Obbolaan afur balaa xiyyaraa irraa oolan guyyaa 40n booda bosona keessatti lubbuun argaman

Daa'imman boosona keessatti argaman

Madda suuraa, Reuters

Kun ajaa'iba! Ijoollee obboolaa afur osoo xiyyaaraan haadhasaanii waliin imalaa jiranuu, erga xiyyaarri bosona keessatti kufee caccabeen booda bakka buuteen isaanii dhabamee ture guyyoota 40n booda lubbuun argaman.

Taateen kunis kan mudate biyya Kolombiyaatti yoo ta'u xiyyaarichis Bosona Amaazoon keessatti kufee akka caccabee fi amma daa'imman lubbuun argamu Pirezidantii biyyattiitu beeksise.

Ijoolleen obboolaa kunis kan umuriinsaanii wagaa 13, waggaa sagal, waggaa aruf fi daa'ima waggaa tokkootu osoo haadha saanii waliin Caamsaa 1, 2023 imalaa jiranu balaan kan mudate.

Haatii ijoolle kanneeniifi namoonni xiiyyaaricha keessa turan (balaliisaafi gargaaraan balaliisaa) balaa xiyyaaraa kanaan du'aniiru.

Pirezidantiin biyyattii, Gustavo Petroon barbaachis ijoolleen kanneenii torabanoota hedduu fudhate kunis amma ''biyyattii guutuudhaaf gammachuu'' ta'eera jedhan.

Pirezidantichi kun ''guyyaa ajaa'ibaatii'' jechuun, ''Daa'imman kunneen qofaasaanii turan. Garuu fakkeenya of jiraachisuu seenaan yaadatamu raawwataniiru,'' jedhan.

''Ijoolleen kunneenis har'a ijoollee nagaa fi ijoollee Koloombiyaa guutuutti'' jechuun gammachu itti dhagahame ibsan.

Akkasumas suuraalee miseensoota waraanaa fi hawaasaa ganamaa bosonicha keessa jiraatan barbaacha daa'imman guyyaa 40f bakka buuteen saanii dhibee kanneenii irratti hirmaatanii hedduus qoodaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabalunsi amma daa'imman wallaansa fayyaa argataa akka jiraniifi akkaayyaa isaaniitti wayita dubbataniitti, ''haatii bosonaa nuuf deebiifte jirti'' jechuunii hima.

Xiyyaarri Cessna 206 jedhamte fi haatiifi ijoolleen kunneen ittiin bulchiinsa Amaazoon kan taatee Araracura irraagara San Jose del Guaviare'tti imalaa turan, balaliinsa jidduutti ture rakkinni mootaraa akka mudattee beeksiisee ture.

Reeffii paayilatii, gargaaraa paayilatiifi haadha ijoollee kanneenis bakkuma balaan xiyyaaraa kun qaqabeetti loltootaan argame ture.

Odeeffannoon jalqabaa Abaa Taayitaa Sivil Aviyeeshiniin irraa argames, daa'imman baqachuun gargaarsa barbaacha bosonicha keessaa jonja'aa jiru ta'an kan jedhu ta'u Rooyitarsi gabaasee ture.

Caamsaa keessa duulli barbaacha cimaa eegalameen, gareen baraartootaa meeshaalee daa'imman kanneeniin gatamaa adeemaman kan akka qabduu bishaanii daa'imman ittii dhugaanii, maqasii, qabduu rifeensaafi dahoo fa'i arguu eegalan.

Looltoota daa'imman argatan

Madda suuraa, Reuters

Mallattooleen argaman kunneenis gareen baraartootaa barbaacha daa'imman kanneenii irratti hirmaatan akka balaa xiyyaaraaa sanarraa lubbuun hafuunsaanii amanuun bosonicha keessa barbaacha cimsan taasise. Bosoon Amaazoon kunis akka mana qeerransaa, bofa fi bineensoota biraa ta'eetti beekama.

Daa'imman kunneenis gosa garee hawaasa ganamaa Huitoto jedhamu irraa waan ta'aniifi miseensoonni hawaasa isaanis tarii beekumsi kuduraalee bosoonaafi ogummaan haala bosona keessa itti jiraatanii qaban akka lubbuun turaniif carraa ni dabalaaf jechuun abdataa turan.

Miseensoonni hawaasaa ganamaas barbaacha ijoollee kanneenii irratti kan hirmaatan yoo ta'u, hilikooppitaroonni ammoo ergaa akkayyaa isaaniitiin Afaan Huitotoon waraabamee bosonicha irra tamsaasaa turan. Ergaan kunsi akka bakka isaan jiran adda baasuun baraaruun danda'amuu bakkuma jirtaniitti dhaababadhaa kan jedhu ture.

Pirezidantiin biyyattii baatii darbe keessa ijoolleen kunneen argamaniiru jechuudhaan tiwitara isaa irratti erga barreesseen booda qeequumsi mudatee ture.

Guyyaa ittaanus odeeffannoo waajjiirri saanii Ejjansii eegumsa daa'immanii Kolombiyaatiin kennameefii ture, garuu kan hin mirkanoofne ture, sana toora isaa irraa ni haqe.