Elii Koheen: Basaasaa beekamaa Israa'el hanga michuu pirezidaantii Sooriyaa ta'uutti gahe

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota addunyaa dhaabbata basaasaa cimoo qabu jedhaman qubaan lakkaa'aman keessaa Israa'el tokko.
Ejansiin Tikaa Biyyaalessaa Israa'el- Moosaad jedhamuun beekamu biyyoota hedduu keessatti oppireeshinii jabaafi wal-xaxaa ta'e gaggeessuun beekama; ni sodaatamas.
Seenaashee keessatti Israa'el namoota akka oolmaa guddaa biyyaaf oolaniitti lakkooftu keessaa Elii Koheen tokkoodha. Odeeffannoo icciitii miiliyeena hedduun hin argamne gola Sooriyaa keessaa soqee wiirtuu Moosaad Tel-Aviiv jirutti erga.
Maqaan inni Sooriyaatti ittiin beekamu Kamaal Amiin Taabeet kan jedhuudha. Damaasqoo keessatti kan beekamu abbaa qabeenyaa, lammii Sooriyaa quuqama biyyaa qabu akka ta'ettiidha.
Moosaad biratti maqaa "Ejant 88" jedhamu qaba. Ejant 88 ijaafi gurra Israa'el gola mootummaa Sooriyaa keessa kaa'attedha. Magaalaa Damaasqoo keessatti iddoon jireenyasaa mandara akkaan eegamaafi qondaalonni olaanon Sooriyaa jiraataniidha- jeneraalonni, qondaalonni tikaa, kan siyaasaafi dippilomaatonni biyyoota garaa garaa bakka inni mandheeffate kana jiraatu.
Basaasaan maqaa guddaa kan horate ta'uusaatiin fiilmiin seenaasaa ibsu Netflix irratti The Spy jedhu hojjatameeraaf. Kitaabni seenaa isaa ibsu Our Man in Damascus jedhus barraa'era.
Elii Koheen adda kan taasisu, nama Israa'elirraa dhaqe osoo hin fakkaatiin abbaa qabeenyaa beekamaa Sooriyaa fakkaatee pirezidaantii duraanii Sooriyaa Hafiiz al-Asaad dabalatee qondaalota waraanaa, kan tikaafi siyaasaa biyyattitti michoomuu isaati.
Dhumnisaa bareeduu baatus, hanga gaafa qabamee magaalaa Damaasqoo keessatti addabaabaayitti fannifamuutti, odeeffannoowwan icciitii Sooriyaa hedduu, keessumaa Waraana Guyyaa Jahaa (The Six Day War) jedhamuun beekamurratti odeeffannoon tikaa inni Israa'eliif kenne, Israa'el yeroo gabaabaatti waraana Sooriyaa haleeltee akka mo'attuuf gahee guddaa qaba jedhama.
Elii Koheen Masirii magaalaa Kaayirootti dhalatee guddatee, Israa'elitti baqachuun Sooriyaatti imalee basaasaa beekamaa ta'e.
Nama Sooriyaa fakkaatee Israa'eliif basaasuuf garuu hojii manaa guddaa dursee hojjachuutu irraa eegama ture- afaan Arabaa addatti loqoda Sooriyaa ta'e barachuu, hawaasa Sooriyaa bakka biraa jiraatan wajjin wal-baruufi magaalaa Damaasqoo deemee basaasa eegaluusaa dura abbaa qabeenyaa beekamaa ta'ee dhiyaachuutu irra ture.
Arjantiinaa hanga Damaasqoo
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaan Israa'el Haaretz akka gabaasetti, Elii Koheen hiddi dhalootasaa Masrii magaalaa Kaayiroo yoo ta'u, hawaasa Yihudootaa achi jiraatan keessatti sochii Zaayanizimii hojjataa ture.
Yihudoonni Masirii keessa jiraatan gara Israa'el akka deemaniif harka lafa jalaan hojjataa akka turetu himama.
Maatiinsaa Yihudoota Sooriyaa yoo ta'an, jalqaba jaarraa 20ffaa keessa gara Masirii magaalaa Aleksaandariyaa kan imalan yoo ta'u, Elii Koheen bara 1924tti achuma Masiriitti dhalate.
Maatiinsaa godaansa Yihuudoonni gara Israa'el taasisan "Aliyaa" jedhamuun bara 1949tti gara Israa'el imalan- Israa'el biyya taatee waggaa tokko booda jechuudha.
Elii Koheen garuu hanga bara 1956 Israa'elifi Masirii gidduutti lolli gaggeeffamuutti Masirii ture.
Erga Israa'elitti baqatee booda tika waraanaa keessa hojjachuuf iyyata galfate. Garuu iyyannisaa fudhatama dhabee, innis abdii kutatee mana kitaabaa magaalaa Tel-Aviiv keessatti argamu tokkotti qacaramee hojjachuu eegale.
Boodarra faayillisaa cufame deebi'ee akka ilaalamu ta'e – nama Sooriyaa deemee Israa'eliif basaasuu barbaanna kan jedhu gaaffiin dhiyaateef. Yeroo gaaffin kun dhiyaatuuf Elii Koheen fuudhee reefuma shirshir jechaa jira.
Garuummoo maallaqa argatee jireenyasaa jijjiiruu barbaada waan ta'eef affeerraa Moosaad fudhate.
Dhalataa Sooriyaa fakkaatee dhiyaachuuf afaan Arabiffaa loqoda Sooriyaa ta'e leenji'uu qaba ture – ogeessi afaanii beekamaan ramadamee Arabiffa kan dur Masiriitti beekun alatti loqoda Sooriyaa leenji'e.
Maqaan hawaasa Sooriyaa isa fakkeessu kennameef- Kamaal Amiin Taabeet. Maqaa qofa osoo hin taane nama amantii Islaamaa hordofu ta'ee of beeksisuu qaba.
Leenjii barbaachisu erga fudhatee booda bobbiinsaa gara Sooriyaa osoo hin taane, Arjentiinadha. Sababni ammoo hawaasa Sooriyaa guddaa achi jiru biratti dursee maqaa horachuu qaba.
Gara magaalaa guddoo Arjantiinaa kan taate Boonas Ayirasitti imaluun hawaasa Sooriyaa achi jiraatan biratti eenyummaa haaraa Mossad kenneefin of beeksise.
Lammii Sooriyaa akka ta'eefi abbaa qabeenyaa ta'uusaa ibsate. Dhugaadha jedhee namuu isa fudhate. Dippilomaatota Sooriyaa magaalaa Arjantiinaa jiraatan osoo hin hafin wajjin wal-bare.
Arjantiinatti maqaa horatee abbaa qabeenyaa lammii Sooriyaa ta'uusaa erga beeksifatee booda yeroon itti gara Sooriyaa deeme hojii murteessaa itti hojjatu gahe.
Bara 1962tti gara magaalaa Damaasqoo imaluun maqaa hawaasa Sooriyaa Arjantiinaa jiran biratti horateen of beeksise. Akkuma Arjantiinatti simatame, Sooriyaattis shakkii tokko malee akka lammii Sooriyaafi abbaa qabeenyatti beekamtii argate.
Lammiilee Sooriyaa Arjantiinatti hiriyoomfate fayyadamuun qondaalota olaanoo Sooriyaatti dhiyaachuu eegale.
Gama biraan ammoo sagantaa bashannanaa (parties] qopheessuun qondaalonni siyaasaa, kan tikaafi jeneraalonni waraanaa akka hirmaataniif affeera. Maqaa Kamaal Amiin jedhuun nama Sooriyaaf quuqamu ta'ee of dhiyeessa waan ta'eef carraan isa shakkuu dhiphaadha.
Paartii dhugaatiiwwan qaqqaalifi dubartoonni fa'aa irratti argaman waan qopheessuuf qondaalonni Sooriyaa heddu irratti argamu.
Hanga michuu pirezidaantii Sooriyaa ta'uutti
Damaasqoo buufatee waggaa tokko booda bara 1963tti Sooriyaatti fonqolchi mootummaa gaggeeffamuun paartiin leellistootaa Ba'aaz jedhamu aangoo qabate.
Kuni Elii Koheeniif carraa guddaa uumef- pirezidaantii duranii Amiin al-Hafiiz dabalatee namoonni inni itti michoome hedduunsaanii aanga'oota olaanoo biyyattii ta'an.
Michummaasaa kan durii caala jabeeffachuun odeeffannoo icciitii sassaabuun Israa'eliif erguu itti fufe. Elii Koheen dhimmoota sadirratti xiyyeeffatee odeeffannoo akka sassaabuuf Mosaad ergama addaa kenneef.
Kan jalqabaa, sochii waraanni Sooriyaa daangaa Israa'eliifi bakkeewwan birootti taasisu yoo ta'u, kan lammataa siyaasni keessoo biyyattii maal akka fakkaatu itti dhiyeenyan akka hordofuudha. Inni Sadaffaan ammoo sochii diinagdeefi misoomaa Sooriyaan itti jirtu akka hordofuudha.
Kooheen odeeffannoo sassaabaa oole galgala galee meeshaa qunnamtii addaa fayyadamuun karaa dambalii qilleensaa Israa'eliif erga.
Inni magaalaa Damaasqoo buufatee waggaa tokko booda bara 1963tti fonqolcha mootummaa gaggeeffameen paartiin Ba'aaz aangoo qabate. Pirezidaantii duraanii Sooriyaa al-Hafiiz dabalatee namoonni heddu qondaalota siyaasaa, waraanafi tikaa ta'uun aangoo qabatan.
Elii Koheenif kan durii caalaa haalli mijataan uumameef- icciitii Sooriyaa afaanuma qondaalota olaanoo biyyattiirraa sassaabuu eegale.
Ragaaleen tokko tokko akka jedhanitti, Elii Koheen qondaalota waraanaafi pirezidaantii Sooriyaatti michoomurraa kan ka'e Ittaanaa Ministiira Ittisaa biyyattiifuu kaadhimamee ture.
Pirezidaantii biyyattiifi qondaalota waraanaa kaan waliin bakkeewwan buufata waraanaa Sooriyaa daawwachuun odeeffannoo tikaa sassaabaa ture.
Keessumaa Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967 gaggeeffamerratti Israa'el salphaatti Gaarren Goolan Sooriyaa irraa akka fudhattuuf odeeffaannoon Elii Koheen waraanichi osoo hin gaggeeffamin dura Israa'eliif kenne gahee guddaa akka taphatetu himama.
Osoo bara 1965tti hin ajjeefamin dura sochii waraana Sooriyaa biyya keessafi daangaa Israa'el irra jiru hunda dursee odeeffannoo Israa'eliif kennaa ture.
Elii Koheen qabamee addabaabaayii Damaasqootti fannifame
Elii Koheen ykn Ejant 88 Sooriyaa yeroo gabaabaa jiraate keessatti gaggeessaa biyyattii dabalatee qondaalota waraanaafi siyaasaa olaanoo michoomfachuun odeeffannoo sassaabuu danda'eera.
Haa ta'u malee yeroo dheeraa osoo hin turin basaasaa ta'uunsaa irratti barame. Eliin yeroo dhumaaf Israa'el deemee maatiisaa kan daawwate Sadaasa, 1964 ture. Soporiyaatti debi'ee baay'ee osoo hin turin tikni Sooriyaafi Raashiyaa waliin ta'uun Elii Koheen bakka inni jiraatutti to'atame.
To'atamuusaaf ammoo sababa kan ta'e odeeffannoo basaasaa sassaabe gara Israa'elitti erguuf raadiyoon qunnamtii inni fayyadamu yeroo hedduu dambalii ykn firiikuweensii embasiiwwan biyyoota garaa garaa achi jiraatanirratti dhiibbaa uumun irra deddeebin komii kaase.
Tiki Sooriyaa bakka firiquweensiin sun bahu argachuuf meeshaa Raashiyaan Sooriyaaf kennite raadiyoo iskaanarii jedhamu fayyadamuun bakkisaa gamoo Elii Koheen irra jitaatu ta'uunsaa barame.
Mootummaan Sooriyaa waraana erguun gamoon innni jiraatu marfamee akka sakatta'amu ta'e.
Elii Koheen osoo hin beekin raadiyoo qunnamtii ittiin odeeffannoo icciitii Israa'eliif dabarsaa turee wajjin manasaa keessatti qabame.
Mana murtii waraanaa Sooriyaatti dhiyeeffamee duuti itti murtaa'e; Elii Koheen akka gadi lakkifamuuf jaarsummaafi yaaliin garaa garaa godhamus Sooriyaan gadi lakkisuu didde.
Manni murtii waraana Sooriyaa du'a itti muruun Caamsaa 18, 1965 magaalaa Damaasqoo walakkaatti addbaabaayitti fannifamee du'e.












