Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti gaa'ila ijaaruuf leenjiifi waraqaan ragaa dhuguma dirqama ta'uufii?
Tibba kana Itoophiyaatti mootummaan leenjii gaa'ila duraa kennuun waraqaa ragaa qabaachuu gaa'ila ijaaruuf dirqima gochuufi yaadni jedhu miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamaa ture.
Miidiyaalee biyya keessaa akka Shagar FM 102.1 Ministeera Dubartootaa fi Dhimmoota Hawaasummaa waabeffachuun mootummaan hojimaata haaraa diriirsuuf ta'uu gabaasuu hordofee oduun kun bal'innaan qoodamaa ture.
Gabaasni Shagar FM 102.1 Jimaata baasee tureen hojimaatni haaraan bara dhufu ni eegalama jedhe leenjii gaa'ila duraa kennuun waraqaa ragaa argachuun dirqama akka ta'u ibsa.
Gabaasa kana hordofees qajeelfamni kun hojiirra ooluu yoo eegalu namni waraqaa ragaa hin qabne gaa'ilatti hin seenu oduun jedhu bal'inaan qoodamaa ture.
Ministeerri Dubartootaafi Dhimmoota Hawaasummaa Itoophiyaa garuu ibsa Sambata fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa maxxanseen dhimmi leenjii fi waraqaa ragaa dirqisiisaa gochuu dhugaa miti jedheera.
'''Lakkoofsa gaa'ila diigamuu dabalaa dhufe xiqqeessuuf leenjii gaa'ila duraafi waraqaa ragaa osoo hin qabaatiin namni gaa'ilaatti akka hin galle hojimaatni dhorku eegaluufi' gabaasni jedhu dogoggora ta'uu beeksifna'' jedha Ministeerichi.
Ammoo nammootni gaa'ilatti seenuuf karoora qaban waayee boqonnaa haaraa itti adeemaa jiranii beekumsa gahaa akka qabaatanii maatii jabaa akka ijaaran leenjii kennuun barbaachisaa ta'uu akka amanu garuu himeera.
Leenjii gaa'ila duraa kennuun muuxannoo biyyoota kaanii ta'uu kan eere ibsi ministeerichaa Itoophiyaa keessattis dhaabbileen amantaa irratti hojjechaa jiraachuu ibseera.
Haataa'u malee bara '''dhufturraa eegalee dhimma kana(leenjiifi waraqaa ragaa) dirqisiisaa gochuuf hojimaatni diriiraa jira' kan jedhu gonkumaa dogoggora waan ta'eef sirreeffamuu qaba''' jedhera.
Ministeerichi haalli itti leenjiin kennamuu danda'urratti qaamota dhimmichi ilaallatu waliin yaalii eegaluufi kanas akka itti fufu mirkaneesseera.
Leenjii gaa'ila duraa kennuun cinaattis gaa'illi akka hin diigamne maatinis gargar akka hin baane tajaajila gorsa maatii babal'isuufi cimsuuf xiyyeeffannoon hojeechaa jiraachuu ibseera.
Dhaabbileen dhimma maatiirratti hojjetan fooramii waloo ijaaruun kaayyoosaanii milkeessuuf hojiitti galaniirus jedha Ministeerichi.
Ministeerichi gaa'ila diigamu xiqqeessuufi maatii jabeessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf waamicha dhiyeesseera.