Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ammatti atileetiksiidhaan riikardii haaraa galmeessuun cimaa dhufeeraa laata?
Atileetoota fiigicha dheerina adda addaarratti yeroo garaa garaatti riikardii haaraa galmeessuudhaan maqaansaanii ka’an keessaa atileettoonni Itoophiyaafi Keeniyaa ni eeramu.
Atileetiin Yukireen Yaarooslaavaa Mahuchikaa ji’a Adooleessaa keessa dorgommii utaalcha olka’aa dubartootaatiin rikardii addunyaa haaraa galmeessisuun riikardii waggoota 37f qabamee turecabsite.
Isheenis amma kanneen Olompikii Paaris irratti jaallatamoofi eegaman keessaa tokko taateetti.
Xinxaltoonni ispoortii akka jedhanitti, qabxiin isheen galmeessite kunis seenaa atileetiksii keessatti milkaa'insa addaati. Rikardiiwwan addunyaa atileetiksii irra caalaan bara 1980moota keessa cabe.
Seenaa Maahuuchiikaan raawwatte
Atileetiin umuriin wagga 22 Maahuchiikaan utaalcha olka’aa meetira 2.10tiin riikardii addunyaa haaraa qabatte.
Riikardiin kanaan dura galmaa’e ture olka‘iinsa meetira 2.09 yoo ta’u, kunis kan galmaa’e bara 1987tti Room keessatti dorgommii taasifameen lammii Buulgaariyaa kan taatee Sitiifaa Koostaadiinovaatiin ture.
Koostaadiinovaan riikardii addunyaa haaraa kanaan ‘‘seena qabeessa’’ jechuun ibsiteetti. Kanas kan jette sababii riikardii waggoota 37’f qabamee ture fooyyeessiteef qofaa osoo hin taane, olka’iinsa meetira 2.10 utaaluun ‘‘ilmaan namootaaf waan gochuu danda’aniif daangaan akka hin jirre kan agrsiisee fi kan ilaalcha riikardiiwwan tokko tokko yoomiyyuu hin caban jedhu sirreesse,’’ waan ta’eefiidha.
Lammiin Yukireen Maahuchiikaan maatiishee waliin biyyashee dhiife kan baqattee erga Raashiyaan Yukireen weerarteen tobaniin booda bara 2022tti ture.
Isaanis Dniproo irraa ka’un hanga Beelgireed-Sarbiyaa gahuudhaaf fageenya km 2,000 guyyoota sadiif imalan. Isheenis osoo Sarbiyaa jirtuu utaalcha dheerina meetira 2.02n Shaampiyoonaa addunyaa mana keessaatiin warqee argatte.
Ammaan tanas Maahuchiikaan Porchuugaale keessa jiraatti. Isheenis gammachuudhaan guutametee: ‘‘Dhumarratti Yukireeniin galmee atileetiksii addunyaa irratti galmeesseera,’’ jechuun gaazexessitootatti himte.
Atileetiin tunis Olompikii amma Paariisitti gaggeeffamaan jirurratti warqee argachuuf abdataa jirti.
Riikardiiwwan atileetiksii duraan galmaa’an
Yuseen Boolti fageenya gabaabaadhaan nama saffiisaa addunyaa kanaati. Alileetiin lammii Jamaayiikaa kunis fageenya meetira 100 sakandii 9.6 gadiin fiiguun nama jalqabaati.
Bara 2008tti Shaampiyoonaa Addunyaa Barliin gubbaatti sakandii 9.58 galmeesse.
Ammaan tanatti fageenya meetira 1,500 fi maayilsii tokkoon riikardii addunyaa kan qabatte atileetii Keeniyaa Feez Kiipiyeegoon. Riikardiiwwan kanneenis bara 2024 fi 2023tti qabatte.
Lammiin Veenziiwiilaa, Yuuliimaar Roojaas utaalchoo dubartootaa meetira 15.74 (women's triple jump)n riikardii addnyaa qabatteetti.
Riikardiiwwan addunyaa hanga ammaatti cabu hin danda’amne kan galmaa’an wallakkeessa bara 1980motaatti kan galma’aniidha.
Gaazexessaan duraaniifi itti gaafatamaan humna waraana Yukireen ammaa Yuurii Onushicheenkoon ‘‘qorichoonni dhorkaman’’ kana duba jiraachu dubbatu.
‘‘Atileetoonni baayyeen qorichoota onnachiisan fudhatu. Jijjiramnoon, sirnni soorataafi shaakalli ispoortii keessatti waggoota 35 fi 40 darban keessa taasifaman, atileetoonni ammayyaa qabxii akka durii akka fidaniif hin dandeessifne’’ jedhu.
Yunivarsitii Sufolkiitti barsiisaa Ispoortiifi Saayinsii Socii Qaamaa, Joon Biriiwar, ‘‘Yeroos riikardiiwwan wayita galmeeffamaniitti qorichoonni onnachisoon seeraan hayyamaman qabxileef deeggarsa taasisan jechuun ni danda’ama. Amma qorichoonni kunneen seeraan dhorkamoodha’’ jedhu.
Adeemsi fayyadaman qorichoota onnachiisoo qorachuuf faayidaarra oolfamanis fooyya’aa fi barnoonni waa’ee qorichoota onnachiisoo irratti kennamanis jijjiramu dubbatu.
‘‘Biyyoota hundatu dhaabbanni farra qoricha onnachiisoo biyyaaleessaa dhaabbata farra qoricha onnachisoo jalatti bulan qabu,’’ jechan itti dabaluun.
Onkololeessa 6, 1985tti atileetiin Baha Jarmanii, Maariitaa Kooch fageenya meetira 400 sakandii 47.6 fiiguudhaan riikardii addunyaa qabatte.
Riikardiin kunis Awustiraaliyaa, Kaanbeeraa irratti ture kan qabame. Hanga ammaattis namni fooyyeesse waan hin argamneef ijoo dubbii ta’eera.
Yeroo sanatti Baha Jarman keessatti atileetootaaf qoricha onnachiisoo kennuun beekamtu ture. Haata’u malee atileetiin tunis qorannoo qoricha onnachiisaatiin kuftee hin beektuu. Balleessaa omaatu akka hin raawwatiin dubbatte.
Akkasumas lammiin Ameerikaa Ispiriintar Filppransi Giriifiit Jooyinar fageenya gabaabaa dubartoota Addunyaatiin riikardii kan qabattee bara 1988tti ture.
Riikardii kan qabatte fageenya meetira 100 fi 200n yoo ta’u, Olompikii bonaa bara 1988tti meetira 100 sakandii 10:54tti galte. Dorgomtuun ishee ammo sakandii 0:30n dursite xumurte.
Fiigicha meetira 200tiin ammo riikardii addunyaa kan qabame sakandii 21:56 yoo ta’u, riikardii kana sakandii 0:22n fooyyeessuun 21:34 riikardii haaraa qabatte.
Riikardiiwwan lamaan kunneen hanga ammaattu hin cabsamne.
Qoricha onnachiisaa fudhatteetti jedhamte himannaan irratti dhiyaatus garuu qorannoodhaan hin argamne. Bara 1088tti dorgommiirratti yeroo 11f qoratamtulleen, qoricha onnachiisaa fudhachuuse wanti agarsiisuu garu irratti hin argamne.
Riikardiin utaalchoo fageenya reedhaa dubartootaa kan qabame, Gaaliinaa Chiistaayaakovaatiin. Isheenis dorgommicha Gamtaa Sooviyeeti duraanii jalatti Waxabajjii 11 bara 1988tti yoo dorgomteetti meetira ol fageenya 7.52 utaalte.
Seenaa atileetikii keessatti riikardii baroota dheeraaf ture kan Jarmiilaa Kiraataachooviilovaa ture. Dorgommii fiigicha meetira 800 bara 1983tti gaggeeffameen 1:53:28n riikardii qabatte.
Daangaa dandeettii ilmaan namaa
Barsiisaan Ispoortiifi Sochii Qaamaa, Joon Biriiwar akka jedhaniitti, riikardii atileetiksii addunyaa cabsuun cimaa ta’aa dhufeera.
‘‘Dandeettiin waggoota darban keessa cimaa dhufera. Ilmaan namaas daangaa deemuu danda’an qofaadha kan imalu danda’an’’ jedhu.
Oggeessi kun akka jedhaniitti, fooyya’insi dandeettii adeemsa keessa mul’ate akkasumas fooyya’insi yeroo fi dandeetiiti.
‘‘Kunis suuta suutaan daangaa dandeettii ilmaan namaa deemu danda’an bira gahamuun hin hafu’’ jedhu.
Leenjii, saayinsii ispoortii fi guddina teeknolojiitiin deegaramuudhaan, ‘‘damee hundaanu jijjirama barbaacha keenya itti fufna’’ jedhu.
Itti dabalunis, ‘‘Sadrkaan fooyya’insas suuta suutaan harkiifachunsaa hin olu. Ispoortiiwwan tokko tokkorrattis argaa kan jiru isumadha’’ jedhu.
Dirreen fiigichaa fooyya’uu fi kopheen fiigichaa kaarboon faayibar hammayya’oon oomishamunsaanii, kanneen guddina teknoloojii nu agarsiisan keessaayi.
Kopheen fiigichaa kaarboon faayibar ateeletootaaf humna kenuudhaan akka hin dadhabneef gargaara.
‘‘Atileetoonni humnsaanii qusachuudhaan haala fooyya’een akka fiiganiif gargaara. Kanaafu dheerina fagoo saffisaan kaachuu danda’u jechuudha’’ jechuun ibsuu oggeessi kun.
Oggeettiin xin-sammuu Ispoortiifi hundeessituun ‘Latitude Performance’ Soofii Biruus gamasheetiin, dandeettii alteelotaa teeknolojiitti fayyadamuun madaaluun danda’amulleen, ‘‘dandeettiiwwan tokko tokko safaruun ni ulfaata. Fakkeenyaaf, abdii, kutannoo, kaka’umsaafi gahumsa sammu safaruun rakkiisaadha’’ jetti.
‘‘Haaloonni kunis walitti eda’amun dandeetti akka guddisaniifi milkaa’insaaf sa’aatii sirrii, haala sirrii waliin nama sirriin walitti dhufuu akka qaban yoo yaadnu riikardii cabsuun hangam cimaa akka ta’e ni hubanna’’ jechuun ibsiti.
Siifiin akka ibsiituutti, riikardiiwwan kan jiraatan ‘‘cabsamuu qofaaf’’ miti.
‘‘Riikardiiwwan mallattoo jijjiramaa fi guddinaati. Seenaa keessatti kan hin danda’amne kann ittiin danda’amee fi taateewwan ijoo atileetoonni ispoortii keessatti gochaa olaanaa itti raawwatan kan bakka bu’aniidha’’ jetti Soofiin.