biraavoo [Hogganaa Waliigalaa Iraan Alii] Komaanii! Biraavoo Eegdota warraaqsaa!" jechuun dhaadattu viidiyoon agarsiisu miidiyaalee hawaasaa irratti akkaan qoodamera.
Isheef, haleellaan Israa'el irratti taasifame kun agarsiiftuu ciminaafi naannicha keessatti Iraan gara aangoo qabachuutti deemaa jirti kan jedhudha.
Haata'u malee, ilaalchi jaalala biyyaa akkasii kun sodaa walirraa hin cinne karaa oonlaayiniin mul'atu hordofsiise.
"Maaloo ummataafi Eegdota Warraaqsaa adda baasaa; nuti amma dhiibbaa balaa as deemaa jiru jala jirra," jechuun namni umuriin isaa giddu-galeessa ta'e tokko kadhachaa miidiyaa hawaasaarratti qoode.
Lamileen Iraan tokko tokko haleellaa biyyattiin gaggeessite kan hin barbaachifneefi callisee tuttuqqaa dubbii itti kaasuun gidiraa isaan keessa jiran daran itti hammeessu akka ta'etti itti dhaga'amaa jira.
Tarkaanfiin haaloo bahuu kun rakkoo guyyuu sababa qoqqobbiiwwan dinagdee, qaala'insa jireenyaafi maallaqa isaanii kufaa jiru isaanirra bubbule nutti hammeessa jedhanii sodaatu.
"Biyya keenya eeggachuu malee filannoo biraa hin qabnu, garuu rakkoo inni hordofsiisus kan baattatus numadha," jedha jiraataan magaalaa guddoo Iraan, Tehiraan yaaddoo qabu yeroo ibsatu.
Haleellaawwan tureen sa'aatiiwwan booda, Israa'el bu'uuraaleen misoomaa zayita boba'aa Iraan irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii haaloo bahuu fudhatti jedhamee odeeffamaa ture. Qabeenyi zayita boba'aa ammoo dinadgee mruteessaa biyyattiidha.
Viidiyoowwan yeroo namoonni buufata boba'aa itti guuttatan deemanii taankarii isaanii dafanii guuttachuuf hiriira qabatan agarsiisu saffisaan gadhiifaman. Kun kan ta'eef ammoo sodaa hanqinni boba'aa mudachuu mala jedhudha.
Dippilomaasiirraa abdii kutachaa deemuu
Haleellaan misaa'elaa kun yeroo furmaanni karaa dippilomaasii fuulduratti deemaa jira jedhamee abdatamaa jiru keessattidha.
Masuud Pezeshkiriyaan pirezidantii haaraa ta'ee filatamuun warra ilaalcha giddu-galeessa ta'e qaban biratti abdii uumee ture.
Namoonni tokko tokko muddama naannicha keessa jiru akka tasgabbaa'u gochuu keessatti akka riqichaa ta'ee gargaaruu danda'a jedhanii ilaalaa turan.
Haata'u malee, haleellaan misaa'elaa Kibxata darbe ture abdii furmaata dippilomaasii ture xiqqeesseera.
"Haleellaan gaggeeffame kun furmaata karaa dippilomaasiirraa tarkaanfii tokko duubatti deebi'ee, amma walitti bu'insaaf tarkaanfii eegaleera," jechuun xiinxalaan tokko BBC tti hime.
"Waraanni kun nu warra bilisummaaf qabsoofnurratti tarkaanfiin dhabamsiisuu akka fudhatamu sababa ta'a jedheen sodaadha," jedha
Mormii Dubartii, Jireenya, Bilisummaa [Woman, Life, Freedom] jedhu haala Iraan keessa ture bu'uurarraa jijjiiru akka fakkeenyaatti kaasuun.
Namoonni hedduun walitti bu'insaa haaraa dhalatu rifoormii yaadame qofa gufachiisa miti, sagalee mormii keessoo akka ukkaamsuuf mootummaa caalaa jabeessa.
Walitti bu'insa kanaan dura ture caalaa, tibba kana Israa'el irraa tarkaanfiin haaloo bahuu hamaan jiraachuu mala jedhamee sodaatama. Namoonni baayyeen waraanni guutuu jalqabnaan ciminni humna waraanaa Israa'el mancaatii daangaa hin qabne fida jedhanii amanu.
"Namni kamiyyu waraana hin barbaadu, ummannis ta'e, aanga'oonni waraana hin barbaadan," jedha namni miidiyaa hawaasaarratti yaada kenne tokko. Miirri saaxilamummaa kun ammoo yeroo kamirrayyu caalaa yaaddessaa taasiseera.
'Jijjiirraa mootummaa' ykn 'ittisa biyyaa'?
Yeroo muddamni dabalaa jiru kanatti, namoonni tokko tokko jijjiirama mootummaa barbaadu.
"Karaan tokkichi ittiin Iraan oolchan waraanaan miti, karaa mootummaa aangoorra jiru kan fonqolchuudhaan," jedhe xiinxalaan tokko.
Biyyoonni Lixaa lammilee Iraan mootummaarratti qabsaa'an akka gargaaraniif waamicha taasisaa.
Haata'u malee, namoonni baayyeen ammoo egereen biyyattii keessumatti murtaa'a jedhanii amanu. Giddu-seentummaa alaarraa bilisa ta'uun ammoo rakkoo qaamoleen alaa uumuu danda'an hambisuuf gargaara.
Haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatte qoqqoodama biyyattii keessa ture daran hammeessa. Gama tokkoon warra jaalala biyyaatiin mootummaa deeggaran, gama kaaniin ammoo warra waraana, kufaatii dinagdee, akkasumas sochii rifoormii biyyaleessaa karaatti hambisa jedhanii sodaataa jiru.