Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gabaan jimaa Itoophiyaa akkamiin Somaaliyaatti guddate?
Qonnaan bultoota Harargee fi naannawasheef madda galii ijoo kan ta'e jimaan omishaalee alergiidhaan sharafa alaa argamsiisan keessaa warra duraa keessa jira.
Hawaasni lakkoofsa hedduu qabus omishuurraa hanga daldala biyya keessaa fi alatti erguutti toora hojii jimaa kana keessatti qooda fudhata.
Waggoota lamaan darban heddumminni keellaawwanii fi kaffaltiin achitti gaafatamu daldaltoota, irra hedduu ammoo qonnaan bultoota jimaa omishan irratti dhiibbaa fiduu himataa turan.
Naannawa magaala Awwaadaayitti hojii qonna jimaa irratti bobba'ee kan jiru Jaafar, rakkoon waggootaan dura qonnaan bulaan himatuu ture ammalleen bakkuma sana jirti jedhu.
"Ammaan dura oyiruu jimaa tana waan biraatiin bakka buusna, jimaa omishuun kisaaraa fide jedhee qonnaan bulaan komataa ture. Ammalleen jijjiiruma san wayyan jedha ani. Maalif seeta, gaafa gabaarratti heddummaatu gatiin gadi bu'a, dhaabbataa miti."
"Amma nu biratti gatiin jimaa ol ka'ee jira. Kunimmoo waqtiin Bonatti waan deemuufi. Amma qonnaan bulaan bishaan obaasaa jira. Yeroo gabaabaa booda omishni gabaarratti yoo baay'atu gatiin gadi bu'a," jedha.
Daldala jimaa irratti komii qonnaan bultootaa fi daldaltootaa kan ture kaffaltii keellaawwanii fi magaalota irratti 'Kottee' jedhamuun kanfalamu.
Somaaliyaatti jimaan Itoophiyaa kan Keeniyaa caaleera
Akka gabaasaaleen mul'isanitti gabaa somaaliyaa keessatti dhiheessiin jimaa Keeniyaa harka 17'n gadi bu'eera.
Kanaaf ammoo dorgommiin jimaa Itoophiyaa cimuun gabaa jimaa kana dura jimaan Keeniyaa olaantummaan too'atee ture keessatti osoo hin hafne jimaan Itoophiyaa fudhatama argachaa dhufeera.
Olaantummaadhaan alergii jimaatiin Somaaliyaa qofarratti hirkattee kan turte Keeniyaan amma erga gabaa Somaaliyaa keessatti jimaan Itoophiyaa fudhatamnisaa caalaa dhufee gabaa biyyoota biroo akka filannootti barbaaduu jalqabuu Abbaan Taayitaa Qonnaa fi Nyaataa Biyyattii kan ibse.
Ofii Jimaan Itoophiyaa qorumsa keellaawwanii darbee akkamiin gabaa Somaaliyaa too'achuu danda'e?
Rakkoon kaffaltii keellaawwanii waggoota lamaa ol kan ture ta'ulleen gaaffii isaaniitiin jijjiiramni keellaa irratti dhufe akka hin jirre himu Magaala Awwadaayirraa daldalaan jimaa Obbo Abduljabbaar Ibraahim.
Obbo Abduljabbaar daldaltoota Itoophiyaarraa jimaa gara Somaaliyaatti ergan keessaa isaan tokko.
Akka isaan jedhanitti Jimaan Itoophiyaa gabaa Somaaliyaa keessatti kan keeniyaarratti olaantummaa kan argateef sababoota ijoo lamaani jedhu.
"Amma fakkeenya yoo fudhatte Hargeessaa irratti jimaan Itoophiyaa doolaara tokkoofii cinaadhaan yoo deemu kan keeniyaa doolaara sadiin deemuu ture. Hargeessaa irrattis jimaan Itoophiyaa dorgomaa akka hin taane godhanii magaalarraa baasanii ture".
"Kuni waggaa sadii oliif akkanaan ture. Waan kanarratti falmachaa turre. Gara doolaara shaniitti akka olka'u gaafachuu turre. Amma jimaan Itoophiyaas kan Keeniyaa waliin qixa ta'ee dorgomaa ta'e" jedhan.
Gama kaaniin heddumminni keellaawwanii furmaata hin argatin hafe daldaltoonni karaa seeran alaatiin Kontirobaandiidhaan Jimaa gara gabaa Somaaliyaatti baay'inaan seensisuunis Jimaan Itoophiyaa akka gabaa too'atu gochuu himan.
Ta'ulleen daldalli gama kontirobaandii kuni daldaltootaafis ta'e galii biyyaa irrati kisaaraa kan fidudha jedhu Obbo Abduljabbaar.
"Namni kontirobaandiin deemu yeroo hundumaa cinqamaa deema. Karaarraa miliqaa jimaa kana rakkoo keessa oofu. Jimaan silaa waan kontirobaandiifuu ta'u miti. Gaafa bakka sana gahan Jimaan nimiidhama. Gatii dhaba" jedhan.
Hojiin kontirobaandii jimaa kuni dinagdee biyyaarratti qofa osoo hin taane Daldalaa karaa seera qabeessaan Jimaa daldalu irrattis dhiibbaa fida jedhu.
"Ani amma gaafan jimaa karaa seera qabeessa gara Somaaliyaa geessu Keellaa bakka hedduutti hanga bakka sana gahutti waan baayyeen kafala. Naannoo oromiyaatti nikafalla.naannoo Somaaleetti nikaffalla. Kaffaltiin biroo biroos jira" jedhan.
Mootummana Federaalaa komii daldaltoonni jimaa dhiheessan bu'uura godhachuun keellaawwan naannoo Somaalee fi Oromiyaa keesssaa akka ka'an jedhus bakka lamaanuu wanti gadhi dhiifame hin jiru jedhan daldalaan kun.
Obbo Mohaammad Ibraahimis daldalaa Jimaa gara Biyya alaatti ergani. Isaanis kaffaltii keellaawwanii irratti wanti fooyya'e jiraachuu baatulleen hojiin daldala jimaa Magaala Awwadaay keessatti fooyessuuf hojjetame alergii Jimaa Guddiseera yaada jedhu qabu.
"Mootummaan giddugala jimaa Magaala Awwadaay keessatti erga nuuf qopheessee jijjiirama guddaa argine. Iddoo kanatti daldalaanii fi qonnaan bulaan walabaan walirraa bitee gurguraa jira. Kuni gabaa Jimaa kana Fooyyesseera" jedhan.
Dhimma kaffaltii keellaawwanii Naannolee Oromiyaa fi Somaalee keessaa kan qonnaan bultoonnii fi daldaltoonni komatan kanaa fi hojii kontirobaandii Jimaa irratti deemu daldaltoonni jedhan kanarratti deebii mootummaa hin arganne.
Dhimmi kuni kan ilaalu Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Qaxanaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin irra deddeebiin taasifne nuuf hin milkoofne. Yeroo yaada isaanii arganne kan dhiheessinu taha.