Osoo hin mo'amiin taphoota 49- Humni Baayern Liiverkusen duubaa jiru maali?

Baayern Liiverkusen bara dorgommii kana taphoota 49 osoo hin mo'amiin imaluun rikardii Awurooppaa haaraa galmeessan.

Kileboota Awurooppaa keessaa taphoota hedduu osoo hin mo'amiin rikardii kan harkaa qau kileboota gurguddoo beekaman akka Riyaal Maadirid, Baarselonaa, Maanchister Siitii ykn iiverpuul fa'aa miti.

Kileba Jarman taphataa duraanii Liiverpuul, Riyaal Maadiridii fi Baayern Munik Zhaavii Aloonsoon leenji'aa jiru Baayern Liiverkusenidha.

Eda Roomaa waliin tapha gaggeessan 2-0 dursamaa turanii yeroo jalqabaaf mo'amuuf yeroo jedhametti galchii lama lakkoofsisuun rikardii isaanii itti fufsiisaniiru.

Roomaan dirree isaa irratti 2-0 waan mo'amee tureef idama waliigalaan 4-2'n Baayern Liiverkusen injifachuun xumura waancaa Awurooppaa Liigiif darbe.

Waancaaf ammoo kileba Xaaliyaanii Atalaantaa waliin kan falmatu taha.

Liiverksen daqiiqaa 90 booda galchii lakkoofsisuun kan mo'ataa turan hedduudha. Taphoota 49 keessaa 40 mo'achuun sagal ammoo qixa bahaniiru.

Liiverkusen rikardii taphoota hedduu osoo hin mo'amiin xumuruu kilebni Poorchugaal bara 1964 hanga 1965 galmeesse cabse.

Dorgommiin Awurooppaa kun erga jalqabee rikardii Baayern Liiverkusen galmeesse kun kan jalqabaati.

Gareen Zhaavii Aloonsoo waancaa Bundisliigaa mo'achuun olaantummaa Baayern Munik waggootaaf qabatee ture cabsaniiru.

Dabalataan xumura waancaa Jarman Kaappiif dhaqabaniiru. Waancaa Awurooppaa Liigii ammoo Dabilinitti Caamsaa 22 kan taphatan taha.

Baayern Liiverkusen waancaa sadan kan injifatan yoo tahe kileba isaaniif seenaa haaraa hojjechuu isaaniiti.

Keessumaa Zhaavii Aloonsoo kan muuxannoo leenjisummaa guddaa hin qabneef kun injifannoo addaati.

Dorgommii liigota Awurooppaa keessatti Liiverkusen seenaa haaraa galmeessaa jiru. Waancaa Awurooppaa Liigii xumuraaf kan dhaqabanis waggoota 36 boodadha.

Baayern Liiverkusen bara dorgommii kanatti qofa galchii 17 tahu daqiiqaa 90 booda lakkoofsisan.

Baayern Liiverkusen malee kilebni Jarman biraa Boorushiyaa Doortimondis xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif Riyaal Maadirid waliin dhaqabeera.

Baayern Munik bara kana taphataa sarara duraa galchii 43 lakkoofsise Haarii Keen qabatee milkaa'uu hin dandeenye. Waancaa tokkoyyuu osoo hin mo'atiin hafan.

Dorgommii biraa Konfireensii Awurooppaadhaan Aston Viilaan kilaba Giriik Olompiyaakosiin mo'amuun kufe.

Olompiyaakos kileba Xaaliyaanii Fiyoorentinaa wlaiin xumuraaf dhaqabaniiru.

Aston Viilaan dirree isaa irratti galchii 2-4 mo'amuun isaa dirree isaan ala gara Giriikitti imalees akka hin darbine isa taasiseera.

Olompiyaakosiif taphataan El Kaabii jedhamu Aston Viila airratti dhaqaa galaan galchii shan lakkoofsise.

Tapha marsaa duraan galchii sadii, tapha deebii Giriikitti gaggeeffame irrattis lama lakkoofsise.

Gareen Unaayi Imiree Piriimer Liigiidhaan hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufu argachuuf fiixeerra jira.

Waancaa injifachuun seenaa haaraa kilebichaa galmeessu jedhamee eegamus garuu mikaa'uu hin dandeenye.

Unaayi Imiree leenjistoota ciccimoo bara kanaaf kanneen kaadhimaman keessaati.