Waanbadee beekamaa duraanii Afrikaa Kibbaa amma Ministiira Ispoortii ta'e

Gaayiton Makeenzii jedhama. Afrikaa Kibbaa keessatti waanbadeefi saamtuu beekamaa ture. Keessumaa baankii saamudhaan beekama ture. Mana sirbaa halkaniis qaba ture.

Boodarra mormituu ta'uun siyaasatti makame. Filannoo barana Afrikaa Kibbaatti gaggeeffameen paartin waggaa soddomaa oliif biyya bulchaa ture sagalee caalmaa waan dhabeef paartilee mormituu waliin mootummaa waloo ijaaruf dirqame.

Paartin Makeenziis mootummaatti makamee gaggeessaa paartii Paatiriyootik Alliyaans ta'e. Pirezidaantin Afrikaa Kibbaa Siiril Ramaafoosan gaggeessaa paartii mormituu kanaaf aangoo ministirummaa kennan.

Dur waanbadeen baankii saamun beekamu amma Ministiira Ispoortii Afrikaa Kibbaa ta'uun muudamee jira.

Makeenzin muudamasaa kanatti gammaduu ibsuun milkaa'inni isaa kun rakkoolee heddu keessa darbee sadarkaa kana gahuuf murannoo inni qabu akka agarsiisu ibse.

Makeenzin osoo umurii ganna 16 hin guutin baankii saamuu eegale. Sana booda waanbadee itti citaa ta'ee beekame. Saamicha garaa garaa irratti hirmaachuusaatin hidhamee waggaa torba erga hidhamee booda amala isaa akka jijjiirratu waadaa seenee bahe.

"Raandii [maallaqa] 12 qofti kiisa koo keessa jiraachuu danda'a ture. Garuu raandii biliyeena heddun sammuu keessaa qaba ture. Kan namoonni hin hubanne sana ture- waan dhaban irratti xiyyeeffatu malee waan dhaban akkamitti argachuu akka danda'an irratti hin xiyyeeffatan," jechuun bara 2013 miidiyaa SABCtti dubbatee ture.

Erga mana hidhaatii bahee jireenyisaa saffisaan jijjiiramuu eegale. Waltajjiiwwan garaa garaa irratti kaffaltii guddaan affeerramee haasaa hamilee namatti horu dubbachuu eegale. Waa'ee jireenya keessa dabarsees kitaaba barreesse.

Zimbaabuweetti omisha albuudarratti biizinasii keessa seene. Afrikaa Kibbaatti mana sirba halkanii beekamaa banate.

Yeroo ammaa maqaa durii sanaan osoo hin taane, caalmatti siyaasan beekama. Paartii Paatiriyootik Aliyaas jedhamu bara 2013 hundeessun sochii eegale.

Filannoo bara kana Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamerrattis sagalee caalmaa argachuu baatus bakkeewwan akka lixa magaala Keep Taawon keessatti irra aanuu danda'eera.

Keessumaa namoonni sanyii makaa irraa dhalatan paartii kana sirritti deeggaru. "Namoonni sanyii garaa garaa irraa dhalatan (coloued people) yeroo jalqabaaf karaa Paatiriyootil Alliyaans parlaamaa seenaa jiru. Sanyii gosa hundumaa paarlaamaa akka seenan kan godhu paartii keenya qofa," jedhe filannoo baranaa booda.

Makeenzin baqattoonni seeran ala Afrikaa Kibbaa seenan akka bahaniif yeroo garaa garaatti waamicha godhaa ture. Kanaanis warra baqattoonni akka achii bahan barbaadan biratti baay'ee jaalatama.

Pirezidaantin Afrikaa Kibbaa Siiril Ramaafoosan paartilee mormituu wajjin mootummaa waloo hundeessuf yeroo marii eegalan, Makeenzin ittaanansaa Ministiira Dhimma Biyya keessaa akka gaggeessu gaafate. Sababnisaa biiron kun dhimma baqattootaa to'ata waan ta'eef.

Carraa kanatti fayyadamuun baqattoonni seeran ala biyyattii seenan akka bahan gocuuf abbalee ta'uu mala.

Ofiisaa ammoo Ministiira Poolisii ta'uu akka barbaadu ibsee ture. Haa ta'u garuu Pirezidaant Ramafoosan Minstiira Ispoortii gochuun isa muudan.

Makeenzin Ministiira Ispoortii ta'uu muudamuusaattis hin mufanne. Inumaayyuu gosa dorgommii ispoortii konkolataa saffisaan ofirra naannessuu Afrikaa Kibbaa keessatti akka beekamu gochuuf kakatee jira.

Makeenzin hanga bara darbeetti kantiibaa magaala Giddu Gala Kaaroo ture. Bara darbe sagantaa irbaataa tokkorratti maallaqa walitti qabame dolara 161,000 galii hin goone jedhamee hamatama.

Inumaayyii ji'a darbe maallaqa hin galchine jedhame akka galchuuf manni murtii ajaja iti baasii miidiyaalen biyya keessaa gabaasanii ture. Inni garuu himanni irratti dhiyaate soba ta'uu hime.