Dargaggoon tokko tiraanisfoormarii elektiriikiirra bahee bu'uu didnaan ibsaan sa'aatiif adda cite

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Maashaatti dargaggoon umriinsaa waggaa 22 akka ta'u himame tiraanisfoormarii elektiriikiirra koree bu'uu didnaan tajaajilli elektiriikii sa'aatiiwwaniif adda akka citu taasifame.
Taateen kun Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa Godina Shakkaa magaalaa Maashaa keessatti kaleessa ALI Sadaasa 17, 2018 uumame.
Guyyichatti tilmaamaan naannoo sa'aa 7:00 yemmuu ta'u dargaggoon tokko tiraanisfoormarii humna ibsaa magaalichaarra bahuun achirraa bu'uu dida.
Hawaasni naannoofi maanguddoonni walitti qabamuun lubbuu dargaggeessa kanaa oolchuuf meeshaa anniisaa elektiriikii olaanaa daddabarsurraa akka bu'u kadhachuufi sossobuu eegalan.
Haa ta'u malee dargaggoon kun kadhaas ta'e sossobbii maanguddootafi hawaasa naannoof gurra hin laanne.
Ajajaa Poolisii Magaalaa Maashaa kan ta'an Gargaaraa Inispeektaraa Biruk Taaddasaa, "maanguddoonnifi jiraattonni naannoo mucichi akka bu'uuf gaafachaa turan, garuu inni heeyyamamaa hintaane. Isa boodadha humna isaaniitii ol yemmuu ta'u poolisiif bilbilame" jedhan.
Poolisiinis eeruun kun erga isa dhaqqabee booda miseensotasaa gara iddichaatti kan erge yemmuu ta'u, dargaggeessichi garuu kadhaafi sossobbii poolisootaafis in sarmine.
"Erga poolisoonni dhaqqabaniis 'hin bu'u' jechaa ture" kan jedhan Gargaaraa Inispeektaraa Biruk Taaddasaa, tajaajilli anniisaa elektirikiis naannichatti adda akka citu taasifamuu himan.
Dabaluunis "balaan elektiriikii nuyi fi mucicharras akka hin qaqqabneef ofeeggannoon, sossobuun hojjetamaa ture" kan jedhan ajajaan poolisii kun, dargaggeessichi boodarra miseensota poolisiin akka bu'u taasifamuu dubbatan.
Haata'u malee, tajaajilli elekiriikii jalqaba naannoo taatichi itti uumametti akka adda citu taasifame boodammoo guutummaa magaalatiitti akka adda citu taasifamuus himan.
"Yaaddoo 'ibsaan dursee yoo gadhiifame naannichatti balaan qaqabuu danda'a' jedhuun warri humna ibsaa elektiriikii dafanii hingadhiisne" jedhan Gargaaraa Inispeektaraa Biruk.
Dabaluunis "Jalqaba guyyaa keessa iddoo muraasatti adda cite. Galgala keessammoo guutuu magaalaatti adda cite. Isa booda galgala naannoo sa'aattii 2:00'tti gadhiifame" jedhan.

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
Seeraafi fayyaa
Sababa dargaggoon kun gochaa kana itti raawwateekan gaafanne ajajaan poolisii magaalaa Maashaa, dargaggeessichi rakkoo dhukkuba sammuu akka qabufi gochichas abdii kutachuurraa akka raawwate himan.
"'Abdii kutadheera, kana booda lubbukoo balleessuun qaba' kan jedhu dubbateera kan jedhutu jira" jedhan.
Miseensonni poolisii dargaggoo kana erga tasgabbeessanii booda gara waajjira poolisii geessuun qorannoon taasifamaa akka jirus dubbatan.
"Mucicha qabnee waajjira poolisiitti galchuun yeroo ammaa adeemsi qorannoo eegalameera. Kana booda adeemsa seeraa hordofee murtee kan argatu ta'a" jedhan.
Dabaluunis "Gama fayyaatiinis namummaaf dursa kennuun barbaachisaa waan ta'eef yaala fayyaa akka argatuuf gara dhaabbata fayyaatti erguuf kutaa dhimmichi ilaallatu waliin dubbachaa jirra" jedhaniiru.












