Fooliin afaanii badaa rakkoo namoota baayyee maalirraa madda?

Dubartii foolii afaaniishee fuunfataa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Durbartii foolii afaan ishee sakattaatu

Sheekkoo Giriikii durii keessatti bineensi mataa hedduu qabu haayidiraa jedhamu sababa afaansaa hajaa’uuf namni foolii afaan isaa urgeeffate akka du’utu himama.

Oduun durii Giriikii kun garmalee kan arbeeffame fakkaatus, yeroo hirribaa dammaqnu, foolii afaanii badaa uumamuun jeeqamuu dandeenya.

Qulqullina afaanii gaarii dhabuun sababoota foolii afaanii ajaa’uuf ta’uu mala, kana malees sababoonni biroo jiru jedhu ogeeyyiin.

Fooliin afaanii badaan dhibee garaachaa fi sirna marsaa dhiigaa, akkasumas rakkoo saayinisii akeekuu danda’a.

Biyyoota yaala fayyaa fooyyee qabanitti sababni rakkoo kanaa saamuda afuuraa fudhachuudhaan adda baafama.

Foolii afaaanii badaa kan fiduu danda'u tokko dhukkuba sukkaaraati.

Yoo insuliinii gahaan qaama keessa hin jiraanne ykn dhibeen qabamnu, qaamni anniisaa argachuuf jecha cooma gara keetooniitti jijjiira.

Keetooniin kun foolii cimaa qabu. Keetoonoonni dhiiga keessatti yeroo kuufaman foolii afaanii badaa uuma.

Kanatu foolii afaanii badan akka jiraatu taasisa.

Dhukkuba sukkaaraa qofaa miti, qaama keessatti oomishni keetoonii akka dabalu kan taasisu.

Dubatii foolii badaa jaalalleesheen rakkachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni kaan ulfaatina qaamaa hir'isuuf gochi raawwatan hamma keetoonii qaama isaanii keessa jiru dabala.

Namoonni sa'aatii dheeraaf nyaata malee yeroo turan qaamni isaanii keetoonota oomishuun cooma kuufame gara anniisaatti jijjiira.

Namoonni hamma kaalorii sooratanii yeroo daangessan, guyyaatti yeroo lama qofa nyaachuu isaanitiin qaamnisaanii keetoonii oomishuuf dirqama.

Soomni akkasii namoonni ulfaatina qaamaa akka hir’isan kan taasisu ta’us, soomni miidhaa cinaa fiduun isaa hin oolu.

Miidhaawwan kanneen keessaa tokko foolii afaanii badaa ta’edha.

Baakteeriyaa fi fooliin afaanii badaan hariiroo akkamii qabu?

Sababni foolii afaanii badaa fidu kan biraan baakteeriyaan fayyaa namaa miidhan garmalee baay'achuudha.

Afaan keenya keessaa iddoon qulqulleessuuf nama rakkisuufi baakteeriyaan itti guddatee jiraachuu danda’u jiru.

Keessattuu afaan keenya gara duubaa fi naannoon qoonqootu bakka mijataadha.

Qoonqoon karaa nyaanni, dhangala’oo fi qilleensi keessa darbu.

Namoonni kaan qoonqoo keessatu dhiita’a.

Kanarraa kan ka’e nyaannii fi bishaan naannoo qoonqootti kuufamuun foolii badaa uuma.

Dhukkbni Tonsilii fi dhukkubbii ilkaanii foolii badaa fiduu danda'a.

Qorannoo foolii afaanii

Hakiimonni saamuda foolii afaanii fudhachuun madda rakkoo kanaa adda baasuun furmaata laachuu danda'u.

Fakkeenyaaf, baakteeriyaan Helikoobaakteriya paayloori jedhamu dhukkuba garaachaa fida.

Doktooronni dhukkubsataaf yuuriyaa kennuu isaanii duras ta’e booda saamuda afuura fudhachuun qoratu.

Qorannoodhaan Kkaarboon Daayi’oksaayidiin afaan baay’een jiraachuu adda baasuun, Helikoobaaktiryaan qabamuu akeeka.

Baakteeriyaan garaa nama bokoksaniifi garaa ciniinnaa fidan foolii afaanii badaa fiduu danda’a.

Hakiimonni baakteeriyaan garaa nama bokoksu jiraachuu yoo adda baasan, sababa foolii badaa fide hubachuu danda’u. Yeroo tokko tokko namoonni foolii afaan isaanii waan ta'e hin beekan.

Fooliin afaanii isaanii yoo isaan yaaddeesse garuu qorannoo addaa baafachuu ni danda’u.

Arraban barruu harkaa ofii arrabaan tuquun, barruu harka fuunfachuun adda baasuu dandeenya.

Fooliin afaanii badaaf maaltu fala?

Tarkaanfiiwwan lama foolii afaanii badaadhaaf furmaata ta’uu danda’u.

Inni jalqabaa, afaan akka nun gogne jiidhinsa afaan keenya to'achuudha.

Gogni afaanii sababoota foolii badaa namatti fidan keessaa isa tokkodha.

Kanaaf, falli jiru bishaaniifi dhangala’oo biroo dhuguun afaan jiifachuudha.

Inni lammaffaan qulqullina afaanii eeguudha.

Kana jechuun, ilkaan qofa rigaan qulqulleeffachuu jechuu miti.

Qulqullina afaanii eeguun arrabas qulqulleessuu, baakteeriyaan akka hin horre ilkaan gidduu qulqulleessuufi ogeessa ilkaanii bira dhaqnii qoratamuu dabalata.

Tamboo xuuxuunis afuura badaadhaaf sababa waan ta’eef, tamboo xuuxuu dhiisuu fala biraati.