Rashiyaan namoota waraana Yuukireen mormuun hiriira ba’an to’annoo jala oolchiteetti

Mootummaan Raashiyaa loltoota dabalataa kumaatamaan lakka’amaan waraana Yukireen irratti akka hirmaataniif waamuuf murteessuu isaa mormuun namoota hiriira ba’an keessa poolisiin mormitoota dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala oolchuun isaa gabaafameera.

Gartuun mirga namoomaa Raashiyaa OVD-Info lakkoofsa kanneen to’annoo jala oolfamanii gara 1,300 ol akka ta’e hima. Namootni hedduun kan to’ataman magaalaa St Piitarsubarg fi Moskoo keessaadha.

Gariin ammoo Irkuutsikii fi magaalota Siberiyaan biroo fi Yekateriinburgi keessatti to’atamani.

Vilaadmiir Puutin erga beeksisa baase booda balaliiwwan Raashiyaatii ba’an hundi bitamanii dhumaniiru.

Pirezdaantiin Raashiyaa gariin sochiin bobbaasuu akka gaggeefamuuf ajajaniiru, kana jechuun humna eeggataa keessaa loltootni 300,000 ta’an humna Raashiyaa dhiyeessa Yuukireeniin dirree lolaatti duubatti deebifaman jajjabeessuuf ni bobbaafamu jechuudha.

Waajjirri abbaa alangaa Moskoo Roobiii irratti, namootni intarneeta irratti hiiriira mormii eeyyama hin qabne gaggeessuuf waamicha dhiyeessan, ykn kan hiriiricha irratti hirmaatan, hidhaa hanga wagga 15’n adabamuu akka danda’an akeekkachiisaniiru.

Namootni kun yakka maqaa humna waraanaa balleessuun, wa’ee sochii waraanaa Raashiyaa Yukireen keessa jiru irratti “ oduu sobaa” tamsaasuu ykn ijoolleen akka hiriira mormii irratti hirmaataniif jajjabeessu jedhaniin himatamuu danda’u.

Waa’ee waraanaa Yukireen irratti “ oduu sobaa” tamsaasuu jechuun addabbii cimaa Raashiyaan qabduu fi rogeessota Puutin irratti qoccollaa poolisiin geessisu irraa kan ka’e, hiriirri mormii waraanaa amma danuu hin mul’atani 

Gartuun mormituu farra-waraanaa ta‘e Vesna hiriirri bal’aan akka gaggeefamuuf wamicha kan dhiyesse yoo ta’e, Raashiyaa guutuutti namootni hedduun to’annoo jala oolfamuu isaani Tekegram irratti gabaaseera.

Gartuu mirga namoomaa Raashiyaa, Agora jedhamu irraa oggeessi seeraa Paveel Chikoov akka jedhutti, Agoraan Kibxata ganama irraa kaasee, lammilee Raashiyaa waa’ee mirga loltootaa irratti odeeffannoo barbaadaniin, gara bilbilli 6,000 bilbilameera.

Murteen humna waraanaa bobbaasuu mootummaa Raashiyaa kan dhufe erga Yuukireeniin injifatamuun, humnootni Yukireen lixa Karkiiv keessatti bakka guddaa deebisanii qabatanii boodadha.

Deeggartoota Puutin kan ta’an bulchitoonni nannoolee, murtee kana deeggaruun amma bobbaafamuu kana qindeessuuf jiru.

“Nuti hin dadhabsiifamni, adda hin baafamnu ykn hin badnus,“ jedha bulchaan Ulyanoviskii, Aleksii Ruushuuk.

“Naannoon keenya, akkuma nannoolee biro biyya keenya keessa jiraanii, lammilee nagaa tajaajila waraanaaf bobbaasuuf itti gaafatamummaa qaba,” jedha.

Dargaggoonni Raashiyaa BBC’n dubbisee garuu waamicha kana akka sodaatan ibsaniiru.

St Piitarsibargi irraa Matviin, “ kun yoomiyyuu hin uumamu jedheen abdachaa ture” jedha. “ Amma garuu puutin duubatti akka hin deebinee fi waraanaa isaa bu’aa hin qabne kana hanga lammii Raashiyaa isa dhumaatti akka fufu ifadha,” jedha.

Lammiin Raashiyaan UK keessa jiraatii Evgiinii, umurii ganna 31 akka BBC’tti himetti: “ Namni hundi guutummaa guutuutti sodaateera, namni hundi wa’ee bobbaafama kana irratti oddeeffannoo adda addaa ergaa jira. Kamtu dhugaadga kamtu sobadha kan jedhu adda baasuun baayyee cima. Namni mootummaa amanu hin jiru.”