Qondaalonni US finciltoota Sooriyaa injifatan waliin 'kallattiin dubbachaa' jiru

Ameerikaan ficiltoota Hayat Tahrir al-Sham, kan dhaaba shororkessaatti ramadde waliin kallattiin haasa'uun si'a jalqabaaf ibsame.

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken

Finciltota Hayat Tahrir al-Sham, kanneen bulchiinsa Asaad kuffisuun Sooriyaa to'atan waliin ' kallattiin'' haasa'uu Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken himan.

Ameerikaan ficiltoota Hayat Tahrir al-Sham, kan dhaaba shororkessaatti ramadde turte waliin kallattiin haasa'uun si'a jalqabaaf ibsame.

Blinken Joordaanitti kana kan dubbatan bakka buutota biyyoota Arabaa hedduu, Turkii fi Awurooppaa wajjin egeree Sooriyaarratti mari'achuu hordofeeti.

Qondaaltonni biyyoota kanaa Sooriyaan gara nagaatti akka ceetu deeggaruuf waliigalaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Joordaan gamasaanitiin, biyyonnii Baha Giddugaleessaa Sooriyaatti jeequmsi akka ittifufu hin fedhan jedhan.

Ibsi waloon baasan ammoo Sooriyaatti mootummaan hunda hammate, kan mirga hawaasa lakkoofsaan muraasaa kabajuu fi ''gareewwan shororkeessitootaaf'' buufata hin taane akka ijaaramu gaafate.

Asaad aangoorraa fonqolfamuu hordofee mariin biyya Sooriyaa keessaa fi alatti taa'amaa jiru bulchiinsa haaraa lammilee Sooriyaa hunda hammate hundeessu keessatti qooda olaanaa qaba jedhamee abdatama.

Walgahii Joordaanitti taa'a,erratti Ministirri Dhimma Alaa Iraaq Fuhaad Huseen egeree Sooriyaarratti yaaddoo qaban ibsan.

Biyyoonni naannichaa biyyattiin akka Liibiyaa akka taatu arguu hin barbaada jedhan, qondaalli kun jeequmsa Gadaafii aangoorraa fonqolfamuu hordofee dhalate akka fakkeeenyaatti kaasuun.

Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan, dhaabbileen Sooriyaa amma jiran eegamuu fi haaromfamuu qabu jedhan.

"Shororkeessitoonni ce'umsaa kanatti akka fayyadaman hin eeyyaminaa, tattaaffii keenya qindeessuun dogoggora darberraa barachuu qabna," jechuun Fidaan dubbachuu Rooyitars gabaaseera.

Kun haala kanaan otoo jiruu, Israa'el haleellaa xiyyaaraan Sooriyaatti raawwattu cimisteetti jedhu qaamoleen dhimma waraanaa hordofan. Biyyoonni naannichaa garuu haleellaa kana balaaleffataniiru.

Israa'el dandeetti tarsiimoowaa Sooriyaa biyyattiif yaaddoo ta'u laaffisuuf ta'uu ibsiteetti .

Gareen finciltootaa Sooriyaa keessaa humna guddaa qabu Hayat Tahrir al-Sham mootummaa hunda Sooriyaa qaama hammate hundeessuu akka barbaadu ibse.

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Ahmid al-Shaaraa, hogganaa finciltota Hayat Tahrir al-Sham

Gareen finciltootaa Sooriyaa keessaa humna guddaa qabu Hayat Tahrir al-Sham mootummaa hunda Sooriyaa qaama hammate hundeessuu akka barbaadu ibseera.

Garuu gareen kun waraanaa keessatti amala agarsiisaa turerraa kan ka'e

waadaa akkasii raawwachuu fi dhiisuu isaa shakkii uumera.

Blinken akka jedhetti, Waashingitan garee Hayat Tahrir al-Sham waliin kallattiin haasoftetti- keessumaa gaazexeessaa Ameerikaa yeroo dheeraaf dhabame, Awustiin Taayis maalirra akka jiru gaafataniiru.

Marii Joordaanitti taa'ame kanarratti garuu bakka Sooriyaa bakka bu'ee namni hirmaate hin turre.

Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Arabaa saddeet maricharratti hirmaatan, Sooriyaa tokkummaa qabduu fi gareen wal hin qoodne akka feena jedhan.

Kana qofa miti, biyyoonni lamaan Asaad aangoorra akka turu maallaqaa yeroo dheeraaf deeggaraa turan - Iraanii fi Raashiyaa marichaarratti hin argamne.