Israa'el erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu as Gaazaatti gamoowwan 1,500 ol mancaaste

Taankii Israa'el gamoo jijjige fuuldura dhaabatee

Israa'elifi Hamaas Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf erga waliigalanii as Israa'el gamoowwan1,500 ol mancaaste.

Suurawwan saatalaayitii irraa hubachuun akka danda'amutti, erga Onkoloolessa 10 as Israa'el Gaazaa bakkeewwan to'annaashee jala jiranitti gamoowwan heddu diigdetti.

Suurawwan saatalaayitii BBCn argate muraasa waan ta'aniif lakkoofsi gamoowwan manca'anii kanaan ol akka ta'utu amanama.

Akkaataa waliigaltee jaarsummaa biyyoota akka US, Turkii, Kaatariifi Masiriitti, Israa'el gamoowwan Gaazaa diiguun waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka cabsuutti ilaalama jedhanii kan falman jiru.

Akkaataa yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa Tiraamp dhiyeessee tureetti, sochiin oppireeshinii waraanaa, lafoos haa ta'u qileensarraan Gaazaa keessatti gaggeeffamuu hin qabu.

Haa ta'u malee, BBCn suuraawwan saatalaayitii irraa akka mirkaneeffatetti, waraanni Israa'el erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa mallattaa'ee as gamoowwan Gaazaa mancaasuu hin dhaabne.

Humni Waraanaa Israa'el gamoowwan Gaazaa kan jijjigsaa jiru bakka "yellow line" jedhamuufi akkaataa waliigaltichaatti to'annaa Israa'el jala jiru keessattiidha.

Laanaa Khaliil Gaazaa naannoo Abasan al-Kabira jedhamu keessa jiraatti ture. Osoo waraanni hin ka'in dura naannoonsaanii fuduraafi kuduraan itti biqiluufi jireenyaaf mijataa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma akkuma bakkeewwan Gaazaa hedduu mandarrishee biyyootti dabalameera.

"Waraanni Israa'eel waan nuuf dhiise tokko hin qabu, waan hundumaa mancaasan. Garaan keenya cabee jira," jetti.

Karaa Baha Gaazaa magaalaa Raafattis suuraan saatalaayitii waanuma wal-fakkaataa agarsiisa. Gamoowwan hedduun waliigaltee dhukaasa dhaabuu dura turan amma manca'aniiru.

Kaaba Gaazaa naannoo kaampii Jabaaliyaa, Shejaayiyaafi bakkeewwan biroottis gamoowwan Gaazaa jijjigsuun itti fufeera.

Israa'el garuu gamoowwaniifi manneen Gaazaa itti fuftee mancaasuu akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuutti hin fudhattu.

Qondaala duraanii Nageenya Biyyaalessaa Israa'el kan ta'e Itaan Shaamiir gochaan Israa'el kun waliigaltee dhukaasa dhaabu cabsuutti akka hin lakkaa'amne hima.

Akka inni jedhutti, waliigaltichi bakkeewwan Gaazaa to'annaa Israa'el jala jiranirratti kan raawwatuu miti.

Viidiyoowwan qoodaman irraa akka mul'atutti, waraanni Israa'el gamoowwan doozaraafi fanjii ykn dhootuudhaan yeroo mancaasu mul'ata.

Humni Waraana Israa'el deebii kenneen gochaansaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka hin falleessine ibse.

"Akkaataa waliigaltichaan caasaaleen shororkeessitootaa, ulaa lafa jalaa dabalatee, Gaazaa keessa jiru hunduu manca'uu qaba. Israa'el wantoota yaaddoo ta'an, waliigalticha cabsaniifi bu'uuraalee shororkeessitootaa mancaasaa jirti," jedha deebiin waraanni Israa'el kenne.

Ministiirri ittisaa Israa'el kan ta'e Israa'el Kaatz Onkoloolessa 18 fuula X gubbaatti, "Ulaawwan lafa jalaafi bu'uuraalee shororokeessitoonni itti fayyafaman hunda mancaasudhaan Gaazaa hiikkachiisuun tarsiimoo nageenyaa Israa'el ifa ta'eedha" jechuun barreesse.