Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Israa’el-Gaazaa Yukireen xiyyeeffannaa dhabsiise- Zelenskii
Waraanni Israa’eliifi Gaazaa jiddutti gaggeeffamaa jiru waraana Yukireenirraa ‘‘xiyyeeffannaa fudhataa’’ jiraachu pirezidantiin biyyattii Volodmiir Zelensikii himan.
Zelenskiin kunis kaayyoo Raashiyaa, kan Guraandhala 2022 humna guutuun Yukireen irratti weerara bante keessaa tokkoodha jedhan.
Janaraallii waraanaa olaanaan biyyattii dhiheenya qorannoo gaggeessan illeen, waraannii Yukireen keessaa fulduratti deemuun dadhabamu garuu pirezidantiichi ni haalan.
Haleellaan qolannaa Yukireen karaa kibbaatiin taasifte hanga ammaatti fooyya’ina xiqqoo taasise.
Kunis warra Lixaa mishoota Kiiyev jidduutti waraaniichi nuffii akka hin umneef yaaddoo umeera.
Magaaloota tokko tokkootti, Yukireeniif meeshaa waraanaafi maallaqa kennuu ittifufuurratti mormiin guddataa jira.
Zelenskiin Kiiyiv keessatti ibsa guyyaa Sambataa irratti wayita dubbataniitti, ‘‘Waraannii Jidduugala Bahaa keessaa xiyyeeffannaa Yukireen irraa akka fudhate ifaadha’’ jedhan.
Itti dabalunis Raashiyaan xiyyeeffannaa kun akka ‘‘dadhabu’’ barbaaddi, garuu ‘‘wanti hundi aangoo keenya keessa jira’’ jedhan.
Akkasumas yaada torban kana ajajjaan waraanaa olaanaan Yukireen, Vaaleerii Zaaluuzhiny, waraanichi ammatti gara ‘‘dhaabbachuu’’ ykn gara sadarkaa socho’uu dhiisuutti ce’aa jira, kunis ammo Mooskoodhaaf ‘‘waraanaa ishee deebiifte akka ijaartuuf waan hayyamuuf’’ ni gargaaraan yaada jedhu kennan irratti kan gaafataman Zelenskiin.
‘‘Hunduu dadhabaa jira waan ta‘ef yaadoota garaagaraatu jira’’ kan jedhan Obbo Zelenskiin, ‘‘garuu kana jechuun adda hin cinnee miti’’ jedhan.
Innis Raashiyaan ‘‘samii to’achuushee’’ amanuudhaan, haala kana jijjiruudhaaf Yukireen xiyyaara waraanaa US hojjattee F-16 fi farri xiyyaara waraanaa hammayyaan akka barbaachisu dubbatan.
Dursaan Yukireen bara darbes waa’ee adda waraana Yukireen irratti dadhabbii jiraachu ilaalchisee bara darbes wanti baayyeen dubbatamaa akka ture kaasan. Garuu biyyisaanii bulchiinsa Kaaba-baha Khaarkiiv fi kibba Kheersan keessatti injifannoo olaanaa argachu yaadatan.
Akkasumas Obbo Zelenskiin gaabaasee miidiyaa Yukireen Raashiyaa waliin amma mari’attuuf dhiibbaan dabalaa jiraachu agarsiisu ni kufisan.
"Har’a warra michoota keenya keessaa eenyumtuu, dureewwan EU, US fi kan kaanii akka Raashiyaa waliin teenyee mari’anuufi waan ta’e kenniifu jecha, kan dhiibbaa nurraan gahaa jiru omtu hin jiru. Kun ta’us hin danda’u’’ jedhan.
Akkasumas Moskoon guyyaa Kamisaa haalli adda waraanaa ammatti ‘‘socha’u dadhabame’’ miti jette.
Dubbii himaan Vilaadmiir Putiin Dimitirii Peeskoov, ‘‘Galmiiwwan waraanichaa kaa’aman hundi milkaa’u qabaatu,’’ jedhan. Itti dabalunis, ‘‘Yukireenis adda waraanaatti bulchiinsa isheetiin waa’ee injifannoo odeessuun waan hin taaneedha’’ jedhan.
Pirezidanti Putiin irra deddebiidhaan lolli qolannaa Yukireen kufeera yoo jedhan, Ministirri Raayyaa Ittiisaa isaa Sargee Shooguu ammo torban kana ammoo,Yukireen meeshaaleen waraanaa haraan michoota Nato irraa dhiyaatuufis waraanaan injifamte jirti jedhanii ture.
Haaluma walfakkaatun Basaasni waraana UK gabaasa isaa dhihootiin gaafa Sambataa, ‘‘Raashiyaan waraanaa Donbaas kan magaala Avdiivkaa kan baha Yukireen irratti taankiiwwan waraanaa gara 200 ta’u dhabdee jirti’’ jedhee ture.
"Akkasumas Raashiyaan erga Onkolooleessa 2023 as naannawa magaalichattinamoota kuma hedduu dhabdee jirti ta’a.
‘‘Hooggansi Raashiyaa daangaa lafa xiqqoo argachuuf jecha badii lubbuu namaa cimaa fudhachuudhaaf fedhii agarsiisuu itti fufeera’’ jedha gabaasni kun yoo ibsu.