Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Warri seexana waaqessan mucaa koo miidiyaa hawaasaarratti argatan, ishee baraaruuf humna dhabe'
Akeekkachiisa: Odeessi kuni miira isin jeequu mala
Ol-adeemtuun ganna 14 miidiyaa hawaasaarratti yeroo haasa'aa ooltu haatishee badaa hin yaaddofne ture. Torbanoota booda garuu amallishee geeddaramuu jalqabe.
Odeessa kanaaf jecha maqaashee Kiristinaa haati jennee waamnuun dhiphuu keessa galte.
Mucaan koo garee warra siyaasa gara mirgaa ykn aadaa duraanii leellisan '764' jedhamanitti makamte jetti.
Gareen kuni dhiirota ga'eessaafi dargaggeeyyii dubartoota miidhuu barbaadan qabateera.
UK keessatti ol-adeemtonni afur garee kanaa wajjin hidhata qabu jedhamuun qabamaniiru.
Lixa Saseeks kan jiraatu Kaameeruun Fiingan hidhaan waggaa ja'aa irratti murtaa'eera.
Qaama ofii irratti miidhaa geessisuu namoonni barbaadan marsariitii irratti yeroo dubbatan intalli Kiritinaas itti makamte. Kana boodas garee 764 jedhamu keessa akka galtuuf filamte.
Miseensonni garee kanaa gochaa saal-quunnamtii akka raawwatan, of akka miidhan, of ajjeesuuf akka yaalan fa'a dirqamsiifamu. Kuni hundi yeroo raawwatu miseensonni garichaa kallattiin viidiyoodhaan isaan ilaalu.
Akka Kiristinaan jettuttu miseensi garee kanaa tokko intallishee garee kanatti akka makamtu ishee taasiseera.
''Haati koo kaansariidhaan yeroo gidiraa keessa dabarsitu argeera. Intalli koo miseensa garee kanaa yeroo taatu hamman gadde garuu hin gaddine, baayyeen miidhame''jetti.
''Nama kaansariin qabame caalaa intalli koo gidiraa argiti ture.''
Haa tahu malee intala koo garee waaqessitoota seexanaa jalaa baasuuf yaaluun dhimma salphaa hin turre jetti.
Haati intallishee warreen seexana waaqessan kana 'block' akka gootu irra deddeebiin gaafachuu hin dhaabne. Garuu amansiisuun waan salphaa hin turre.
Adeemsa jireenyashee hunda garee kana irratti hirkachiiftee ''isaan yoo jireenyashee keessa hin jiraanne akka isheen waa'ee hin baasne akkatti dhagahamu godhanii ture,'' jetti.
Garee kanarraa daa'imashee miliqsuuf dhamaatiiniifi dadhabbii baayyeen booda isheef milkaa'uu danda'eera.
Kiristinaa fi intallishee amma gara jireenyasaanii duriiti deebi'uuf yaalaa jiru. Suuta suuta jireenya isaanii lammata ijaaruuf yaalaa jiru.
''Intallikoo nyaachuufi rafuu dhaabdee ture. Akka haadhaatti miirri qofaatti hafuu natti dhagahamee ture. Humna dhabuufi abdii kutachuun narratti wal furan,'' jechuun yeroo dabarsan dubbatti.
Dhaabbanni Qorannoo Yakkaa UK gareeleen kan akka 764 ''yaaddoo miidiyaa hawaasaa irra jiran,'' jechuun isaan ibsa.
Haleellaa saalaa miidiyaa hawaasaa irratti daa'imman irratti raawwatu kan qoratan Roob Riichaardisan akka jedhanitti gareeleen kunneen daa'imman adamsaa oolu. Yakki raawwatan xiyyeeffannoon gahaa hin kennamneefi.
''Miidhamtoota dubbisuun salphaa miti. Miidhamaa akka jiranis hin amanani. Keesumaa ijoolleen dubaraa akka malee saaxilamu,'' jedhu.
Bara intarneetiifi miidiyaan hawaasaa babal'ate kanatti maatiin ijoolleen isaanii miidiyaa hawaasaa irratti maal akka hojjetan, eenyu wajjin akka oolan hordofuu akka qaban qorataan yakkaa kuni dubbatu.
Karaan ittiin dhimmoota miidiyaa hawaasaa irratti ijoollee gojomaasisan daangessuufi to'atan jira jedhu.
Ol-adeemtuun ganna 14 Moolii Rasal miidiyaa hawaasaa irratti qabiyyee miira jeequu arguun lubbuu ofii baasteetti.
Dhaabbata maqaa Mooliin hundaa'e ''Moolii Roos Faawwundeeshiin,'' kan hundeesse Biroos gareen 764 jedhamu babal'achaa akka dhufe hima.
Gareen kuni ''haala nama rifaasisuun babal'achaa jira. Miidiyaa hawaasaa ijoolleen fayyadaman irratti ifatti dha kan socho'an,'' jedhu.
Gochaa of miidhuufi lubbuu ofii baasuu ol adeemtota biratti mul'atuuf irra jireessa kan gaafatamu gareelee kunneen akka tahan himu.
Gareen 764 bara 2020tti ture kan jalqabe. Lammiin Ameerikaa Biraadlii Kaadinheed umriisaa waggaa 15tti ture garee kana kan jalqabe.
Gareen seexana waaqeffanna jedhu kuni maqaa eenyummaasaa kan fudhate lakkoofsa poostaa bulchiinsa Teeksaas akka fayyadamu amanama.
Qaama gareelee sosochii siyaasa gara mirgaa taasisanii tahuu poolisiin ni ibsa. ''Kunis meeshaa waraanaa hidhachuu jajjabeessuu faa dabalata,'' jechuun poolisiin ibsa.
Kaameruun Fingan garee kanatti kan makame yeroo ganna 18 ture. Poolisiin erga qabamee booda yaada kenneen, ''gareen kuni namoota gurraachaafi kanneen dhibee sammuu qaban irratti xiyyeeffachuun qalbii hata''
Of akka ajjeesan jajjabeessuu, haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf barreefama oolu qooduufi suuraa daa'immanii maxxansuun balleessaa dalaguu amaneera.
Yakka raawwateen yeroo hidhaan irratti muramu abbaan alangaa ''hawaasaa balaa guddaa dha,'' ittiin jedheera.
Dhabbanni farra shororkeessummaa UK gareeleen akkasii ''balaa guddaa dha,'' jedheeraanii
Dhaabbanni farra shorokeessummaa kuni magaalawwan biyyattii garagaraa keessatti sochii taasisaa ture.
Itti gaafatamaan qorannoo yakkaa dhaabichaa Kireel Fiinlii, ''Kaameeruun Fiingan hidhamuun gareelee dhiyeenyatti hordofuuf balbala baneera,'' jedhu.
Maatiin balaa ijoolleen isaanii itti saaxilamaa jiran akka beekan gochuun sochii isa tokko dha.
''Dargaggoonni kunneen maal keessa akka galaaa jiran hordofuun hojii maatii isa tokko dha,'' jedhan.
Bara darbe gareen 764 jedhamu kuni namoota saaxilaman kunneen irratti yakka akka raawwatu dhaabbanni qorannoo yakkaa biyya keessaa Ameerikaa FBI beeksisee ture.
Gareen kuni ''doorsisaafi waliin dhahuun namoonni akka of miidhan ykn lubbuu ofii baasan gaafatu,'' kanas viidiyoodhaan kallattiin ilaaluuni.
Dhaabbanni FBI namoota garee kanaa wajjin hidhata qaban jedhe 250 qorataa jira.
Namoonni garee kanaa wajjin hidhata qaban daa'imman mirga sarbuun, butuufi ajjeesuun biyyoota saddeet keessatti himatamniiru.
Poolisiin dhimma Kaameeruun Fiingan hordofan BBCtti yoo dubbatan, ''dargaggoonni kunneen yakka akka raawwataniif gareen kuni isaan dirqisiisa,'' jedhan.
''Namoota gowwomsuun sobaan boombiin dhuka'uufi jechuun yaaddoo uumu, bashannanuuf jecha garee 764 dargaggoonni makaman dhumarratti mankaraareessitoota tahaniiru,'' jechuunis himaniiru.