Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dursaan Arsenaal 'kubbaan miilarraa miidhagu' kilabicha mataa olqabachiise, Martin Odegaard, eenyu?
Bara inni durse Arsenaal hamilee horate, fiixee Piriimer Liigii Ingiliziirratti ba'e. Martin Odegaard kilaboota kubbaa miillaa gurguddoo Awurooppaa biratti gabaansaa akkaan ho'uu wayita eegalu reefuu umriinsaa waggaa 16 seena.
Taphataa collee addunyaa- Liyoneel Mesiitti fakkeeffama, akkumasaa luka bitaan haleela.
Ijoollummaasaatti (wayita inni ganna 16 guutu) kilaboonni maqaa guddaa qaban kanneen akka Manchistar Yunaayitid , Baayer Muunik, Ayaaksi fi kaan of harka galfachuuf guddoo yaalan.
Inni garuu bara sana gara Ispeen imaluun Riyaal Maadriitti gameeyyii kubbaa miillaa-Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Gaareez Beel fa'aatti makamuuf murteeffate.
Amma ammoo kilaba Piriimer Liigii Ingilizii- Arsenaal keessatti raawwii addunyaa ajab jechisiise agarsiisaa jira. Garicha dursuun mataa olqabachiiseeras jedhama Odegaard.
Waa'ee taphataa kanaa qabxiilee muraasa:
Ijoollummaa fi kubbaa miillaa
Dhaloonnisaa Noorway, Diraamen iddoo jedhamuudha. Kan gumaache garuu biyyasaa qofaaf miti. Dursaan garee Arsenaal Martin Odegaard barri itti dhalatee fi barri addunyaarratti akkaan barbaadamuu eegale baayyee walirraa hin fagaatu.
Mudde 17, 1998 dhalate, umriisaa waggaa 12tti qalbii warra kubbaa miillaa keessa jiranii seene. Garuu eenyutti ba'ee bada? Abbaansaa Haansi Erik Odegaardis addunyaama kubbaa miillaa keessa turan.
Dirree kubbaa miillaa keessattis raawwii agarsiisaniin hin komataman, kilaba ijoollee Noorway kan Odegaard umriisaa waggaa ja'atti seene namoota hundeessan keessaati, leenjisaa turanis.
Odegaard bara 2009 kilaba Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Noorway ijoollee dandeettii tapha kubbaa miillaa qaban ittiin guddisuuf hundeesse- Strømsgodset seene. Isatu bu'uura ta'eef.
Diviiziyoona kana keessatti kilaba Buskerud jedhamuuf yeroo jalqabaaf kan taphate bara 2010, umriisaa waggaa 11tti ture. Gareesaa keessaa isatu umriin xiqqaa ture, taphattoonni kaan [kan gareesaas ta'e kan garee faallaa] waggaa lamaa fi sadiin isa caalu.
''Daa'ima sammuu qaroo, qaruuxee haalota bilchinaan to'annoosaa jala oolchu. Filannoo sirrii. Akki itti kubbaa tuqu dansa. Bakka qabatee taphachuurrattis qaroodha,'' kan jedhames baruma sana.
Ammas Arsenaal keessatti haalaa fi amala (characteristics) ganama qabatee ka'e sana mul'isaa jira.
Lukasaa bitaan kubbaa dirree keessa oofuun kan beekamu Martin Odegaard, waggoota sadiif kilabuma daa'imummaatti seene keessatti leenji'e.
Taphattoota lukasaanii bitaan raajii dalagan keessaa tokko Odegaard ta'uu leenjisaan isaa ganamaa ragaa ba'aniiru.
Dandeettiin inni ijoollummaatti gabbifate kun taphattoota qaamaan isa caalan bira darbee mul'atee carraa akka argatu isa gargaareera jedhuun leenjisaan isaa.
''Gartuu faallaa haleeluu yookiin hubuu (goolii galchuu) ilaalchisee rakkoo xaxaa saffisaan salphisee qalbii namaa qabbaneessa. Qaama furmaataati. Haala mijataa uuma. Yoo gareensaa bakka dhabee muddamu dafee bakka uumee isaan fura. Bakki isatti mul'atu nuti (warra leenjistootaatti) illee hin mul'atu,'' jedhan leenjisaan isaa kilabasaa ganamaa.
Kanaaf kubbaa gara fuulduraatti oofanii goolii galchuun isumaaf kennameera jedhan.
Abbaa kutataa, ga'ee maatii milkaa'ina Odegaardiif
Odegaard sadarkaa har'a irra jiruuf bu'uura kan kaa'eef, dhiibbaa kan uume abbaasaati.
Maatiin Odegaard warra guddina kubbaa miillaa deeggaraniidha. Inumaa abbaansaa Haansi Erik Odegaard ammoo taphataa kubbaa miillaa ture. Kilaba ganamaa Odegaard keessa taphachaa ture. Leenjisaas ta'ee tajaajileera.
Martin Odegaard umriisaa waggaa torbaffaarraa eegalee torbanitti sa'aatii digdamaaf leenjii kubbaa miillaa leenji'aa akka ture yaadata abbaansaa.
Battala jabinaa fi cichoomina Odegaard hubate kanatti ilmisaa ''taphataa jabaa'' ta'uu akka danda'u bare.
Gaaftokko akkas jechuun waa'ee ilmasaa CNNtti hime: ''Gara dirreetti ba'een shakkalarra ture. Innis na waliin ture. Xumurree wayita gara manaa deemuuf jennu ni dide. Erga an dadhabee booda shaakallii dabalataaf booddeetti hafe.''
Fedhii, Kutannoofi cichoomina taphataa pirofeeshinaalaa ta'uuf agarsiise
Martin Odegaard wayita kilaba isaa keessatti guddate, Stormsgodset, keessatti tapha eegale umriinsaa xiqqaa ta'uurraa kan ka'e akka taphattoota kaaniitti tapha guutuurratti hirmaatee taphataa hin turre.
Ijoollee ta'ee fedhii, cichoominni fi kutannoon inni agarsiisaa ture leenjisaan isaa akka gara fuulduraatti fidu taasiseera.
Wayita leenjisaan isaa yeroo sanaa, kan amma kilaba chaampiyoonaa Iskootlaand ta'e- Seltik hoogganan, Roonii Deeyilaa tapha Aalesund irratti hiriirsisanii taphachiisan nama waggaa 15 fi guyyaa 117 ture Odegaard.
Odegaard kilabasaa kanaaf guutummaatti hiriiree taphachuu kan eegale Ebla 13, 2014 yoo ta'u ji'a tokko keessatti gooliisaa jalqabaa dorgommiirratti galche.
Tapha ijoollee waliin leenji'u (ametur) keessaa ba'uun dorgommiirratti akkuma taphattoota gameeyyiitti hiriiruun taphatee gooliisaa jalqabaa kan galche Caamsaa 16 ture.
Odegaard sanuu jifataa miti, ittistoota garee faallaa saaqee keessa darbuun saanduqa peenaalitiin ala dhaabbatee kubbaa luka bitaan rukutee manii keessa buuse.
Odegaard kilabsaaf goolii galchuun taphiisa isaa eegaluun hagam takka taphataa bu'aa buusu akka ta'e mirkaneesse.
Darbees kilaboonni gurguddoon Awurooppaa akka irratti xiyyeeffatan ta'eera. Odegaard kilaboota seenaa kubbaa miillaa Awurooppaa keessatti maqaa guddaa qaban hedduuf keessummaa miti.
Hanga Mudde 2014tti kilaboota akka Baayer Muunik, Maanchistar Yunyaayitid, Liivarpuul, Arsenaal daawwatee muuxannoo qooddateera. Leenjiis irraa argateera.
Odegaard kilaba Liivarpuul akkaan jaal'ata. Garuu imalasaa kilaboota Awurooppaa jalqabaan gara Ispeen imalee Riyaal Maadriiditti makame.
Taphataa akka Mesii akkaan barbaadamu
Hawaasi kubbaa miillaa Odegaardiin wayita ibsan, Mesii Awurooppaa jedhuun.
Duraan kilaba Stromsgodset keessa waliin taphataa kan turanii fi amma leenjisaa kilabichaa kan ta'e Deeviid Niyeelsan ''goota goota caalu'' jechuun Odegaard waame.
Leenjisaan Riyaal Maadriid Kaarloo Anchelootii ammoo inni [Odegaard] ''daa'ima dandeettiifi eenyummaa adda ta'e qabudha,'' jechuun jajan.
Jifataan duraanii Shefiildi Yunaayitid, Biraayaan Diyaan, taphataa kana Liyoneel Mesii waliin walfakkeessee ibse.
''Dandeettii addaa qaba. Dogoggora irraa walaba jechuu dandeenya. Qormaati wayita isa mudatu dursee baruun mala dhahata,'' jechuun BBC Ispoortitti dubbate Biraayaan Diyaan.
Gabaan Martin Odegaard wayita inni kilabasaa ganamaa- Stormsgodset keessa ture akkaan ho'e.
Gareen biyyoota adda addaa irraa bakka hojiisaa (wayita inni taphatu) deemanii isa adamsaniifi shooshilatan hedduu turan.
Boruushiyaa Doortimand, Baayer Muunik, Maanchistar Yunaayitid, Maanchistar Siitii, Riyaal Maadriid, Baarseloonaa, Ayaaksi fi Liivarpuul dabalatee kilaboonni Awurooppaa gameeyyiin 30 caalan taphataa ol adeemaa kana of harka galfachuuf fedhii agarsiisaniiru.
Kana hunda keessaa garuu kan gurbicha fudhatee milkaa'e Maadriid. Inumaa Liivarpuul ammoo qe'eesaatti waamee leenjii kennaafii ture.
Imala gara Maadiriid
Martin Odegaard kilabasaa ganamaa-Stormsgodset, keessatti warra jalqabarratti hiriiranii taphatan keessaa erga ta'ee leenjiis isaan waliin fudhataa ture.
Kunimmoo kilaboota Awurooppaa gameeyyii keessa seenee akka taphatuuf isa ga'oomse.
Amajjii 21, 2015 bara Zinaddiin Zidaan leenjisaa Riyaal Maadriid ture kilaba Ispeen keessatti maqaa guddaa qabu kana seene.
Maallaqa Noorway Kroner 35 Yuuroo miiliyoona afuritti tilmaamuun Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Gaareez Beelitti dabalame.
Riyaal Maadriid erga Odegaard fudhatee booda ibsa kenneen, taphatichi garee taphattootaa jalqabarratti hiriiruun taphatan akkasumas garee eeggattootaa waliin akka turu eeree ture.
Odegaardiif lakkoofsa 21 kennan, taphataan kun garuu akka taphataa gameessaatti hiriiree taphaachuu hin dandeenye.
Erga Maadriidiif mallatteessee guyyoota 679 booda Sadaasa 30, 2016 taphattoota gameeyyii kilabichaa waliin hiriiree taphachuu danda'e.
Maadriid keessa osoo jiruu, bara 2027- 2020, kilaba Neezarlaandis- Heerenveen jedhamuu fi kilaba Ispeen- Riyaal Sosiyeedad ergisaan seenee taphateera.
Dorgommii waancaa Copa del Rey 2019-20 nuusa xumuraa gaafa Guraandhala, 2020 Riyaal Maadriid fi Riyaal Sosiyeedad [kilaba inni ergisaan keessa jiru] gidduutti gaggeeffamerratti Maadriid irratti goolii galcheera.
Dorgommii sana Riyaal Sosiyeedad xumuraaf akka geessu ga'ee gumaacheera.
Odegaard bara 2020 gara Riyaal Maadriid deebi'uun tapha jalqabaa dorgommii Laaligaa bara 2020-21 kilabnisaa dirree Riyaal Sosiyeedad irratti morkattu irratti hirmaateera.
Baruma sana Sadaasa keessa tapha waancaa chaampiyoonsi liigii Awurooppaa Riyaal Maadriid fi Intar Miilaan gidduutti gaggeeffamerrattis yeroo jalqabaaf hirmaateera.
Arsenaal- kilaba Odegaard keessatti milkaa'ee milkeesse
Martin Odegaard kilaba ergisaan keessa ture, Riyaal Soseyidaad irraa erga gara kilabasaa Riyaal Maadriiditti deebi'ee tapha sagal qofarratti hirmaate.
Kana caalaa haala Riyaal Maadriid keessa jiru hin dandeenye. Kilaba taphattoota jalqabarratti hiriiranii taphatan keessa isa galchu soqachuuf murteesse.
Bara 2021 ji'a Amajjii gara dhumaarratti hanga barri taphaa sun xumuramutti ergisaan kilaba Piriimer Liigii- Arsenaal seene.
Odegaard akkaataa ijoolleen Arsenaal itti taphatan baayyee raajeffate, gartuu kanatti ida'amuufis baayyee itti hin fudhanne.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan akkasumas taphattoonni kilabichaa hundi fuula ifaan simatan.
Arteettaan taphaticharraa abdii akka qaban itti mul'isan. Waliigaltee erga mallatteessee guyyaa sadi booda taphasaa jalqabaa jijjiirraadhaan seenuun kan eegale Odegaard Arsenaaliif jalqabarraa kaasee taphachuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Guraandhala 14 tapha Arsenaal goolii 4 fi 2n Liids Yunaayitid injifate jalqabarraa eegale.
Odegaard mala taphaa ittiin beekamu, keessattuu kubbaa fageenyarraa dhiituun gara gooliitti geeddaruudhaan Arsenaaliin kan garaa ga'e dorgommii Yurooppaa Liigii marsaa 16ffaa tapha jalqabaarratti ture.
Bitootessa 11 gooliin inni Olopiyaakos irratti fageenyarraa galche mallattoo Arsenaal taateetti. Goolii filatamtuu ji'a sanaa ta'uunis marsariitii kilabichaarratti baateetti.
Guyyaa sadi booda ammoo tapha piriimer liigii darbii kaaba Landan 203ffaa irratti hirmaachuun Tootanhaam irratti goolii piriimer jalqabaa isaa galche.
Raawwii ajaayibaa ji'a Bitootessaa keessa agarsiiseen taphataa collee (cimaa) ji'a sanaa ta'uun filatame.
Odegaard taphni piriimer liigii kana bara 2020-21 wayita walakkaa ga'u ergisaan Arsenaal seene, hanga xumura dorgommii bara sanaatti qofa ergisaan ture.
Sanaan boodas Arsenaal manasaa ta'e. Hagayya 20, 2021 yuuroo miiliyoona 30, kan daballii boodarra taasifamuun hanga miiliyoona 40 ga'uun qabeenya Arsenaal ta'e.
Arsenaal kontiraata waggaa afuriif turu hanga bara 2025tti wayita Odegaard waliin mallatteessu, waggaa shanaffaas akka taphataa kana waliin turu ibseera.
Waliigaltee haaraa kana erga mallatteessee raawwii ajaayibaa kan agarsiise ji'a Muddee keessa ture.
Ji'a sana keessa taphoota ja'arratti goolii sadi galchuun, akkasumas kubbaa gooliif ta'u sadi ammoo mijeessee kennuun xumure. Kanaanis taphataa cimaa ji'a sanaa ta'uuf kaadhimame.
Bara Odegaard kontiraata mallatteesseef dura sadarkaa saddeettaffaan kan xumure Arsenaal, waggaa jalqabaa taphataa kana waliin ture sadarkaasaa fooyyesseera, shanaffaan xumure.
Fooyya'iinsa kilabichi agarsiiseef kan galateeffatame Martin Odegaard.
Dursaan kilabichaa Peeree-Emirik Obaameyaang akkasumas yeroof dursaa kan ture Aleksaandar Lakaazeet kilabicha gadhiisuu hordofee bara taphaa 2022-23 Odegaard dursaa taphattoota Arsenaal ta'e.
Bara jalqabaa Odegaard dursaa taphattoota garechaa ta'e Arsenaal sadarkaasaa akkaan fooyyeesse, liigicha keessatti sadarkaa tokkoffaarra yeroo hedduuf tureera.
Dhumarratti Maanchistar Siitiidhaan durfamuun sadarkaa lammaffaan xumure. Odegaard ammoo taphataa cimaa kilabichaa ta'uun filatameera.
Kana malees taphataa cimaa kilaboota piriimer liigii barichaa ta'uun kaadhimameera.
Gumaacha taphataa dargaggeessa kanaatti quufuu kan ibse Arsenaal, Fulbaana darbe kontiraata yeroo dheeraa [waggaa shan] waliin mallatteesseera.
Odegaard Arsenaal keessa turuuf murteessuun akka itti hin ulfaanne ibsuun Arsenaal mana isaa isa sirrii ta'uu mirkaneesse.
''Murtee salphaa ture. Iddoon miilla lamaan gadi dhaabbadhee keessatti hojjedhun argadhe. Iddoon mana koo jedhee waamu.''
Erga Paatrik Veeyiraatii dursaa cimaa Arsenaal
Adoolessa 2022 wayita leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa Martin Odegaard dursaa garee kilabichaa ta'uu ibsu, murteensaa kun hedduu biratti ija shakkiin ilaalamee ture.
Garuu osoo oolee hin bulin murtee sirrii ta'uunsaa mirkanaa'e.
Taphataan ganna 25 kun dirree keessattis, dirreen alattis tuuta isaaf fakkeenya ta'uun akka dansaatti bulche.
Erga bara 2004 wayita Paatrik Viyeeraa dursaa turetti Arsenaal waancaa nyaatee as kan akka Odegaard kilabicha waancaatti dhiheesse hin jiru.
Odegaard erga bara 2021 Amajjii keessa jalqaba ergisaan Riyaal Maadriid irraa Arsenaal seenee kaaba Landanitti jijjiirama guddaa fideera jedhamuun baayyee leellifamaa jira.
BBC Sport akkaataa Maartin Odegaard Arsenaal bayyanatee akka waancaa adamsu taasisuu danda'e wayita xiinxalu tarkaanfii sirrii Mikeel Arteettaan fudhate ta'uu ibse.
Arteettaan ofiisaatiiyyuu hanga bara 2016 kubbaa taphachuu dhaabutti bara taphaa lamaaf dursaa Arsenaal ture.
Odegaard wayita taphattoota Arsenaal akka dursu murtaa'e Arteettaan akkas jedhe: ''Ji'oota 18 nu waliin ture, yeroo kana keessatti wanti nuti irraa argine waan duudhaa kilaba kanaa ibsudha.''
''Inni garee biyyaalessaa isaattis dursaadha. Kanaafuu kun murtee sirriidha. Kana ibsuu kootti nan boona. Inni nama gaarii, kutannoodhaan hojiisaa galmaan ga'udha,'' jedhe Arteettaan.
Odegaard gamasaan dirqama kana fudhachuun akka isa gammachiise ibseera. Dirqama fudhachuu qofa osoo hin taane waan itti kenname hojiirra oolchuurrattis hin komatamu.
Kilabicha [Arsenaal] sadarkaa amma irra jirurraan ga'uun salphaa hin turre. Piriimer Liigii Ingilizii keessatti sadarkaa kilabichaa olkaasuu bira darbee hanga dorgommii chaampiyoonsi liigii, kilabichi waggootaaf irraa fagaatee tureetti, deebisuutti ga'eera.
Kun hunduu kutannoo fi fakkeenyummaa dursaa taphattoota Arsenaal- Maartin Odegaard.
Arsenaal waggoota 14 booda yeroo duraaf barana tapha Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti nuusa xumuraaf ga'e.
Odegaard akkuma taphoota piriimer liigii irratti fakkeenya ta'ee taphattoota gareesaa dura deemu, dorgommii chaampiyoonsi liigii irrattis hamma humnsaa kutannoo qabu agarsiiseera.
Taphoota piriimer liigii bara kanaa afur irratti goolii jalqabaa galchuun taphattoonni akka onnatanii taphachuun mo'atanii ba'an godheera. Waliigalatti goolii saddeet galchuun, kubbaa gooliitti geeddaramte saddeet ammoo mijeessee kenneera.
Tapha Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa nuusa xumuraa irratti wayita Poortoo waliin rukuttaa adabbii (peenaalitiin) adda ba'an, jalqaba kan rukute Odegaard.
Odegaard yoomuu Arsenaal keessatti dirqama fudhatee kutannoon galmaan ga'uu fedha.
''Rukuttaawwan peenaalitii kennaman keessaa kan jalqabaa an rukutuun fedha. Anaaf kun murteessaa natti fakkaata. Akka sirriitti jalqabuu keenya mirkaneessuun, garee kootiif hamilee ta'uun barbaada. Dirqamni akkasii na gammachiisa,'' jedhe Odegaard.
Martin Odegaard waggoota shanan dhufaniif Arsenaal waliin turuuf mallatteesseera.
''Martin walitti dhufnee qindoominaan tapha dansaa taphachuuf baayyee murteessaadha,'' jedhe Arteettaan.
Waan kilabicha fayyadu hundarratti argamuu, taphattoota duratti naamusi inni agarsiisu, dandeettii taphaanis istaandardiin inni kaa'e kilabicha fuulduratti tarkaanfiachiiseera jechuun Odegaardiin jaje Arteettaan.
Odegaard amma filannoo Emireetis ta'eera, mo'anis, qixa ba'anis, mo'amanis hanga dirree naanna'ee deeggartoota waliin gammachuusaa ibsatutti hin ba'u.
Kanarraa kan ka'e deeggartoonnis ta'e kanneen dirree seenan hundinuu kabajaa fi jaalala addaa akka qabaniif ibsu.
Arsenaal barana ammoo waancaa harkaan ga'achuuf ija miixaa jira. Garuu Maanchistar Siitiin qormaata itti ta'eera.
Arsenaal carroomee yoo waancaa baranaa harkaan ga'ate milkaa'inni Odegaard guutuu ta'a jedhu warri kubbaa miillaa xiinxalan.