Dubartiin sochii afaaniin qofa poolisii gargaarsa gaafatte, nama ishee uggure harkaa baate

Ameerikaa bulchiinsa Kaaroolaayinaa Kibbaatti dubartiin osoo mama ishee uggure waliin konkolaataa keessa jirtuu, sagalee osoo hin dhageessisin sochii afaanii qofaan tumsa poolisii gaafattee baraaramte.

Konkolaataan dubartiin butamte tun keessa turte ibsaa tiraafikaa diimaan osoo ifee jiruu cabsee darbe.

Konkolaataa seera tiraafikaa cabse kanas qondaalli poolisiin dubartii Kayla Wallace jedhamtu duuka buutee hordofuun dhaabsiste.

Wayita kanadha dubartiin konkolaataa keessatti ukkaamfamtee turte ''na gargaari'' jechuun mallattoo afaaniin kan poolisittiitti himatte.

Dubartiin ukkaamfamtee fudhatamte kun sagalee osoo hin dhageessisin hidhiishee sosochoosuu qofaan ''na baraari'' jechaa turte.

Konkolaataa sana dubartii ugguramte kanatu konkolaachisaa turte.

Namni ishee uggure erga walitti dhukaasanii booda meeshaa waraanaa harkaa qabuun waan caaleef sodaachisee uggure.

Shakkamaan dargaggeessa umrii waggaa 29 Kiliinsi Beetis jedhamu kun to'annoo poolisii jala ooleera.

Poolisiin hanga konkolaataa seera tiraafikaa cabsee darbe hari'uun qabdutti taatee sana dura walitti dhukaasauun akka ture quba hin qabdu jechuun waahila BBC kan ta'e CBS hoogganaa Poolisii Noorzi Maartis Biich wabeeffachuun gabaaseera.

Poolisiin kun wayita taateen kun raawwate hojiidhaa ba'uuf daqiiqaa 30 qofatu ishee hafe.

Konkolaaticha dhaabsisuun, dubartiin konkolaachisaa turte wayita keessaa buutu dhiphina keessa jiraachuu hubatte.

''Balbala konkolaataa akka cuftun ajaje. Namni cinaashee tures balbala banee foddaa konkolaataa banuu akka hin dandeenye dubbate,'' jette poolisiin kun.

''Konkolaachistuttiin akka ol ishee deebisuuf jedhu natti himte,'' jette dabaltee.

Namni ishee ukkaamsee fi konkolaataa keessatti cinaa ishee taa'ee ture osoo hin argin irra deddeebiin poolisittiidhaan na baraari jechaa turte.

Nama dubartittii uggure erga konkolaataashee keessa galchitee booda maaltu akka mudate baruu dandeesse poolisittiin.

Nmani kun uummata naannoo sana turerratti dhukaasa banuun dubartii kana meeshaa waraanaanm sodaachisee konkolaataasheetiin akkasheen fuutee deemtu dirqamsiise jette poolisiin kun.

Namni kun naannawa sanatti dhukaasa banee konkolaataa Jeep bifti ishee adii ta'een erga miliqee boodadha taateen kun hunduu kan barame.

Namni dubartii kana uggure akka waan imalaa ta'eetti of fakkeessee konkolaataa kana keessa ture.

Poolisittiin erga konkolaataa kana dhaabsiftee booda poolisoonni dabalataa waamamuun nama kana to'ataniiru.

Meeshaan inni konkolaataa keessa dhoksee tures to'atameera.

Namni kun yaalii ajjeechaa, yakka ugguruu fi meeshaa waraanaa harkatti qabateen yakka raawwachuun himatama.