Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjisaa Yunaayitiid akka ta'u gaaffiin kan dhiyaateef barataan Moriinihoo Amoriim eenyu?
Liigii Poorchugaal keessatti kan taphatuufi garee shaampiyoonsi liigiirrattis hirmaachaa jiru Ispootiing Liisban kan leenjisu Ruuben Amoriim gaggeeffamuu Eriik Teen Haag boda leenjisaa Yunaayitiid ta'uuf gaaffiin dhiyaateeraaf.
Kilabnisaa maallaqni kontiraatasaa adda cituu ilaalchisee kaffalamu yoo raawwatame isa gadhiisuu akka danda'u ibseera.
Amoriim garuu ibsa miidiyaaleef kenneen ammatti waayee hegereesaa akka hin murteessine dubbate.
Ispoortiing ibsa Kibxata baaseen Yunaayitiid gaaffii dhiyeessuufi Amormiim akka gadhiifamuuf yuuroo miliyoona 10 kaffaluuf tole jechuu beeksise.
Amoriim tapha Kibxata galgala gareensaa 3-1 injifate booda ibsa miidiyaaleef kenneen ammatti wanti murteeffame hin jiru. Tapha koo isa dhuma ata'uufi dhiisuu hin beeku'' jedhe.
Tapha Yunaayitiid Oldii Tiraafoordiitti Cheelsii itti morkaturratti argamtaa jedhamee gaazexessitootarraa gaaffii dhiyaateef ''asin jira. Garuu hin beku'' jedhe.
Leenjisaa Peep Gaardiyoolaa waayee Amoriim gara Yunaayitiid dhufuu gaafatamee yaada kenneen, gareesaa Liizban waliin yeroo lamaa sadii taphachuu fi garee cimaa muddee taphatu ta'uu hime.
Liigichi keessatti hanga ammaa tapha mo'ame akka hin qabne, Shaampiyoonsi liigii irratti qabxii isaaniin qixxee akka qabu kasauun jabaa ta'uu hime.
Amoriim nama ganna 40 guute tahuu baatus muuxannoo gaarii jedhamu qaba.
Amooriim garee warra Porchugaal waggaa 19 keessatti yeroo duraaf gara liigii jalqabaatti fideera, kuni yeroo inni ganna 36 ture bara 2021tti raawwate. Milkaa'inni yeroos argate kilaboota Awurooppaa jajjabboo waliin hariiroo uumuuf isa gargaareera.
Amooriim eessaa ka'ee as gahe
Taphataan sarara gidduu duraanii Benefiikaafi Poorchugaal Amoriim kubbaa miilaa taphachuu irraa kan sooroma bahe bara 2018 nama ganna 32 ta'ee osoo jiruuti.
Baruma ittaanu ammoo leenjisaa tahuun garee eeggataa Biraagaa leenjisuun milkaa'ina agarsiiseen leenjisummaatti guddate.
Sana dura garuu waraqaa leenjisummaa isaa mirkanessu osoo hin argatiin leenjisuu eegaluu isaaf hojii jalqabe akka gadhiisu ta'eera.
Milkaahinnisaa yeroo hin fudhanne. Benefiikaatti tapha 13 keessatti injifannoo 10 galmeesse. Kunis kilabicha keessatti mo'icha waggaa 65 booda argame ta'e.
Yoos ija kilaboota gurguddoo keessa gale. Kilabni biyya dhalootasaa kan biroon Sporting Lisbon bara 2020tti leenjisummaan isa qacaruuf doolaara miiliyooan 10 itti baase.
Maallaqni kun leenjisaaf baasii godhaman isaan olaanoo keessaa isa sadaffaa dha.
Amoriim maallaqni itti bahe tola akka hin taane hojiin agarsiise. Taphoota walitti aanan 32 irratti takkaa hin mo'atamne.
Kunis dheebuu waancaa Liizban waggoota 19tti xumura godhe.
Ittisaan Liivarpuuliifi Poorchugaal duraanii Abeel Zaaviyar yeroo Amoriim wajjin dabarseen waan jalqabumaa isarratti argeen akka dinqame hime.
''Nama lasoo, of eeggataa fi sammuu tasgabbaa'aa qabu dha,'' jechuun BBCtti himeera.
''Biraagaatti dhiibbaa uume dafnee argine, miseensi otoo hin geeddaramiinidha garee kan jijjiire.
''Yaada lafa qabsiisee hojjeta, gara laafummaa qaba akkasumas kilabiin Ispoortiing Liizban isa fudhachuuf kaffaleeraafi,''
''Pireezidantichi ''maallaqni ani Ruuben Amoriimiif kaffalu gatii naa baasa, dargaggoota guddisuu irrattis faayidaa qaba, dhugumaanis bu'aasaa argeera,'' jedhe.
Tooftaa taphaa Amoriim hordofu taphattootni piriimiyeer Liigii akka Maatiiwus Nuuneez kan amma Siitii jiru, Peedroo Pooroo kan amma Tootenhaam jiruufi Jiyoo Pelhiinaa kan Baayer Miiyuunik jiru ni beeku.
Sadanuu garee Liizban Amoriim waliin bara 2020/21waancaa liigii Poorchugaal injifate keessa turan.
Leenjisaan umrii 39 kun Liizbanitti tooftaa taphaa filatuuf mala hiriiraa 3-4-3 baayyinaan fayyadama. Taphattootaa cinaa lamaan fayyadamee jifachuu filata.
Saffisaa fi mala ittiin jifachuu fedhuun Kiloop waliin walfakkaata.
''Pelhinaan Rubeen leenjisaa dandeettii hedduu qabudha. Porchugaal keessatti warra jiru jedhaman keessaati'' jedhe.
Dursaan taphattootaa Maanchistar Yunaayitiid Buruunoo Fernaandeesis dinqiisiifataa Amoriim.
''Kubbaa miilaa Ingiliz, Faransaayiifi Ispeen keessattis milkaahuuf gahumsa qaba jedheen yaada'' jedhe.