Dhaamsi falmisiisaa Ministira Haajaa Alaa US 'guyyaa walabummaa' Itoophiyaa jechuun maxxansan haqame

Madda suuraa, Reuters
Dhaamsi Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoo Itoophiyaaf ''baga waggaa 34ffaa birmadummaasheef geessan'' jedhu dhaamanii ture haqame.
Ibsi Maarkoo Ruubiyoo kun jala bultii Caamsaa 20 irratti guyyaa kaleessaa marsariitii Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa irratti maxxanfame ture.
Ibis ministirichaa ALI Caamsaa 19, 2017 "Guyyaa Biyyaalessaa Itoophiyaa" yaada jedhu qaba.
Ministirri Dhimma Alaa ibsi kennaniin, "Maqaa Ameerikaatiin waggaa 34ffaa walabummaa keessaniif baga nagaan geessan" jedha.
Ibis kun Roobii Caamsaa 20, gara waareetti marsariitii Ministeerichaarraa haqameera.
Ibsicha keessatti Ameerikaa fi Itoophiyaan hariiroo dippilomaasii jaarraa tokkoo akka qaban yaadachiiseera. Akkasumas biyyi isaanii "dantaa waloo" Waashingitan fi Finfinnee gidduu jiru irratti hojjechuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

"Guddina dinagdeef daldalaa fi invastimantii guddisuu" akkasumas "mariidhaan nagaa dagaagsuun" dhimmoota biyyoota lamaan gidduutti akka dhimma walootti eeramaniidha.
Ruubiyoon ibsa isaanii keessatti irra debeiin baga guyyaa biyyaalessaan isin gahe jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.
Ibsi Ministira Dhimma Alaa kun Caamsaa 20 "Guyyaa Bilisummaa" jechuun waamuun isaa waan hin baratamnedha. BBC'n dhimma kana irratti ibsa dabalataa argachuf Imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamu dubbisuuf yaalii godhu ammatti deebii hin arganne.
Ministirri Dhimma Alaa Ruubiyoo Eertiraan torbee darbe, Dilbata, uyyaa isheen guyyaa walabummaashee wayita kabajju ibsa hawwii gaarii wal fakkaataa baasan.
Ergaa Eertiraaf dhaam keessatti: "Waggaa 34ffaa walabummaa Eertiraa irratti lammiilee Eertiraa addunyaa mara jiraniif maqaa Yunaayitid Isteetis oof Ameerikaatiin baga geessaniin jedha" jedhan.
Caamsaan 20 bara mootummaa EPRDF haala ho'aan kabajama ture. Guyyaan kun guyyaa mootummaan Dargii kuffifame wan ta'eef guyyaa injifannoo jedhamee kabajamaa ture. Guyyaa sadarkaa mootummaatti kabajamaa ture kanaaf hojii fi barnoonnis ni cufama ture.
Dhufaatii Ministira Muummee ABiy booda waggoota muraasaaf kabajamuu itti fufee kan tre ta'us hedduu qabbanaa'aa ture.
Bara kana ammoo hojii fi barnootni cufaaa hin turre. Dhaabbileen akka Biiroo Barnootaa Finfinnee barootniifi hojiin cufaa akka hin taane beeksisa baasaniiru.
Guyyaa ayyaanota labsuuf seera bara darbe haarome keessa Caamsaan 20 hin jiru.












